Itti fufiinsa

Ukkaamsuun tortorsuu

Ukkaamsuun tortorsuun adeemsa marfataaf ni gumaacha

Nuti Sheer Itiyoophiyaa keessatti kosii magariisa ededaalee, suuphaa midhaanii, haamuu fi hundee jalaa buqqisuun gara kompostiitti jijjiirra. Ukkaamsanii tortorsuun itti fayyadama adeemsa uumamaan wantoota orgaanikii ta’an gara wantoota kunuunsa naannotiif barbaachisoo ta’anitti ittiin jijjiiranii dha. Adeemsichi kompaawundoota orgaanikii ta’an gara ruqoolee xixiqqootti caccabsuuf maayikiroon orgaaniizimoota kanneen akka baakiteeriyaa, aktinomaayisas, fi faangasii ni fayyadama

Naannoolee uumamaa keessatti, baala fi dameewwan gara lafaatti kufan biyyoo baddaarra lafaa baay’ee gabbataa, jiidhina qabuu uumuun hundeewwan biqiltootaa akka uwwisuu fi bakka jireenyaa jijjiirtoota bu’uraawaa baay’ee barbaachisoo ta’anii kanneen akka raammoolee, ilbiisotaa fi keessummeessituu maayikiroo orgaaniizimoota ijaan hin mul’annee ta’u. Ukkaamsanii tortorsuun adeemsa wal’aansa guddataa kosii jajjaboo deebisanii faayidaa bu’aa qabeessa ta’uuf itti oolchanii fi wantoota dhukkuba fidanii fi sanyii biqiltuu hin barbaachisnee ttiin balleessanii dha. Qilleensa, jiidhinaa fi wantoota barbaachisoo ta’an kanneen biroo to’achuun adeemsi ukkaamsanii tortorsuu wantoota orgaanikii baay’ee guddaa ta’e yeroo sadhaatawaan gabaabaa ta’e keessatti gara kompostiitti itti jijjiiranii dha. Kuni akka keenyatti torban jahaa hanga saddeeti dha.

Faayidaalee

Yeroo ukkaamsanii tortorsuutti, yeroo maayikiroo orgaaniizimootni wantoota orgaanikii nyaatanitti oksijiinii ni fayyadamu. Ukkaamsanii tortorsuu si’aawaan hoo’a guddaa ta’e ni uuma kan uumu fi kaarboon daayoksaadii baay’ee ta’ee fi hurka bishaanii gara qillensaatti gadhiisa. Kaarboon daayoksaaydii fi bishaa keessa ba’u hamma walakkaa ulfaatina wantoota orgaanokii sanaa qaba, kanaafuu ukkaamsanii tortorsuun yeroo wantootii gara wantoota faayidaa qabeessota biroo biyyoo gabbataa hiyuumasii bfakkaatutti jijjiirutti qabee fi hanga meeshaalee dheedhii lamaan isaanii ni xiqqeessa :

  • Inni caasaa lafaa fi gabbina lafaa ni fooyyessa;
  • Inni nyaatawwan biqiltuu suuta gadhiisa;
  • Inni sirnawwan hundee biqiltuu cimaa ni jajjabeessa;
  • Inni madda gaarii wantoota barbhaachisoo ta’aniiti;
  • Inni haala qilleensa naannotiin kan walsimatuu dha.

Koompoostiin hundinuu nyaata biqiltuuwwan angooxoof oolu. Inni dhaabudhaan dura harkaan kan hojjetamu dha.