Itti fufiinsa

Galmawwan misooma walitti fufiinsa qabuu

Galmawwan misooma walitti fufiinsa qabuu (SDG) galmawwan addunyaalessaa walitti hidhamiinsa qabanii 17 irraa walitti qabame ” bilupiriintii hundaaf fuulduree fooyya’e fi irra caalaatti walitti fufiinsa qabu argachuufii dha”. Nuti Sheer Itiyoophiyaatti galmawwan kanneeniif shoora gatiiqabeessa taasifna.

Ijaarsa appaartimentii 16 maatiiwwan harka qallayyii ta'aniif

Koreen piriimiyamii Feertiredii Sheer maatiiwwan harka qallayyii ta'aniif appaartimentii 16 Baatuu keessatti ijaaruuf dhiyoo kanatti murteessee jira. Kunis miseensota hawaasa kanneeniif mana qulqulluu fi meeshaalee qulqullinaa isaan kana dura hin qabne kennuudhaan naannoo jireenyaa fayyaa qabeessa mirkaneessuu dha.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

waggaa waggaatti nyaata hoo'aa 240.000 dhiyeessuu

Barattootni oolmaa daa'immanii manneen barnootaa Sheer keessaa 1,200 hundinuu nyaata hoo'aa argatu, kaffaltii malee, guyyaa hunda ganamaan.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Hospitaala Sheer

Hospitaalli keenya waggaa waggaatti dhukkubsattoota 100,000 irra caalanii ni tajaajila. Hojjettoonni fi barattoonni Sheer kaffaltii malee tajaajila fayyaa kan argatan yoo ta'u, miseensotiin hawaasa naannichaa kaffaltiiwwan hospitaalaa baay'ee xiqqaa kaffalu. Guyyaa guyyaadhaan ogeessotiin fayyaa 75 fi hojjettoonni deeggartoonni 90 fayyummaa naannichaa irratti miidhaa bu'aa qabeessa cimaa ta'e taasisu.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Manneen barnootaa Sheer

Sheer Itiyoophiyaan barattoota 6,500 irra caalaniif iddoowwan sadi'itti barnoota ni kenna. OOlmaan daa'immanii, manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa ijoollee hojjettootaa fi hawaasa naannichaatif kaffaltii malee dha. Sheer Itiyoophiyaan Qooqaa keessatti ijaarsa fi oggansa mana barnootaa pabliikiif gargaarsa godhee jira.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

walqixxummaa saalaa galmaan ga'uu,fi gahumsa dubartoota hundaa fi dardarawwanii guddisuu

Nuti sagantaalee adda addaa saala, dandeettii dubartootaa guddisuu fi ofitti fudhachuu, dubartoota fi dardarawwan kumaan lakkaawwaman gargaaruu dhiyaassinee jirra.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Bishaan qulqulluu iddoowwan baadiyyaatif dhiyeessuu

Waggootii darban muraasa keessatti nuti iddoowwan baadiyyaa naannoo Baatuutti argamaniif bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan taasifnee jirra. Boocheessaa, Worjaa fi Waashguulaa keessa iddoo baay'eetti jummoowwan bishaan dhugaatii babal'isuun diriirsinee saaytiiwwan baay'eetti boonoo dhaabneefii jirra.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Hojjettoota 12.500 ta'aniif carraa hojii kennuu

Sheer Itiyoophiyaan Fooreeksii gara Itiyoophiyaatti galu keessaa 4% dhiyeessuun waggootii 15 caalaniif dhiyeessaa guddaa seektara fuduraalee fi kuduraalee dha.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Misooma bu'uraa cimaa, misooma induustirii walitti fufiinsa qabu fi ofitti fudhachuu, kalaqa guddina fiduu danda'u ijaaruu

Qonnawwan fuduraalee fi kuduraalee 3 irraa waggaa waggaatti Abaaboowwan Roozii walitti fufiinsa qaban biiliyoona 1 irra caalan ni omishu.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Nuti umurii, saala, miidhama qaamaa, gosa, sabummaa, iddoo dhalootaa, amantaa yookin dinagdee yookin heera biraatin osoo addaan hin baasin hojiiwwan ni kennina

Nuti Sheer Itiyoophiyaa keessatti hojjettoota aanaalee adda addaa 36 irraa qacarree fi sagantaalee fi leenjii barnootaa adda addaa hojjettoota keenyaa fi hawaasa naannichaatif kennuun keenya kutannoo nuti humna hojii garaagarummaa fi ofitti fudhachuu qabaachuu kan agarsiisu fi kan ittiin boonnu dha.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Sheer Itiyoophiyaan hojii, barnoota, tajaajila fayyaa, fi walumaagalatti guddina kennuun ni gumaacha

Nuti qulqullinaa fi nagaa naannoo keenya ni eegna. Nuti biqiltuuwwan ni dhiyeessina ni dhaabna. Nuti qotee bulaawwan naannoo ni barsiifna. Nuti carraa bishaan qulqulluu ni dhiyeessina.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Nuti maammiltoota keenyaaf Abaaboowwan Roozii qulqullina guddaa qaban, naannoo yookin maasii keenya irratti akkaataa hojii keenya irratti miidhaa faallaa kan hin qabne, ni kennina

Omisha walitti fufiinsa qabu: karaa IPM, Weetlaandii fi jal'isii copha bishaanii. Itti fayyadama walitti fufiinsa qabu karaa Feertirediin.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Nuti dhiyoo kana akka kaampaaniitti sadarkaa qulqullinaa kaarboonii irraa bilisa ta'e argachuu keenyan ittiin boonna

Kana jechuunis faanaan miilaa kaarboonii omishaa fi gurgurtaaa Abaaboowwan Roozii keenyaa bilisa dha.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Copha tokkoon omisha baay'ee

Sheer Itiyoophiyaan marsaa bishaanii irra deddeebi'uuf sirna bishaanii marfamaa adda ta'e fayyadama, bishaan kan calaluu fi irra deebisanii ittiin fayyadamuuf jecha kan ijaarame. Isaan Weetlaandiiwwan bishaan xuraawaa hunda ni calalu. Erga calalameen booda, bishaanichi irra deebidhaan biqiltuuwwan Abaaboowwan Roozii obaasuuf ni oola.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Lafa qullaatti bade deebisanii ijaaruu

Waggootii darban keessatti uwwisa lafa mukkeenii bakka duraatti deebisuu fi bishaan roobarraa dhufu lolaan akka hin balleessine ittisuuf biqiltuuwwan 800,000 irra olee haroo Baatuu irratti dhaabnee jirra. Amma bineensotni bosonaa naannoo kanatti deebi'aa jiru.

Waa'ee gumaacha kanaa irra dabalataan dubbisaa

Shariikummaawwan

Tattaaffii guddina walitti fufiinsa qabuu keenyatiif homnoota qooda fudhattoota baay'ee waliin walitti dhufnee jirra, fakkeenyaaf kaka'umsa misooma abaaboo walitti fufiinsa qabuu, IDH, kan naannoo, qaamolee mootummaa naannoo fi feederaalaa, waldaa qajeelcha maatii Itiyoophiyaa fi daandii xiyyaaraa Itiyoophiyaa waliin.