Kaka’uumsa Ashaaraa Magariisaa,dhiibbaa jijjirama qillensaa fi manca’iinsa bosonaa qolachuu kayyeeffate ji’a caamsaa bara 2013 lallabameera.Haaluma Kanaan Itiyoophiyaa keessatti biqiltuu biliyoona 3.7dbaabateera.Waggaa waggaadhaan duula keessatti gumaachaa jirra.Ji’a Adoolessaa keessa qaamonni keenya biqiltuu 46,000 ol Tulluu Warjaa fi Qaamoo Garbii dhaabuuf gargaaranii jiru.Kun michoominna olaanaa waajjiroota bulchiinsa naannoo ,investaroataa fi miseensota hawaasaati
Naannoo qophaayetti Biqiltuu dhaabuun walqabatee, nutis mukoota mudaraadhaa 300 fi biqiltuu biyya keessaa 1000 moonaa mana baruumsaa keenya Sheerii iddoo 4 keessatti dhaabnee jirra.Asumaan qaamota keenyaa fi hayyamamtoota kaka’uumsa biqiltuu dhaabuu keessatti hirmaatan nigalateeffanna.