Guyyaa Kibxataa hagayya 14 bakka gaggeessaan olaanaan Mr Firirik Brunsman fi Mr. Aswin Endaman, kabajaa bakka bu’aa hawaasaa Abbaan Gadaa Abduramaan Dhaqabii fi ergamaan waajjira fayyaa magaala Baatuu/Ziwaayi obboo Fayyisaa Leenjisoo argamanitti walharkaa fuudhinsi Ambulaansii haarawa waan raawwatameef nu gammannee jirra.
Saganticha irratti Abbaan Gadaa Abduramaan eebbisudhaan haasawa taasisaniin Afrifiloraan/Sheer Ambulaansii dabalataa Hospitaalaa kennuu isaatiif galateefatanii Ambulaansichi tajaajila hospitaalaa fi hawaasaa kennuu keessatti jijjirama akk fidu ibsaniiru.
Kara Afrii /Sheertiin Mr.Aswiin Endaman Ambulaansii gara Itiyoophiyaa galchuuf qaamota qooda fudhatan hundaa keessanuu daandii qilleensa Itiyoophiyaa geejjibuu isaatiif galataa qaban ibsanii jiru.Xumuura irratti hojjatoota Hospitaalaa kutannoo ittifufaa,gahee barbaachisaa, yaalaa qulqulluu hojjataa fi hawaasaaf taasisaniif kabaja qaban ibsudhaan furtuu Ambulaansii daarektara Hospitaalaa doktor Damsi fi maanajera hospitaalaa kan ta’an obboo Nuuraa Nagayoo fuudhanii jiru..
Saganticha irratti Ambulaansichi hojii waamicha balaa tasaa fi rifaara Hospitaalaa hojjatotaa fi hawaasaa akka humna dabalataatti hojii idilee tuuta fayyaatiif qophaayaa ta’uu ibsameera.