Overview News

Ambulaansii haarawa Hospitaala Sheertiif

29 November 2024 Mariska Braam
Ambulaansii haaraa Hospitaala Sheer duratti dhaabbatee mul'ata

Guyyaa Kibxataa hagayya 14 bakka gaggeessaan olaanaan Mr Firirik Brunsman fi Mr. Aswin Endaman, kabajaa bakka bu’aa hawaasaa Abbaan Gadaa Abduramaan Dhaqabii fi ergamaan waajjira fayyaa magaala Baatuu/Ziwaayi obboo Fayyisaa Leenjisoo argamanitti walharkaa fuudhinsi Ambulaansii haarawa waan raawwatameef nu gammannee jirra.

Saganticha irratti Abbaan Gadaa Abduramaan eebbisudhaan haasawa taasisaniin Afrifiloraan/Sheer Ambulaansii dabalataa Hospitaalaa kennuu isaatiif galateefatanii Ambulaansichi tajaajila hospitaalaa fi hawaasaa kennuu keessatti jijjirama akk fidu ibsaniiru.

Kara Afrii /Sheertiin Mr.Aswiin Endaman Ambulaansii gara Itiyoophiyaa galchuuf qaamota qooda fudhatan hundaa keessanuu daandii qilleensa Itiyoophiyaa  geejjibuu isaatiif galataa qaban ibsanii jiru.Xumuura irratti hojjatoota Hospitaalaa kutannoo ittifufaa,gahee barbaachisaa, yaalaa qulqulluu hojjataa fi hawaasaaf taasisaniif kabaja qaban ibsudhaan  furtuu Ambulaansii daarektara Hospitaalaa doktor Damsi fi maanajera hospitaalaa kan ta’an obboo Nuuraa Nagayoo fuudhanii jiru..

Saganticha irratti Ambulaansichi hojii waamicha balaa tasaa fi rifaara Hospitaalaa hojjatotaa fi hawaasaa akka humna dabalataatti hojii idilee tuuta fayyaatiif qophaayaa ta’uu ibsameera.

Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa waliin Ambulaansii Sheer haaraa duuba irraa mul'atu Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa biratti Dabalataan ambulaansii Sheer haaraa keessa mul'ata Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa fuuldura dhaabbatan Ambulaansii haaraa Hospitaala Sheer duratti dhaabbatee mul'ata