Itti gaafatamummaa hawaasa

Daldala sirrii

Fairtrade
Feertirediin maal innii?

Feertirediin sochii hawaasummaa namoonni akkaataa fooyya’oo keessa hojjechuu fi kaampaaniiwwan hojjettoonni waan isaan omishaniif galii irra caalu itti argatan kan gargaaruu dha. Kunis hojjettoonni jiruuwwan isaanii fooyyeffatanii egeree isaanitiif akka akka karoorfatan carraa kan kennuufii dha. Feertiredii namoonni biyyoota guddachaa jiran keessa jiraatan biyyoota guddataniif akka gurguran kan gargaaruu dha. Omishaaleen gabaa addunyaalessaa keessatti gurguraman hojiiwwan mukaa fi meeshaalee omishamoo kanneen biroo kan dabalatu ta’ee garuu dabalataanis omishaalee qonnaa kanneen akka midhaanii, buna, kaakaawoo, sukkaara, baala shaayii, muuzii, damma, jirbii, kuwiinoo’aa, fuduraalee kichuu, chokolaatii fi abaaboowwanii ni dabalata. Shaqaxni sadarkaa qulqullinaa Feertiredii qaban waraqaan ragaa Feertiredii hojjettootaaf naannoodhaaf sirrummaa kan qabu ta’uu isaa mirkaneesu kennameefii jira. Sheer Itiyoophiyaan waraqaa ragaa Feertiredii bara 2012 irratti fudhatee yeroo sanaa kaasee irratti walii galee jira. Piriimiyemiin gurgurtaa Feertiredii Abaaboowwan Roozii keenyaa akka nuti hawaasa irratti investii goonu nuuf eeyyama. Piroojektoota keenya ijoo ta’an irratti dabalataan keessa barnoota fi fayyaa koreen piriimiyemii Feertirediin keenya dhuunfaa isaatin piroojektoota baay’ee armaan gaditti ibsaman ni gaggeessa. Isarratti dabalataanis nuti sagantaalee Feertirediin Afriikaa ni gamtoomna kanneen akka Kabaja Hundaafl  fi kanmana barnootaa oggansaa kan dubartootaa.

Koree piriimiyamii Feertiredii

Miseensotii FPC shan

Bitaa irraa gara mirgaa: Kaliil Gadaa (Dura taa’aa), Kadir Abbabbaa (Maallaqa qabaa), Balaayinesh Getaachoo (Itti aantuu dura taa’aa), Abduqaadiir Deemaa (Abbaa herreegaa) fi Anduaalam Abarraa ( Dura taa’aa yaa’ii waliigalaa)

Koreen pirimiyemii daldala sirrii (FPC) koree miseensota filannoodhan ramadamanii fi gorsitoota bulchiinsaa ramadamniif qabuu dha. kaayyoon isaatis hoggansa piriimiyemii daldala sirrii faayidaa hojjettoota maasii waraqaa ragaa qabu irra jiran hundaatif jecha fudhatamee dha.

Piroojektii FPC Sheer 1: Dhiyeessa nyaataa deeggaramaa

Koreen pirimiyemii Feertiredii (FPC) koree miseensota filannoodhan ramadamanii fi gorsitoota bulchiinsaa ramadamniif qabuu dha. kaayyoon isaatis hoggansa piriimiyemii Feertiredii faayidaa hojjettoota qonna waraqaa ragaa qabu irra jiran hundaatif jecha fudhatamee dha.

Piroojektii FPC Sheer 2: Ijaarsa dandeettii karaa leenjiiwwan dandeettii

Ijaarsi dandeettii akeekawwan Feertiredii keessaa isa tokkoo dha. Kanaafuu leenjiiwwan ogummaa qindeessuuf koreen piriimiyemii waggaa waggaadhan baajata ni ramada. Bara 2021 keessatti leenjiiwan ogummaa adda addaa 4 hojjettoota Sheer hundaaf banaa: Mana bareedinaa, hodhaa, eeyyama konkolaachisummaa fi kompiitara. Hanga ammaatti Hojjettoonni800 leenjichaaf galmaa’anii jiru. Kaffaltiin leenjichaa harki 60% fandii koreetiin kan kaffalamuu dha. Hojjettoonni 40% kaffalu. Hirmaattotni hundi kaka’uumsa qabaachuu isaanii mirkaneessuufi. Leenjiiwwan kan kennaman koolleejjoota dhuunfaan ta’ee hojjettoonni yeroo hojiitin alatti leenjicha fudhachuu ni danda’u. Piroojektiin kun hojjettoota keenyaaf gochawwan carraalee galii dabalataa ittiin argatan fi ofitti amanummaa isaanii akka guddifatan irraa argatanii dha. Gosa Koorsiiwwanleenjichaa irratti hundaa’ee giddugalaan yeroo ji’oota 8 kan fudhatan yoo ta’u hirmaattotni torbanitti sa’aatii 3 hanga 6 ta’uuf gara daree akka dhufan kan isaan gaafatuu dha. Nuti hirmaattonni kanaan duraa seenaa isaanii akka nuuf qoodan gaafannee jirra. Armaan gaditti dubbisuu ni dandeessu.

Piroojektii 2: Mirkaneessitiita leenjiiwwan ogummaa

Saaloonii bareedinaa

Mallasaa Baqqalaa

Maqaan koo Mallasaa Baqqalaa dha, umuriin koo waggaa 30. Ani Sheer keessatti bara 2007 kutaa sadarkeessuu keessatti guduunfituu ta'een jalqabe. Bara 2009 ani supparvaayizara qulqulleessitootaa ta'e, hojii amma ammaatti qabadhee jiru. Ani fuudhee jira, intala umuriin ishee waggaa 5 ta'e qaba. Ogummaan rifeensa tolchuu galii kiyya gara fuula duraa guddifachuuf nagargaara. Ani mana koo keessatti hojii rifeensa tolchu jalqabuun barbaada garuu hojii koo Sheer keessaa ittuman fufa. Rifeensa tolchuun hojii ani yeroo hojiin alatti hojjedhuu dha.

hodhuu

Marshaa tasammaa

Maqaan koo Marshaa Tasammaa dha, umuriin koo waggaa 20. Ani dippaartimentii qulqulleessuu keessattin bara 2018 Sheer keessa hojii jalqabe, ani amma gargaaraa biirooti. kanan dhaladhee guddadhe Baatuu keessa, ani ammallee harmee koo fi obboleessa koo umuriin isaa waggaa 18 fi bara 2022 dizaayinara faashinee ta'ee eebbifamuuf deemu waliinan jiraadha. Inni yeroo nuti suuqii ofii keenyaa itti banannuu dha. Leenjiin ogummaa kun baay'ee ana gargaaree jira. Ani dabalataanis barumsa galgalaa kutaa 11 fi 12 xumuuruuf barachaan jira, isaan booda diippiloomaa argachuuf nan baradha.

eeyyama konkolaachisummaa

Saadaam Kormaa

Maqaan koo Saadaam Kormaa jedhama, umuriin koo waggaa 26. Ani Sheer keessa bara 2015 kutaa sadarkeessuuttan hojii jalqabe ani amma hojjetaa kutaa qabeenyaati. Ani dhaladhee kanan guddadhe magaalaa Baatuu keessa. Ani leenjii ogummaa konkolaachisummaa Hagayya bara 2021 xumuuree amma ogeessa konkolaachisaa awtobisiiti. Ani konkolaachisaa yeroo hojiitiin alaa ta'ee hojjechuuf karoorfadhee jira, kanaafuu galii koo guddifachuu nan danda'a.

koompiitara

Mikiyaas Dagguu

Maqaan koo nMikiyaas Dagguu dha, umuriin koo waggaa 24. Ani bara 2019 Sheer keessatti suphaa giriinhaawusii ta'een hojii jalqabe. Ijoollee sadi waanan qabuuf sadarkaa hojii koo guddifachuun barbaada. Beekumsa IT argadhee gaaf tokko hojii biiroo keessa akkan argadhu danda'u abdiin qaba. Koorsiin kan jalqabame baruumsa yaada qorannoo baay'ee ta'eeni garuu amma sagantaalee qabatamaadhanii kan akka MS Office barachaa jirra.

Piroojektii FPC Sheer 3: Iddoo jireenyaa hawaasa harka qallayiitiif

Koreen dhiyoo kana Baatuu keessatti haala mana jireenyaa miseensota hawwaasichaa harka qaallayyii muraasa ta’anii fooyyessuuf jecha baasii baay’ee guddaa ta’e baasuuf murteessee jira. Gamtoomina cimaa bulchiinsa magaalaa waliin taasisuun appaartimentiiwwan haarawaa ijaaramuuf karoorfaman 16 keessaa fayyadamoo akka ta’an maattiiwwan harka qallayyii filataman 16 filatamanii jiru. Kunis miseensota hawaasichaatif mana gaarii fi meeshaalee qulqulluu kan isaan kanaa dura dhaban kennuun naannoo jireenyaa fayyaa qabeessa ni mirkaneessa. Kunis piroojektii qarshii (ETB) miliyoona 1.6 itti gaafatamummaa koree piriimiyemii Feertiredii Sheer Itiyoophiyaa jalaatti. Sheer Itiyoophiyaan qarshii (ETB) 320,000 bifa hojii humnaatiin karaa garee ijaarsaat gumaachuuf waliigalee jira.