Dhiyeenna kana tuuta barsiftotaa fi baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa baayinnaan 48 ta’an simannee jirra.Eega anaa dhufuu jedhameen booda haala dhaabbatichaa,guddinnaa fi adeemsa hojii isaa ilaalchisee ibsa gabaabaa kennameera.Marii taasifameen hojii Eegumsa naannoo fi hawaasummaa irratti gammechuu isaanii argisisanii jiru.Tarsiimoo ittgaafatamummaa hawaasaa bahuu fi pirojeektii dhaabbatichaa irratti Mr.Aswin Endemaniin ibsi kennameera.Eega ibsaa fi mariin taasifameen booda mana oomisha Habaaboo(Green house), omisha Habaaboo , qindeessuu fi Caffee namaan hojjatame daawwannaan dirree tassifameera.Xumuura irratti hirmaatonni yaada kennaniin hojii misoomaa,tajaajila hawaasummaa fi Eegumsa naannoo Sheeri Itiyoophiyaan raawwatamu kan dinqisifatan ta’uu ibsaniiru.Dhuma irrattii tutin yeroo aarsaa gochuun simannaa fi ibsa isaanii taasifameef Kaampaanii Sheer galateefatanii jiru.
Nutis seenaa keenya qaama fedhii qabu biraan akka nuugahan tuutaaf jabeesinee dhaammanneerra.