Itti Gaafatamummaa Hawwaasa

Sheer Hospitaalli

Sher hospital from above

Hospitaalli Sheer bara 2007 kan dhaabbatee fi akka hoospitaala kaawuntiitti kan tajaajiluu dha. Baay’inni waliigalaa uumata naannoo Baatuu fi keessa ishee tilmaamaan gara 600,000 dha. Hospitaalichi waggaa tokko keessatti dhukkubsattoota 100,000 ta’aniif tajaajila ni kenna. Guyyaa guyyaadhan dhukkubsattootni tilmaamaan gara 300 ta’an ni wal’aanamu. Hojjettoonnifi barattootni Sheer bilisaan kunuunsa fayyaa kan argatan yoo ta’u, miseensotiin hawaasa naannichaa garuu kaffaltii hospitaalaa xiqqaadhan tajaajilamu. Ogeessotiin fayyaa 75 fi hojjettootin deegartootni 90 waa’e fayyaa naannichaa irratti guyyaa guyyaadhaan ga’ee guddaa taphatu.

Some hospital characteristics:
  • Wal’aansi duraa banaa dha 24/7;
  • Sireewwan hospitaalaa 140 ;
  • Kutaawwan opireeshinii qulqulluu 2;
  • Maashinii eeksiree Dutch Flower Foundation dhaan bara 2020 gumaachan kenname
  • laaboraatorii qorannoowwanii;
  • Faarmaasii;
  • Ogeessa fayyaa ilkaanii;
  • dippaartimentii fiiziyooteraappii.

Hojjettoonnihospitaalichaa waa’ee qusannaa maatii fi ittisa dhalaaa irratti tajaajila gorsaa ni kennu. Nuti dabalataanis sagantaalee talaallii kennuuf mootummaa waliin ni hojjenna. Dippaartimentiin VCT dursanii ittisuu, kunuunsa fi deeggarsa dhukkubsattoota HIV-AIDS ni gargaaru.

Covid-19

protect_yourself_and_othersHubannoo waa’ee COVID- 19 cimsuu irratti hospitaalli keenya ga’ee guddaa taphata. Waa’ee barbaachisummaa qulqullina eeguu fi walirraa faffagaachuu hawaasa naannichaa barsiisuuf duulli baay’ee taasifamee jira. Hojjettoota fi barattoota keenya talaalchisuuf Sadaasa 2021 fi Guraandhala 2022 duulli guddaan qindaa’ee ture. Namootiin 12,000 irra caalan talaalamuuf fedhii qabu ture.

Ilaalchawwan waa'ee hospitaala Sheer