Itti fufiinsa

Weetlaandiiwwan

Sirna bishaanii marfamaa fi Weetlaandii xuruursuuf qulqulleessf ta'u

“Sheer Itiyoophiyaan sirna luuppii marfamaa adda ta’e bishaan irra deebi’anii ittiin fayyadamuuf oolu, keessumattuu bishaan qulqulleessee irra deebi’anii itti fayyadamuuf tolfameef kan fayyadamuu dha. Weetlaandii jedhamu kun dizaayiniin isaa biyya Netherland Yuunivarsitii fi wiirtuu qo’rnnaa Wageningen jedhamuun kan qophaa’e dha. Weetlaandiin kunnin bishaan hojiirra oole hunda ni qulqulleessa. Erga qulqullaa’een booda, irra deebi’ee jal’isiidhan Abaaboowwan Roozii obaasuuf oola.

Jalqaba irratti, nuti bishaan hojiirra oolee xuraa’e hunda walitti qabna: bishaan ujummoo dhangala’oo xurii, haftee sarara meeshaa firfirsituu bishaanii irraa, baaldiiwwan, martuu, mana fincaanii, fi kannen fakkaatan. Sireewwan gingilchituu kaarboonii irratti hundaa’anii, biqiltuuwwan dhedheeroo caffee afaa fakkaatan, giriinhaawusii keessatti argamuu danda’u. caffee dhedheeroon kunniin qulqulleessitoota uumamaati. Hundeewwan biqiltuu kanaa bishaanicha qulqulleessu. Dhugaan inni qurxummiiwwn Weetlaandii keessatti naqamanii lubbuun ittiin jiraatan bishaanichi qulqulluu ta’uu isaa mirkaneessa. Isaan booda bishaanichi duubatti gara vookoomii (sirna raabsa bishaanii jal’isiif oolu), bakka inni biqiltuuwwan Abaaboowwan Rooziirra deebi’ee oolu ni gala. Sirni bishaanii marfamaan bishaan gara harootti akka hin naqamne taasisa.

Humna walqabataa isaan warra Ecofyt, Wageningen University, Koppert, FSI fi IDH  waliin uumameen dandeettiin/beekumsi kunbal’inaan hojiirra oole. Isa kanatuu biyyootii baay’ee keessatti Weetlaandii uumuun hojiirra olaa jira. ”

Qorannoo dhimma hojii

Bara 2019, IDH ogessa farra ilbiisotaa Keith Jones dhaaf , amaloota teeknikaalawaa kalaqiiwwan piroojektichaa fi gadhiifaman akka xiinxalu, ergamiinsa kenneefii ture. Piroojektichis dubbii ijoo lama irratti xiyyeeffata: Gochaalee itti fayyadama farra ilbiisotaa keemikaala siintetikiitti abboomamtoota ittisa baayolojikaalawaa gadhiisuutiin bakka buusuu irratti ijaarsa lafa jiidhaa faalama gara harootti farra ilbiisotaatin dhufu xiqqeessuu fi taliigaa ilbiisotaa qindaa’aa (IPM)

Kan study gochaaleen lafti jiidhaa ijaaramanii fi IPM bakka hir’ate kan guutanii dha, akkuma fayyadama farra ilbiisotaa kilaastikii keemikaalawaa hir’isuun madaqsa IPM irraa gara ga’umsa lafa jiidhaa fidutti, fi akkasumattis balaa hojjettootaa fi naannoo irratti dhufuu danda’uu carraa gatii bu’aa qabeessa ta’e akka uumutti fudhatee jira.

Kanarratti dabalataanis, barreeffamni qorannoo dabalataa argannoowwan gara sadarkaa omisha naannootti akkasumas guddinawwan haarawaa lafa jiidhaa irrattii fi teekinooloojii IPM, fi itti fayyadama lafa jiidhaa irra caalaatti jajjabeessuu hubannoo keessa galchuu dabalatee guddinaa fi filannoowwan ittisa baayolojikaalawaa naannoo keessaa kan walqabsiisu dha.

JAL'ISII XURUURSITUU: BISHAAN FAAYIDAARRA OOLUF MIIRA QABEESSA

Jal’isiin xuruursituu giriinhaawusii keenya hunda keessatti itti fayyadamna. Sararri xuruursituu ujummoo pilaastikii qaawwa darbee darbee qabu irraa tolfamu sireewwan Abaaboowwan Roozii keessa kaa’ama. Copha bishaanii xiqqoo kanatu biqiltuuwwan Abaaboowwan Roozii obaasa. Tooftaan kun tooftaa aadaadhaan lafa jal’isii bishaan jal’isiin itti yaasan irra baay’ee caalaatti bishaan fayyadamanii fi baay’ee qusatuu dha. Nuti jal’isii xuruursaatiin “omisha baay’ee copha tokkoon tokkooniin” omishuu dandeenyee jirra. Akka waliigalaatti sarara ujummoo xuruursituu kiloomeetira 4,800 caalutu giriinhaawusii keessa jira! Kanarratti dabalataan, bishaan roobaa hundi boo’ii keessatti kuufamee faayidaa jal’isiitif hojiirra oola. Nuti karaa kanaan bishaan haroo fi laga irraa adda baafamu qabu hir’isna.

Haroo nam-tolche digrii 360 fakkaatu