Itti Gaafatamummaa Hawwaasa

Garaagarummaa fi Ofkeessatti qabuu

Group of women | diversity & inclusion

Gabaabumatti Garaagarummaa fi ofitti qabachuun waa’ee isaanii kanneen akka waan adda isaan taasisu, umurii, saala, gosa, amantaa, dandeettii dhabuu, fedhii saalaa, barnoota, fi iddoo isaan irraa dhufan kabajuu fi dinqisiifachuun namoota jajjabeessuu dha. Nuti Sheer Itiyoophiyaa keessatti waa’ee garaagarummaa fi ofitti qabachuu ilaalchisee kutannoo keenya agarsiisuuf jecha sagantaalee fi barnoota baay’ee humna hojii hojjettoota fi miseensoota hawaasatiif kennuu keenyan kan nuboonsuu dha.

Mana Barnootaa Hoggansaa Dubartootaa(WSOL)

“Kaayyoon kaka’umsi Feertiredii Afriikaa WSOL walqixxummaa saalaa, ofitti qabachuu fi ga’umsa dubartoota akkasumas dargaggootaa fi namoota qaama miidhamtoota ta’an karaa abboomamtoota jijjiiramaa/shaampiyoonoota walqixxummaa dubartootaa jajjabeessuu dha. Kunis kan bira ga’amuu danda’us tooftaalee leenjii leenjistootaa (ToTs), leenjisuu, mentorshiippii fi barnoota hiriyaa hiriyaa waliinii moojuuloota 10 kan matadureewwan ijoo mirga namummaa fi walqixxummaa saalaa jajjabeessan, beekumsa faayinaansii fi hojii uumuu, garaagarummaa galii, dubartoota fi beekumsa hoggansaa agarsiisniini dha. Haalotii keessaa inni tokko akkamiin gochaalee galii ittiin argatan akka hoggananii fi itti babal’ifachuu danda’an dubartoota kan barsiisuu dha. Hirmaattoonni WSOL gochaalee galii ittiin uummatan ittiin jalqabuuf irra caalaatti warra galii xiqqaa argatanii fi dubartoota qaama miidhamtootaaf kaappitaala sanyiituu isaaniif kennama.

Bara 2019 irraa kaasee, piroojektichi garee hojjettoota abaaboo sadi mana barnootaa hooggansa dubartootaa keessa eebifaman kan moojuulii leenjii akka dubartootn hojii irrattii fi hawaasa keessatti karaa mentorshiippii, muuxannoo guddifachuu , fi kaka’umsa jijjiirrama amalaatiin oggantoota ittiin ta’an xumuuratan argee jira. ”

Akka qaama sagantaa barnootaatti, karoora daldala/ biizinas pilaanii isaanii itti xumuuranii fi dinagdee isaanii ittiin babal’ifataniif dubartoota akka deeggaruuf jecha gareewwan sochii galii ittiin burqisiisan saddeet dhaabbatanii jiru. Addis Pheexiroos, kanaan dura Sheer Itiyoophiyaa keessatti sassaabduu kan turte, bara 2019 kan eebbifamte, ” Barnootni hoggansaa barachuudhaaf fedhii qabaachuu qofaa akka nabarbaachisu nabarsiisee jira. Fedhiin, kutaa jireenya keetii kam iyyuu osoo hin baleessin iddoo adda addaatti barachuu fi guddachuun ni danda’ama.” jettrr jirti.

Kabajni HUNDAAF (D4A)

Sheer Itiyoophiyaa keessatti hojjettoota miidhama qaamaa qaban ofitti fudhachuun yeroo mara dursi ni kennamaaf. Haata’uyyuu malee, sagantaa Kabajni hundaaf (D4A) kan Feertiredii Afriikaa hojjettoota qaama miidhamtoota 116 ta’aniif meeshaalee hijii isaanii haala gaaridhaan akka hojjetan isaan gargaaru deeggaruu isaatiif nuti galata kennitoota. Piroojektii kana keessatti, Sheer Itiyoophiyaan fi Feertiredii Afriikaa waldaa deebisanii ijaaruu Giraarbeet Baatuutti argamu kan gosa meeshaa barbaachisu fi meeshaaleen sirriitti walitti galuu isaanii fayyadamtootaaf safaran waliin walgargaaree jira. Isaanis kanneen akka wiilcharii abbaa gommaa sadi’ii, kiraanchii, miilota nam tolchee, fuulleewwan ijaa, fi meeshaalee dhageettiif gargaaran kan ofkeessaa qabuu dha. Hojjettoonnishan seenaa dhuunfaa isaanii nuuf hiruuf fedha qabeessa waan ta’aniif nuti galata isaanf qabna.

Maqaan koo Wubnash Taakkalaa dha. Umuriin koo waggaa 22 fi naannoo wolaayittaa Sooddoo irraa kan dhufee dha. Sheerii keessa bara 2018 jalqabe. Hojiin koo kaartooniiwwan kichuu abaaboowwanii ittiin qabamu safaruu fi qopheessuu dha. Hojiin ani taa'ee hojjechuu danda'u isa kana. Rakkoon miila kootii kan najalqabe yeroon daa'ima waggaa 6 ture. yero sanii kaasee tarkaanfadhee deemuu hin dandeenye. Inni dhugumatti jiruu koo gara gaariitti jijjiiree jira.

Mahaammad Kadir

Maqaan koo Mahaammad Kadir jedhama. Umuriin koo waggaa 42 yoo ta'u Sheer keessatti hojii kan jalqabe bara 2009 irratti. Yeroo ani loltuu ta'ee tajaajilaa turettin rasaasaan rukkutame. sababa kanaafi kanan ija nam tolchee tokko qabu. Ija kiyya inni kaan ilaaluuf yeroo dhaa yerootti dadhabaa dhufe. Feertirediif galtni haaga'u ani amma fuulleewwan ijaa gosa lama qaba. Tokko ittiin dubbisuuf inni tokko immoo aduudhaaf. Kunis hojii waardiyyummaa kootii irratti akkan ofitti amanu nataasisee jira.

Salaamaawiit Haayilee

Salaamaawiit Haayilee jedhama, umuriin koo waggaa 22. Ani bara 2018 irraa kaasee hojiirran jira. Ani naannoo shoonee(Shaashamannee) irraa obboleetti kiyya waliin ta'een Sheerii keessa hojjechuuf dhufe. Nuti waliin jiraannas. Ga'een hojii kootii Abaaboowwan Roozii sassaabuu dha. Miilli koo daa'imummaa kootin cabe. Miilli koo inni tokko isa kaan irraa gabaabaa dha. Kopheewwan harkaan hojjetaman kan Feertiredii irraa argadheen akka gaariitti madaala koo eeggadhee deemuu danda'ee jira. Inni kan baay'ee fooyya'ee fi miidhagaa ta'ee dha.

Muudee Baalchaa

Maqaan koo Muudee Baalchaa dha, umuriin koo waggaa 47.ani jalqaba irratti Arbaamincii iraatin dhufe. Bara 2016 irratti hojii barbaaduun gara Baatuu dhufe. waraabduu ta'een Sheeriitti jalqabe. Daa'imummaa kiyyaanan Pooliyoodhan miidhame. Kunis miilli koo in ni mirgaa akka gabaabbatu godhee jira. Kophee jalli isaa harkaan hojjetame ani fudhadheen kubbaa miillaa taphachuu illee danda'ee jira. Haatii manaa kootii Qonna Abaaboo Roozii keessatti hojjetti. Nuti lamaan ijoollee keenya gara yuunivarsitii fi mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Arbaamincitti bakka eessuma isaanii waliin jiraatanitti erguu dandeenyee jirra.

Addis Taaddasa

Maqaan koo Addis Taaddasa umuriin koo waggaa 21. Ani gara Sheer kan dhufe bara 2019. Akka gargaarsa duraatti fedhiin koo warra ana waliin hojjetanii gargaaruu dha.Ani jalqaba irratti Arsii Boqqojjii irraatin dhufe. Umurii waggaa koo irratti miila koo irratti qoraattiin qaba ture. Kunis gara faalamaatti naan ga'ee miilli koo inni tokko isa kaan irra xiqqoo akka gabaabbatu godhee jira. Kophee jalli isaa addaa ta'e kan ani daldala sirrii irraa argadhe tarkaanfachuu salphaa naaf godhee jira. Ani dhi'oo kana akkaawuntiidhan dippiloomaa argadhee jira diigrii koo argachuufis ittin fufa. Gaaf tokko ani hoijii biiroo keessaa akkan argadhu abdiin qaba.

Maayikiroo-Interpraayiziiwwaniif daldala uumuu

Intarpiraayizoonni maayikiroo fi sadarkaa xixiqqaa (MSE) deeggarsa dhaabbilee kanneen akka carraa gabaa gaarii, kan tarsiimoo faayidaa qabeessa warra hojii hin qabneef hojii uumu kan qabuu fi hiyyummaa xhir’isu/xiqqeessu waliin walitti fidamu. Nuti Sheer Itiyoophiyaatti dheemsha/dhiyeessa intarpiraayizoota maayikiroo naannootti argaman 19 irraa bitanna, namoota 250 irra caalaniif walitti hidhamiinsa gabaa uumnee jirra. Fakkeenyi inni gaariin daldala Y.K. Adaamii Tulluu keessatti kan argamuu fi namoota saddeetii (dhiira 3 fi dubartoota 5), kan Joonii buunee fi Kadir Araarsootin ogganamu dha. Gareen bara 2019 irratti kan ijaaramee fi daldalli kan jalqabame dippaartimentii ijaarsaa Sheer Itiyoophiyaatiif ashawaa, dhagaa , dhagaa korataa , fi ashawaa diimaa dhiyeessudhaani. Giddugalaan Y.K. ji’atti meeshaalee gara konkolaataa fe’iinsaa 17 ni dhiyeessa. Kadir akka jedhe: ‘ waggootii darban keessatti suutuma suuta daldalli akkamiin akka hojjetamu barannee jirra. Beekumsi waliigaluu kenya fooyya’ee jira waan ta’eef meeshaalee dhiyeessu fi daldala keenya guddisuuf yeroo ammaa caal baasiiwwan mootummaa irraa argachuu yaalii gochaa jirra. Namoota garee keenyaa 8 duuba miseensotni maatii 22 ni jiru. Kanaafuu walumaagalatti namoonni 30 daldala nuti Sheer Itiyoophiyaa irraa argannuun fayyadamtoota. Maallaqa argannuun manneen dhuunfaa keenyaa ijaaruu barbaadna’.

Sagantaalee sirna saalaa

Nuti walqixxummaa saalaa mirkaneessuu fi mirgoota dubartootaa eeguuf jecha imaammatawwan adda addaa qopheessinee hojiirra oolchinee jirra. Imaammatawwan kunniin kanneen biroo waliin kan ofkeessatti qabatan: miidhaa/cunqursa saalaa, addaan baasuu dhiisuu, walqixxummaa fi ofitti fudhachuu fi eeyyama da’umsaa fi harma hoosisuu dha. Akka fakkeenyaatti , imaammatni harmee ishee naressii asitti ibsamee jira:

‘Maqaan koo Abbaayinash Huseeni, umuriin koo waggaa 25. Ani Sheer Itiyoophiyaa Adaamii Tulluu keessa jirutti hojii kan jalqabe waggaa 3 dura. Ani sassaabduu giriinhaawusii keessaati. Abbaan manaa koo dippaartimentii jall’isii Sheer Itiyoophiyaa keessa hojjeta. Nuti ijoollee lama kan waggaa 3 fi 1 waliin qabna. Sheer eeyyama da’umsaa mindaa waliinii ji’oota afurii ni kenna. Yeroon mucaa koo da’utti eeyyama waggaa koo dabaladhee ji’oota mana koo turuu danda’ee jira. hamma mucaan koo waggaa tokko guututti, ani guyyaa guyyaadhan eeyyama harma hoosisuu sa’aatii lamaa kaffaltii qabu argachuuf mirga nan qaba. Kanaafuu ani guyyaa guyyaadhan mucaa koo hoosisuuf sa’aatii 11:00 irratti gara mana kootii deemee sa’aatii 13: irratti gara hojii deebi’a. Boqochuun kun boqonnaa laaqanaa sa’aatii tokko ni dabalata. Kanaafuu guyyaan hojii kootii sa’aatii 15:00 irratti raawwata, nama kamiyyuu sa’aatii tokkoon dursee gara mucaa kootii deemuu nan danda’a. Guyyaa harmeen koo mucaa waan naaf kunuunsituuf galii biraa argachuu nan danda’a. Yeroo mucaan koo hangafti waggaa 4 guutte mana barnootaa Sheer kaffaltii irraa bilisa ta’ettin ishee galmeessisa. Kunis faayidaa biraa Sheeriif hojjechuu irraa argamuu dha’.

Barsiisota hiriyaa hiriyaa waliinii

“Matadureewwan adda addaa waa’ee garaagarummaa fi ofitti fudhachuu hojjettoota barsiisuuf, nuti barsiistoota hiriyaa hiriyaa waliinii fayyadamna. Barsiisni hiriyaa hiriyaa waliinii barsiisa yookin qooddachuu waa’ee odeeffannoo fayyaa, safuu/sona fi amalaa isaan kaan kan seenaa hawaasummaa duubaa yookin muuxannoo jireenyaa walfakkaatu qabanii ittiin barsiisnii dha. Barsiistootni hiriyaa hiriyaa waliinii waggaa guutuu waytiilee leenjii hedduu fudhatanii bifa tolaatiin yookin fedha ofiitiin hojjettoota kaanya barsiisanii dha. Nuti lamaan isaanii muuxannoo isaanii akka nuuf qoodan gaafannee jirra. Isaan keessaa inni tokko Bododee Kilxooti. Dardara sabboontuu seenaa qabeettii dha:

‘kanan dhaladhee guddadhe Adaamii Tulluu keessa ta’ee Sheer keessa akka hojjettuu kaartoonii qopheessituutti gara waggaa 9 dura. Tajaajila waggaa tokkoon booda hir’ina qaama kootiif gargaarsa fayyaa argadhe. Umurii koo waggaa 15 irratti pooliyoodhaan qabamee ergasii miilli koo ni qall’atte. yeroo sanaa kaasee ani kiraanchiidhaan tarkaanfachaan jira. Ayyaantuu ta’ee Sheer Itiyoophiyaa keessa hojii argadhe. Bara 2017 keessa dippaartimentii qulqullinaa keessatti hojiin naaf kenname. Ani To’attuu qulqullinaa ta’e. Ani miseensa koree saalaa fi miseensa koree fayyaa fi eeggannooti. Qaama miidhamtuu ta’ullee, carraalee guddaatu Sheer keessatti naaf kenname. Ani warra ana waliin hojjetan matadureewwan adda addaa keessumattuu hubannoo waa’ee qaama miidhamtootaa barsiisuu irratti dhugumattan jaaladha. Dhiyoo kana ani karaa sagantaa kabaja hundaaf Feertirediin miila nam tolchee argadhe. Amma, yeroo baay’ee dheeraa ta’een booda kiraanchii malee tarkaanfachuu jalqabee jira. Ani baay’ee gammadduu fi boontuu ta’ee jira. Dhiyoo kanattan heerume, dhugaadhumatti akkan eebbifamtuu ta’etti natti dhaga’ama’.”

“Barsiistuun hiriyaa hiriyaa waliinii isheen biroo Yeerusaaleem Bayyana, umuriin ishee wagaa 28 dha:

‘Ani bara 2013 Sheeritti jalqabe. Ani gosa hojii adda addaa irratti hojjedhee jira: waggootii 2 akka hojjetaa waliigalaatti, waggootii 2 akka yeroo to’attuutti fi dhuma irratti waggootii 4 akka hojjettuu kutaa meeshaa. Ani jalqaba iddoo wanjii jedhamu irraatin dhufe. Ani mucaa dhiiraa umuriin isaa waggaa 8 ta’e qaba. Akka barsiistuu hiriyaa hiriyaa waliiniitti matadureewwan garaa garaa kanneen akka walqixxummaa saalaa, dandeettii dubartootaa cimsuu fi qusannaa maatii irratti nuti idileedhan leenjiiwwan keessaa fi alaa fudhannee jirra. Torbanitti al tokko hojjettoota waliin hojjennu garee namoota 25 hanga 50 qabuuf leenjii ni qopheessina. yeroo laaqanaatti waan nuti baranne san dabarsuuf yaalii goona. Yeroon ani namoonni namoonni jijjiiramanii fi murtee sirrii murteessan argutti nan gammada. Beekumsi kun hundi ofitti amanummaa irra caalaatti waan naaf kenneef dubartii si’ooftuu naan godhee jira. Akka fakkeenyaatti leejii beekumsa kompiitaraa koree Feertiredii piriimiyemiitin kenname haa fudhannu. Ani leenjii ji’oota 6 fudhee jira. Dhiyoo kana ani sagantaa barnoota saayinsii kompitaraa waggootii 3tiif kolleejjii galmaa’ee jira’.”

Qusannaa maatii fi HIV EEDSII

Mata dureen inni baay’ee barbaachisaan qusannaa maatii fi ittisa HIV EED|SII dha. Barsiistuu hiriyaa hiriyaa waliinii Beessaa Ibsaa (umuriin ishee waggaa 33) hojjettuu keenya kan seenaa ofii ishee isaan biroo barsiisuuf fayyadamtuu dha:

‘Ani jalqaba irratti Arsii irraatin dhufe. Ani amma Baatuu keessa gara wagootii 20 jiraadhee jira. Ani Sheer Itiyoophiyaatiif hojjechuu kan jalqabe bara 2014 keessa. Ji’ootii jalqabaa 6tiif waardiyyummaadhan, achirraan immoo akka oggantuu damee kutaa meeshaatti. Ani waggooti 5 dura koree saalaa keessa gale. Ani namootii ana waliin hojjetan waa’ee faayidaa uffata balaa irraa ittisu PPE uffatachuu, qulqullina fi qusannaa maatii nan barsiisa. Ani daa’imummaa/umurii malee heerumuun ba’aa akka ta’e muuxannoo ofii kootirraa nan beeka. Ani umurii koo waggaa 13itti heerume. Ani umurii koo waggaa 14 irratti mucaa koo kan jalqabaa da’ee jira. Mucaan koo inni/isheen jalqabaa amma Yuunivarsitii jira. Inni lammaffaa mana barnootaa Sheer keessa kutaa 12ffaa dha. Ani mucaa koo isa sadaffaa mucaa jaalalaa jedheen isa waama, inni amma kutaa 2faa dha. Ayyaantuu ta’ee ani nama baay’ee gaarii ta’ettan heerume. Ani ergaan ijoollee koo lamaan dhaleen booda gara barusaatti deebi’e. Kutaa 8 booda barnoota guyyaa guutuudhaan dippiloomaa koo akkaawuntiin argachuuf waggootii sadi fudhate. Ijoollee guddisuu fi barachuun lamaan isaanii waliin deemsisuun ulfaataa dha. Ani garuu keesssa ba’uu kiyyaan nan gammada. Hawwiin koo gara mana barnootaa deebi’uu dha. Yeroo mucaan koo inni lammaffaa gara yuunivarsitii galutti ani diigirii koo Akkaawuntiingiin argachuun barbaada. Ani ijoolleen dubartootni hundi maatii godhachuu isaanitiin dursanii barnoota isaanii akka fixatan ittan hima. Akkasumas ofii keessan miidhaa/cunqursa saalaa fi HIV EEDSII irraa akka eegdan. Matadureewwan kanneen hubachuun barbaachisaa dha. Ani seenaa koo himuu kootiin ittiinan boontuu fi ani gammadduu dha namoota birootiif hubannuu qabachiisuu kiyyaan nan gammada’.

Fayyummaa qaama wal hormaataa

Hojjettoota keenya waa’ee fayyummaa qaamolee wal hormaataa barsiisuun irra caalaatti barbaachisaa dha. Biyya giddugalaan giddu galli isaa waggootii 19.8 ta’ee fi baay’inni uummataa gara miiloyoona 115 siqutti, qusannaan maatii murteessaa dha. Narsii Caaltuu Waraanaa (38) waa’ee hunda kanaa ni beekti: Ani bara 2014 irraa kaaseen sheerii hojjechaa jira. Ani ogummaa deesistummaan diippiloomaa kan qabuu fi waggootii 7 hospitaala Sheer keessa hojjedhee jira. bara 2021 irratti narsii kan maasii kaampaanichaa ta’ee ramadamee jira. Ganama ganamaan ani giriinhaawusiiwwan fi ededaalee bakka itti hojjettoota dhukkubsata itti ilaalutti nan daawwadha. Sa’aatii boodabiiroon koo gorsa dhuunfaatiif banaa kan ta’ee fi hojjettoota baa’ee ta’aniif waa’ee qusannaa maatii, ittisa da’umsaa, dhukkubaalee wal qunnamtii saalatiin daddarbanii fi ulfa hinbarbaachisnee irratti dubbachaan oola. Nuti karaalee baruumsa jilmaa fi leenjii hubannoo kennitoota ta’aniin hojjettoota keenyaaf barnoota kennuuf yaalii goona. Ani sagantaa barsiisoota hiriyaa hiriyaa waliinii keessatti barsiisotaaf leenjiin kenna kanaanis hojjettoota nuwaliin hojjetan baay’ee isaanii bira ga’uu dandeenyee jira. Waggootii darban keessatti dubartootii dardaraaleen maloota dhala ittiin ittisan akka fudhatan amansiisuu irratti nuti baa’iee milkoofnee jirra. Nuti Hospitaala Sheer keessatti dhukkubsattoota HIV EEDsiif tajaajila gorsaa ni kennina akkasumas dubartoota umurii 30-50 keessa jiraniif dhukkuba kaansarii gadaamessaatif qorannoo ni taasifna. ‘.