Itti fufiinsa

Sheer Itiyoophiyaan kaarboonii irraa bilisa dha

Waggootii dhiyoo kanneenitti, kaarboonii irraa imbaabsawaa ta’uun kaayyoowwan Kan naannoo Sheer Itiyoophiyaa keessa isa tokko ta’aa jira.

Nuti akka kaampaaniitti sadarkaa qulqullinaa kaarboonii irraa imbaabsawaa ta’uu keenya arganne  labsuu keenyaan kan baay’isee ittiin boonnu dha. Kana jechuunis Faanaan miilla keenyaa kaarboonii kan omishaa fi gurgurtaa angooxoowwanii keenya imbaabsawaa dha. kan nuti sadarkaa qulqullinaa kana irra geenyes gochaalee gadhiisawwan kaarboonii kanneen akka omishaa fi geejiba angooxoowwanii, omisha meeshaalee fi galteewwan qonnaa fayyadamne garuu dabalataanis gadhiisawwan kanneen biroo konkolaattotaa fi omisha elektiriikii irratti dhufan madaalamaa gochuu danda’uu keenya dha. deemsa keenya kanaaf kan nuti deeggaramnu dhaani <a href=”https://www.pre-consultancy.nl/”>PRé Consultancy</a> fi <a href=”https://www.onecarbonworld.com/”>Addunyaa kaarboonii tokko</a> gadhiisa kaarboonii keenya shaallagachuu fi ragaasifachuu keenyaaf

Gadhiisawwan keenya shaallaguu
Baay’ina kaarboonii madaalamaa akka ta’u kan barbaadu tokko, hamma kaarboonii inni gadhiisu murteeffachuu qaba. Sababiiwwan yaalii  faana miillaa kaarboonii kaka’umsa misooma abaaboo walitti fufiinsa qabu (FSI) keessa akka nuti gallu taasise keessa  isa kana ture. gadhiisa kaarboonii hojiiwwan keenya hundaa Itiyoophiyaa fi Neezarlaandisii safaruu fi shaallaguuf, miiltoon keenya gorssaan PRé maloota PEF kan fayyadamuu fi kan <a href=”file:///C:/Users/AEndeman/AppData/Local/Microsoft/Windows/INetCache/Content.Outlook/LQJL1W0B/Annex%20WUR%20memo%202021-081a%20analysis%20existing%20methodologies.pdf”>Horti-Footprint Category Rules</a> (dhaan ijaarame <a href=”https://www.wur.nl/”>Wageningen University</a>). Gadhiisawwan biqilchuu, sadarkeessuu, saamsuu, geejibuu, fi adeemsisuu irraa dhufan hundi shaallaggii gadhiisa keenya keessatti kan qabatamanii dha. garuu dabalataanis, galteewwan hundi kanneen akka xaa’oowwan, pilaastiikoota giriinhaawusii fi ijaarsawwan/gamoowwan.
Sirrummaa Shaaallaggii keenya mirkaneessuu

Gadhiisawwan keessan madaaluuf hamma kireediitiiwwan kaarboonii sirri ta’e argachuuf, Addunyaa kaarboonii tokkoo, qaama mirkanaa’e shaallaggiiwwan gadhiisa fi bu’aa isaa mirkaneesse. Addunyaan kaarboonii tokkoo shariika qabeenya addunyaalessaati kan Haala qilleensaa imbaabsawaa Amma kaka’uumsa, Koree jijjiirrama haala qilleensaa moottummaa gamtoomaniitiin jalqabamee jira. Haalli qilleensa imbaabsawaa amma kaayyoo hawaasa sadarkaa hundarra jiran tarkaanfii haala qilleensaa fudhatan jecha addunyaa bara walakkaa barkumee irratti akkuma waliigaltee Paariis irratti baruma sanatti ibsameen haala qilleensaa imbaabsawaa argatan (zeeroo qulqullaa’e) bara 2015 irratti jalqabamee jira.

Gadhiisawwan keenya madaaluu

Lakkoofsa gadhiisawwanii irratti hundaa’uun, waraqaaleen ragaa kireediitiiwwanii kennamanii jiru. Kireediitii kaarboonii mirkaneeffamaa kanneenin (VERs) piroojektiin baay’ee addunyaarra jiran faayinaansidhaan deeggaramuu danda’u. Qaama kireediitii kaarboonii keenyatiin, nuti piroojektii La Pitanga / Weyerhaeuser – a reforestation piroojektii bosona deebisanii biqilchu biyya Ameerikaa kibbaa Uraaguwaay jedhamtu keessatti argamu deeggarree jirra. Piroojektiin kun waggootii 100 kan turu, ta’ee lafa hekitaara 18,000 kan uwwisuu, fi kan Rainforest Alliance dhaan mirkaneeffamee dha. Piroojektichi dabalataanis jedhamuun kan mirkaneeffamee fi kireediitiiwwan kaarboonii piroojektii kanaan uumaman VERRA mana galmee addunyaa irrtti guddaa ta’een luuba ba’anii jiru. Kireediitiiwwan kanneen hafan piroojektiiwwan anniisaa indiyaa keessa jiran deeggaru. Piroojektiiwwan tokkoon tokkoon isaanii adeemsa sakatta’iinsa cimaa ta’e keessa kan darbanii fi mootummoota gamtoomaniin kan to’atamanii dha. Gara fuula duraatis naannoo irratti hojjennurratti dhiibbaa uumuuf piroojektoota madaalaa kan biyya keessaa kan Afriikaa yookin kan Itiyoophiyaa deeggaruun kaayyoo keenya.

Gadhiisawwan keenya hir'isu/xiqqeessuu
Nuti gadhiisa keenya bara 2019 shaallagannee madaaluudhaan jalqabnee jirra. Dhiyoo kanattis nuti shaallaggii faana miilaa bara 2020 xumuuruun adeemsuma walfakkaataa ta’een raggaasisa fi kireediitiiwwan kaarboonii hamma sirrii ta’e miraneeffachuu fi argachuu dha. Gadhiisawwan keenya madaaluun tarkaanfii isa jalqabaati.  Hawwiin keenya kan yeroo dheeraa madaala gadhiisa keenyaa  itti fufuu ta’ee garuu gadhiisa keenyas hir’isuu dha. Shaallaggiin gadhiisawwanii  akkamiin gadhiisawwan kanneen hir’isuu akka qabnu hubannoo nuuf uumanii jiru. Fakkeenyaaf hojii keenya Aalsmeer keessaatiif, amma nuti gara 100% elekitiriikii magariisaatti jijjiirrannee jirra.  Nuti dabalataanis  meeshaalee galtee gosa biroo angooxoowwan keenya biqilchuuf oolan  fayyadamuu hubannoo keessa galchaa jirra.
Addunyaa kaarboonii tokkoo

Andrew Bowen, CEO addunyaa kaarboonii tokkoo, jedhe: ”Afriflora Sher qottuu Abaaboo Roozii addunyaarraa isa guddaa ta’uu isaatiin, sadarkaa qulqullinaa addunyaalessaa kaarboonii irraa imbaabsawaa ta’e fi hirmaannaa haala qilleensaa imbaabsawaa ammaa UN ta’uu isaa mirkaneessuu itiin ni boonna. Afrifloraan duula jijjiirama qilleensaa irratti taasifamaa jiru irratti kutannoodhan hirmaachuun amma gadhiisa isaanii safaruu fi dhaabbilee safaruuf gumaacha godhan keessa isa tokko ta’ee beekkamtii WARQEE kan argatee dha. Baga gammaddan!”