Itti Gaafatamummaa Hawwaasa

Manneen barnootaa Sheer

Sheer ijoollee 6,500 irra caalaniif iddoowwan sadi’itti barnoota kennaa jira. Oolmaandaa’immanii, manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa ijoollee hojjettootaa fi miseensotii hawaasatiif kaffaltii irraa bilisa. Tilmaamaan ijoolleen 400 – ta’an umurii waggaa 4 – irratti waggaa waggaadhan mana barnootaa Sheerii ni galu. Akkaataan fudhannaa barattootaa ijoollee hojjettootaa fi ijoollee hawaasa naannichaa harka 50 – 50 qixxee dha. Barattiitni fudhatama argatanis kan filatamanis koree manneen qopheessaa bulchiinsa naannoo sanaatini dha.

Barattoonni oolmaa daa’immanii 1,200 hundinuu guyyaa hunda ganama ciree hoo’aa bilisaan argatu. Nuti barsiistoota 215 fi dabalataan immoo hojjettoota deeggarsa kennitootaa 155 (bulchiinsa, qulqulleessitoota, nyaata qopheessitoota, meeshaalee suuphanii fi waardiyyoota) qacarree jirra. Manneen barnootaa Baatuu fi Adaamii Tulluutti argaman maallaqa Feertiredii fi Sheerii irraa deeggarsa guddaa qarra argatanii dha. Nuti Adaamii Tulluutti waggaa waggaadhan kutaalee barnootaa lama lama ijaaraa jirra.

Waan ijoolleen dirqamaan barachuu qaban kan murteessu mootummaa Itiyoophiyaati. Manneen barnootaa Sheer sirna barnootaa mootummaatiin waliigalu. Nuti kan barsiisaa jirru qulqullina sadarkaa Ingiliiziitiin kan walfakkaatu fi afaan naannoo lamaatini: Amaariffaa fi Afaan Oromoo. Tooftaan kunis sadarkaa qulqullinaa guddaa akka mirkaneeffannuu fi waggootii dhihoo keessatti kan ofii isaa mirkaneessudhaan ol ta’ee dha. To’attootni mootummaa walaba ta’aniitin qullqullina barnootaa, meeshaalee, fi baayy’ina barattootaa kutaa tokko keessatti baratanii irratti hundaa’uun mana barnootaa keenya ni to’atu. Manneen barnootaa Sheer waggootii baay’ee ta’aniif manneen barnootaa Itiyoophiyaa keessatti adda durummaan beekaman keessa isa tokko dha.

Sheer Itiyoophiyaan mana barnootaa mootummaa Qooqaa keessatti argamu ijaaruuf gargaaree jira. Hojii kana irratti ispoonsaroota waliin hirmaatee hojjechuun kutaalee barnootaa sadi fi deeskiwwan sirrii fi meeshaalee dirree taphaatif ta’an deeggaree jira. Eeggannoof akka toluttis dallaan itti ijaaramee jira.

Ilaalcha waliigalaa manneen barnootaa Sheer