Waa'ee keenya

Waraqaalee ragaa

certificates farm

“Sheer Itiyoophiyaan hojjettoota isaatif haalotii hojii gaarii mirkaneessaa Abaaboowwan Rooziii saa karaa walirraa hincitiniin omishuu isaatin ittiin ni boona. Omisha, adeemsawwanii fi haalotiin keenya qaamolee mirkaaneessitoota adda addaatin to’annaan godhameefii waraqaan ragaa (mirkaneessi) kennamaaf.

  • Feertiredii
  • MPS-SQ
  • MPS-ABC
  • MPS-GAP
  • GRASP
  • ETI
  • EHPEA Raawwii hojii Meetii
  • EHPEA Raawwii hojii Warqee

Yoo waraqaalee ragaa (isa tokko) ilaaluu barbaaddan, karaa liikii kanaan gadiitin argachuu dandeessu:

Feertiredii

“Qonnaawwan keenya ulaagaalee Feertiredii adda addaa, omisha naannoo waliin wal simataa ta’ee fi jireenya bu’aa qabeessa fi haalotii hojii hojjettootaaf kan guutuu dha. Abaaboowwan sadarkaa Feertiredii jalatti gurguramaniif warri bitan kaffaltii irratti maallaqa hamma ta’e dabalanii kaffalu. Maallaqni gatii idilee irratti dabalamee kaffalamu kun gareen isaa piroojektoota hawaasummaa kanneen akka hospitaala fi manneen barnootaa Sheer Itiyoophiyaatif kan oolanii dha. Inni dabalataanis baajata kaffaltii koree Feertirediif naqaalee nyaataa fi leenjii kennamuuf kan gumaacha godhu dha. Kanaafuu warri bittuu Awurooppaa keessaa jireenya fooyya’aa Itiyoophiyaatif gumaachuu danda’u jechuu dha. Waliigaltee sadarkaa qulqullinaa Feertiredii waliin taasifameef Sheeriin waggaa waggaatti ni to’atama.

 

MPS- Ga'umsa hawaasummaa ni qaba

Haalootiin hojii gaarii daldaltoota fi bittoota baay’ee ta’aniif ga’ee guddaa kan taphatuu dha. MPS-Waraqaa ragaa ga’umsa hawaasummaa qabaachuun isaa ulaagaalee waliigalteewwan Addunyaalessaa kanneen akka fayyaa fi eeggannoo ni agarsiisa.

MPS-ABC

MPS-ABC Meeshaa to’annaa Kaampaaniiwwan tarkaanfiilee mijataa hojiirra oolchuun miidhaa naannoo irra ga’uu malu akka hir’isan agarsiisu dha. MPS-ABC Carraaqqiin yaaliiwwan walitti fufiinsaan taasifaman ifa kan ta’anii fi kan safaramuu danda’anii dha. Innis waraqaa ragaa addunyaa irratti beekkamtii qabu kan galmeessa dijitaalaa irratti hundaa’ee meeshaalee omisha midhaanii hittisan, anniisaa, xaa’oowwan, bishaan, fi kosii/xurii irratti kan hojjetuu dha. MPS-A Dandeettiin nuti badhaafamne kun Naannoo dammaqinaan misoomsuu waliin kan wal fakkaatuu dha.

 

MPS-GAP (Good Agricultural Practice) Muuxnnoo qonna gaarii

MPS-GAP sagantaa ragaa ba’uu Kannee akka walqabatee deemuu, naannoo, eeggannoo, fi qulqullinaa hammatuu dha. MPS-GAP irkataa Global GAP kan ta’e, jechuunis GGN (Lakkoofsi Global GAP )battaluma waraqaan ragaa fudhatameen kan ramadamuufii dha. Lakkoofsi kunis Daataabeezii GlobalGAP irratti kan mul’atuu dha.

GRASP

GRASP (Global GAP Risk Assessment on Social Practice) Waraqaa ragaa amma jiru MPS GAP irratti dabalata kan ta’ee dha. Muraan GRASP kaampaaniiwwan ulaagaalee hedduu kanneen akka bakka humna namaa fi taliigaa peeroolii, iddoo ciisichaa fi hojiilee qaama alaatif dabarsanii kennuu kan fakkaatan kan nqoratuu dha. is an addition to the current MPS GAP certificate.

 

ETI (Ethical Trading Initiative) Kaka'umsaa mala gaarii daldalaa

 Irra caalaatti ETI  gabaa UK dhaaf kan qophaa’e dha. Karaa biraatin immoo  biyyoota hundaafuu mijataa kan ta’ee fi deeggarsa Addunyaalessaa ball’aa mit mootummoota  fi yuuniyenoota daldalaa irraa kan qabuu dha. “ETI Base Code”  MPS-Socially Qualified waliin waan walfakkaatu baay’ee qaba, garuu xiyyeeffannaa irra caalu kan godhu  warra Abaaboo Roozii jilmaadhan gurguranii fi kaampaaniiwwan dhiyeessan irratti dha.

EHPEA Raawwii hojii Sadarkaa Meeti

Asxaan waldaa omishtoota gara biyya alaatti ergitoota qonna Abaaboo Roozii Itiyoophiyaa kun hujeeffama naannoo fi hawaasummaa michooma ergitoota Abaaboo Roozii, kutuu fi kuduraalee Itiyoophiyaa keessatti kan to’atuu dha.   Raawwiin hojii EHPEA sadarkaalee sadi qaba: Naahaasii, Meetii fi Warqee. Raawwii hojii sadarkaa meetii international Global GAP kan Abaaboo Roozii fi faayidaalee jedhamu waliin walqixa kan ta’ee dha.  Control Union Certification (CUC) To’annaa fi mirkaneessa walabaawaa  yeroo yeroo mirkaneeffamutti kan raawwatuu dha.
<p>&nbsp;</p>

 

EHPEA Raawwii hojii Sadarkaa Warqee

Raawwii hojii sadarkaa meetiidhan yoo waliin ilaalamu, sadarkaan warqee gochaalee dabalataa fi gamtoomina hawaasa naannoo sana fi seektara qonna Abaaboo Roozii waliinii kan gaafatuu dha. Sheer Itiyoophiyaan 2014 irraa kaasee sadarkaa warqee irra ga’ee jira.

Ann Siminta

Geggeessaa walii galtee