Itti fufiinsa

Taliigaa Ilbiisoota Qinda'aa

employees_pest_management

“Abaaboowwan Roozii biqilchanitti dhukkubaa fi ilbiisotni jiraachuun isaanii waan hin hafne dha. Haata’u malee, akkamiin dhukkubbiiwwanii fi ilbiisotii kanneen to’annaa jala oolchuun dadhabama. Sheer Itiyoophiyaan maloota farra ilbiisotaa keemikaala irraa walaba fi baayolojikaalaa ta’an kan jajjabeessu dha. Fayyummaa uummataa fi naannoo fooyyessuun akeeka baayy’ee barbaachisaa dha. Yeroo danda’amaa ta’etti guutumaa guutuutti Abbaanaawwan keemikaala irraa bilisa fi baayolojiikaalaa waliin hojjechuun feedhii keenya.

Abaaboowwan Roozii keenya ogeessota, “”iskaawutoota”” keenya akka gaariitti liinji’aniin osoo walirraa hincitin ni to’atamu. Isaanis biqiltuun Abaaboo Roozii ilbiisota irraa bilisa ta’uu fi bilisa ta’uu dhiisuu isaanii ni qoratu. Dabalataanis iskaawutootiin kunniin ilbiisotiin barbaachisoo ta’an baay’ina gahaa ta’een jiraachuu isaanii fi yookin immoo sirreeffamni barbaachisu jiraachuu isaa ni to’atu. Hamma baay’ina ilbiisotaa jiranii mirkaneessuuf kiyoo ofitti sassaabduu akka hapheetti qabatu hojiirra oolchuun ilbiisota muraasni sassaabamu. ”

Diinota uumamaa fayyadamuu: Taliigaa ilbiisotaa qindaa'aa integrated pest management (IPM)

“IPM biqiltuu fayyaatiin jalqaba. Kanumaaf jecha nuti baay’istoota biqiltuu fayyadamna. Meeshaaleen kunniin guddina, sirna hundee fi naannoo, haalotii biyyoo fooyyessuu, fi sirna baayolojikaalaa fayyaa qabeessa akka ta’an kan deeggaranii dha. Kunis adeemsa uumamaa ni calleensa. dandeettiin ittisuu biqiltuu ni cima waan ta’eef bu’aan isaa biqiltuu fayyaa qabeessa uuma. Biqiltuu fayyaa qabeessi dhukkubaaf ilbiisotaaf saaxilamuun isaa ni xiqqaata, argamiinsi isaanitis ni xiqqaata.

Yoo ilbiisotni giriinhaawusii/manfuullee keessatti mul’atan, diina isaanii kan uumamaa fayyadamuun hammuma danda’ametti akka ittiin to’annaa ilbiisotaatti itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, mi’aawaa/sharariitiitti adamsituu ishee kan uumamaa ittu erguu. Omishaalee baayolojikaalawaa to’annaa ilbiisotaatiif oolan Abaaboowwan Roozii keessa bakka adda addaatti faffaca’aniit argaman. Omishaaleen kunniinis qaruuraa xixiiqqoon ilbiisotii fiduun hawaasa ilbiisotaa haala uumamaatiin akka to’ataman taasisa. ”

employee_in_picking_roses_greenhouse

Ilbiisota biratti, dhukkubni muraasa faangasoota fi mooldii (mould) dhaan uumamuu danda’u. Akka fakkeenyaatti, bifa daakuu fi lallaafoo ta’anii haarrii buddeenaa kan fakkaatan bifa lamaaninuu dhukkuboota yeroo baay’ee mul’atanii dha. Teekniikoota IPM kanneen akka tarkaanfiilee taliigaa midhaanii, ittisa biqiltootaa kan uumamaa guddisuu fi gosa/sanyii isaanii sirriitti addaan baafachuun saaxilama Abaaboowwanii Roozii dhukkubbiiwwan kanneeniif qaban xiqqeessuun ni danda’ama. Tooftaalee kanneen irratti dabalataanis, abboomamtootni to’annaa ilbiisotaa keemikaalaa fi keemikaala irraa walaba ta’anii ni barbaachisa. Wal’aansawwan kunniin ogeessota leejii addaa fudhatanii fi tarkaanfiilee eeggannoo cimaa waliin dirqama uffataa fi maaskii fuulaa kaawwatanii kan raawwatamanii dha.

Nuti hamma danda’ametti diinota uumamaa fayyadamnu ta’ullee, dhimmoota hundaaf tooftaa kana qofaa fayyadamuun hamma ammaatti bu’aa qabeessa ta’ee hin argamne. Malli keemikaala fi keemikaalarra bilisaa yeroo kanattis ni barbaachisa. Ilbiisootni miidhaa geessisan bulbulawwan kan akka saamunaa fakkaatanii irratti biifuun to’atamu. Kunis tooftaa gaarii bal’inaan hojiirra oole dha.

sadarkaalee qulqullina cimoo

“Omishaaleen naannoo irratti miidhaa dhaqqabsiisan, yookin kan miidhaa isaan dhaqqabsiisuu danda’an hanga ammaatti addaan baafamee hin beekamin faaydaa irra hinoolle. Kunis kan taasifame hojjettoota fi naannoo keenya eegudhaaf jecha. Nuti ciminaan hordofna. sadarkaalee qulqullinaa maammiltoota keenyaaf Abaaboowwan Roozii qulqullina guddaa qaban dhiyeessuuf jecha, miidhaa faallaa naannoo irratti yookiin haalotii hojii maasii keenyaa irratti osoo hin dhaqqabsiisin. tooftaaleen keenya dhaabbilee adda addaa baay’ee taniin haala walirraa hin citiniin ni toatamu. Hammi baay’inaa fi gosti abboomamtootii ilbiisotii to’atanii keenya sadarkaa qulqullinaa addunyaalessaa waliin kan wal madaalanii fi fillannoo maammiltootaa fi hawaasa keenyaa dha.

Mala to’annaa ilbiisotaa baayoloojikaalawaa fi keemikaalota irraa bilisa ta’e barbaaddachaa, itti fayyadamuuf deemaa jiraachuun keenya Sheer Itiyoophiyaa seektara isaa Afriikaa keessaa adda duree taasisa. ”

Pest_management