Overview News

Shamarran 350 paadii laguu deebsanii fayyadaman Mala ishiif kan jedhamu deeggarsi taasifameef

12 January 2024 Aswin Endeman

Pirojektii Bara 2015 yeroo gannaa jalqame hordofudhaan, yeroo dhihoo kana Mala ishiif paadota qulqulinnaa laguu 350 shamarran umuriin 12 fi 13 gidduu ta’uuf mana baruumsaa keenya  Sheertti kennameraaf.Kun kan ta’e deeggarsa  yeroo hundaa taasisaniin bu’uuresitoota Habaaboo Daachitiin.

Mala jechuun fala jechuudha. Biyya Afrikaa keessatti dubartoota ijoollee fi shamarran baayi’ee ta’an irratti rakkoo osoo hinyaadamnee fi hin eegamne muldhatuuf fala kan ta’uudha.Hanqinna oomisha qulqulinnaa laguu humnaa olii.Nama baayi’eef,qulqulinni laguu mijaayaa kan hintaane yookaan kan qaanefamu. Shamarran miliyoonota ta’an, Addunyaa irratti,barnoota,fayyaa,akkaataa of itti ilaalaani fi mirga namummaa kan gufachisuu fi hedduu isaanitiif jalqaba laguu jechuun guyyaa barnoota addaan kutaniidha..

MALA ISHIIF kan Itiyoophiyaa jalqabbii hawaasaa jaarmiyaa dubartotaa fi shamarran ceesisu, naannoo hunda Itiyoophiyaa jiraatu,oomisha laguu, barnoota laguu  fi baasii madalawaa fi humna dinagdeetiin kan walsimate kan kennuudha.

Pirojeektii kana keessatti ,manneen barnootaa Sheer,Mala ishii fi bu’uuressaan Habaaboo Dachi waliin hojjatu.Paadii kennuun cinatti ,tutin ogeessotaa  garee barsisftota mana baruumsaa Sheerii leenjisudhaan karaa Kilabii shamarranitiin fayyummaa laguu irratti leenjiin  kennameera.

Nuti qindominna bu’a qabeessa Mala, garee ishiitiif galata galchaa akkasumas deeggarsa ittfufaa taasisaniif bu’uuresitoota Habaaboo Dachi nigalateeffanna.Nuti waliin ta’uun Addunyaaf  shamarran kabaja mirga isaanitti akka gammadan,dandeettii isaanii kara guutuu ta’een  jireenya gammachuu  bira akka gahan ni gumaachina.