Overview News

Malashee: fala waaraa wayita marsaa laguutti ijoollee shamarraniif deeggarsa godhu

3 December 2022 Aswin Endeman
farmers’ Forest Day and Biodiversity

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaru sheer-iskoolsi keenya keessatti jalqabnee jirra: Malashee. Malaa (መላ) jechuun Afaan Amaaraatiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarranii Afrikaa baayyee mudatuuf fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaatanii.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu wanta safuu yookaan sirrii hin taane godhamee ilaalama. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’a.

MALASHEEN, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuun fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Sheer-iskuulsi fi malasheen gareen ta’uun Faawundeeshinii Dachi Filaawer irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Sheer-iskooliif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee malashee kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Faawundeeshinii Dachi Filaawer garaa keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.