Overview News

Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

4 April 2023 Aswin Endeman
Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa Kigaalii keessatti qonna Bunaa Dukundee Kaawaa Musaasaa irratti  Bitooteesa 21-24 qonnoota sartifikeetii Feer tireed qaban waliin kabajameera. Hirmaattonni kan dhufan Keeniyaa,Tanzaniyaa,Kongoo,Ugandaa fi Itiyoophiyaa irrraadha.Sheer bakka bu’uudhaan Hilliinaa Makkonin hirmaattee jirti.

Tuutni waldaalee akka Dukundee Kaawaa Musaasaa qonna Bunaa dhiyeenna Kigaalitti argamu daawwatanii jiru.Walda kun bara 2003(A.L.A) hundeefamee Omishtoota Bunaa 300 irraa gara 2000 olitti babaldhateera.Miseensonni  waldaa Dukundee Kaawaa harka 80 kan ta’an dubartoota.Bunaa isaanii gabaaf kan dhiyeessan akka Buna dubartotaan Oomishameetti.Feer tireed preemium gara baruumsa daa’immani fi kallattii  jijjirama hawaasaa gargaaruu kan  akka waldaa hodhaa meeshaa qulqulinnaa irra deebi’amee akka tajaajilu  Oomishuu fi gabaa naannotiif dhiyeessuudha. Walda Yuuniyeen Kageeratti  dubartotaa fi dargaggoonni Oomisha Saamunaa fi  Dammaa irratti leenji’an.

Qonni keenya keessatti gahee fi iddoo dubartotaa cimsuu fi hawaasin galma barbaachisaa humna hojii beekumsa adda addaa kan horatan ta’a. Nuti sagantawwan adda addaa kennuu kan itti fufinuu fi hojjatoota keenya leenjii fi miseensa hawaasaa galmaa kanaaf akka gumaachan taasifama.

Nuti akka addunyaatti qophii godhame qonnoota biroo  irraa barachuu  carraa nuu  kenneef feer tireediin galteeffachuu barbaanna.