Overview News

Iskolarshippii Barnhoorn irra deebidhaan baratoota 4f kennameera

14 December 2023 Aswin Endeman

Dhiyeenna kana,yeroo sadaffaaf baratoota mana baruumsa Sheertitti barumsa xumuran 4f Iskolarshippii  Geerit fi Nel BarnHoorn kennameera. Akkuma beekamu maatiin Barn Hoorn hundesitoota Sheer Itiyoophiyaa fi manneen  barnootati.Waggaa waggaadhaan baratoota 4 Iskolarshippii yeroo barnoota isaanii irra caalaa uwwisa baasii isaanii gargaaruu fi gatii jireenya Yunivarsiitii Itiyoophiyaa isaani filatan kan gargaaru ji’aan mallaqni kara Sheertiin ni ergamaaf.Kayyoon  guddaan  Iskolarshippiii baratoota qabxxii olaanaa galmeessan duubni isaanii barachuuf carraa kan hinqabnne gargaaruudha.

Baratoota Na’imaa Aschalawu,Jamiilaa Hedatoo,Muhammad Ahimad  fi Yoordanos Shaambal Aaddee LuulitI fi Mr.Aswiin Indeman  irraa fudhataniiru.Mr.Aswiin Indeman  maqaa manajmentii sheertiin  warra badhaasa hinjifataniin baga gammaddan akkasumas barsiftota mana barumsa Sheer fi hojjatoota gargaaran hojii cimaa wagga 16 dabran hojjatanii fi bu’aa agarsiisaniif galatefatanii jiru.

Baruumsa kutaa 12 xumuuran hunda keessaa baratoonni 8 Iskolarshippiif calalamanii 4 filamaniiru. Kan hafan 4f laappi tooppii kennameraaf.Sagantaan kan gaggeefame maatiin baratootaa ,gaggesitota Sheer Itiyoophiyaa,jaarsota ,hawaasaa ,hojjatoota mana baruumsa Sheerii ,koree maatii fi hoggantoota mootummaa magaalaa bakka argamanitti.

Deeggarsa hunde qabeessa bara hedduuf mana baruumsaa Sheerii fi hospitaalaa taasisaniif ishidhaa fi isa Barnhoorn galateefachaa, nu baratoota kanneenifs dinqisfannaa olaanaa qabaachaa, Sheer Itiyoophiyaan hawaasa Ziwaay fi naannoo keessatti taasisu baratoonni fakkeenna dhugaa kan ta’aniidha.Baratoota keenya baruumsa xumuran fuula dura bakka gahanitti hamilee gaarii  hawwinaaf.

Manni baruumsaa Sheer Itiyoophiyaa baratoota 6500 ol iddoo sadii  qaba.Tilmaaman daa’imman 400 kan ta’an umurii wagga 4 irraa jalqabee mana barnootaa Sheeritti waggaa waggaadhaan kan galmaawan yookaan simataman yoo ta’u innis harka 50 hawaasa naannoo hark 50 ammoo ijoollee hojjatootaa irraa ta’a.