Itti Gaafatamummaa Hawwaasa

Biishaan qulqulluu iddoowwan baadiyyaatif dhiyeessuu

Itiyoophiyaa keessa, keessumattuu iddoowwan baadiyyaa muraasa keessatt hanqinni bishaan qulqulluu ni jira. Akka carraa ta’ee yeroo baay’ee bishaan booll’wwan keessaa hamma filooraaydii baay’ee qabu. Waan kana ta’eef filooroosiisii lafee fi yookin ilkaanii, dhukkubbiiwwan baayoojii’okemikaalaa cimoo ta’aniif saaxilamtoota. Sababa kanaatif jecha namoonni harrootan bishaan waraabbachuuf fageenya kiiloomeetira baay’ee kan deeman. yeroo baay’ee hojiin kun kan raawwatamu ijoolledhaani. Waggootii shan darban keessatti maatiiwwan baadiyyaa naannoo Zuwaay jiran dhibbaan lakkaawwamaniif bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan taasifnee jirra. Nuti Bochessaa fi Worjaa Waashgulaa bakka baay’eetti sararawwan ujummoowwan bishaan dhugaatii diriirsineefii wiirtuu itti waraabbatan bakka baay’etti tochineefii jirra.

Sheer Itiyoophiyaan bishaan qulqulluu iddoowwan carraa dhabeessa ta’aniif tolchuun hawaasni baadiyyaa akka guddatan godhee jira. Piroojektiin keenya itti aanu Aalutoo Gulbaa ta’ee ujummoo bishaanii suuphudhaan bakka itti waraabbatan lama ijaaruu dha.

Addee Haaliimaa Mahaammad, haati ijoollee 8, kan ganda Bochessaa keessa jiraatan, maatiiwwan boonoo bishaanii mana isaanii bukkeetti yeroo ammaa qaban keessaa isaan tokko dha. Ollaawwan isaanii bishaan argachuu isaanii ni to’atu. Miseensotiin hawaasichaa guyyaa guyyaadhan jarikaana isaanii bishaan qulqulluu guuttachuu ni danda’u.
haaliimaa: “Bishaan qulqulluu fi eeggamaa kennuu isaanitiin dura, hawaasni iddoo kanaa bishaan haroo dhuguu isaanii irraa kan ka’e yeroo mara dhukkubaan qabamaa turan. Boonoon bishaanii mana kiyyaa dadhabbii guyyaa guyyaadhan bishaan argachuuf fageenya kiloomeetira 2 jalaa nu baasee jira. Amma ijoolleen koo bishaa qulqulluu dhuguu kan danda’an yoo ta’u anis hojii boonoo bishaanii hawaasichaa eeguu argadhee jira.”

Ilaalcha waliigalaa bishaan kenniinsa qulqulluu