Overview News

Hundeessaan Abaaboo Dachi Meeshaa Keemstrii qoratu BS-200E Hospitaala Sheer Itiyoophiyaatiif arjoome.

16 July 2024 Mariska Braam

Hospitaala Sheer Itiyoophiyaa Baatuu/Ziwaay/ keessa jiru tattaffii tajaajila cimsuuf taasifamuun dhiyeenna kana Hundeessaan Abaaboo Dachi irraa meeshaa kemistrii qoratu BS-200E guutuu otomatika ta’e  bituudhaan arjoomaan argannee fudhannee jirra.Meeshaan kun sistama banaa rii’ejentii bayi’ee fudhachuun kan hojjatuudha.Amma Hospitaalli ri’ejentii gosa gosaa gaarii qulqulinna qabu gatii madalawaan gabaa naannoo irraa  bitachuu danda’a.Hojii heddu raawwachuu danda’a: Sakatta’uu sochii qaama keessaa kan akka sakatta’a qaama fincaanii,Tiruu,elektirolayitii fi kan biro.Sababnis guutumatti atomatikaa fi namaan soch’uun xiqqaa waanta’eef .Saa’aa tokko keessatti Qorannaa 200 gochuuf dandeettii qaba.

Akka Ittigafatamaan Laboratoorii Obbo Suraafel Kabbadaa jedhanitti tajaajila qulqulinna qabu kennuuf nama dandeetti qabu irratti xiyyeeffachuu qofa osoo hintaane  meeshaa hammayyaa kan akka labaratoorii barbaachisa. Obbo Suraafel “ baroota lamaan dabran labatooriin kutaalee babaldhisuu,meeshaalee dullooman bakka buusuu fi ogeessota leenjisuun foyyai’insa guddaa taasisee jira.Meeshaan qorannaa kemistrii haarofni fulduraaf tajaajila keenya  akka foyyessun nugargaara.”jedhu.

Abbaan maashiina dhaabee ogeessotaa  hojjatoota hojii keessatti hirmaatan  hundaaf eega leenjii kenneen booda maashiniin haarofn tajaajila irra kan oolu ta’a.

Carraa kanaan arjooma jalatamaa kanaaf maqaa hojjatoota Hospitaala Sheer Itiyoophiyaatiin Hundeessaa Abaaboo Dachi nigalateeffanna.

Hospitaala Sheeritti hojjataan hund (tilmaamaan 12,500) fi Baratoonni Sheer (6500) bilisaan yaala argatan.Miseensonni Hawaasaa waggatti  dhukkubsatonni 100,000 ol gatii gadi’anaan yaala argatu.

Hundeessaa Abaaboo Dachi (DEF) haala jireenyaa fi fedhii fayyayyadamtotaa keessanuu haala jireenya daa’imman fooyyeessuuf kayyeeffata.Kara hojii DEF,DFG Addunyaa keessa jirru keessatti ittigaafatamummaa isaa bahuuf tattaffiin nigodhama..