Overview News

Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

14 April 2023 Aswin Endeman
Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

Baroota dabran godin Booranaa hoongee akka malee hammaataa ta’eef saaxilamuun dhumaatii beeyiladaa fi dhabamiinsa  Oomisha midhaani irra gaheera. Ummata Booranaa gargaaruuf  akka biyyaatti  duulli jalqabamee jira.Sheer Itiyoophiyaan daakuu Boqqoolloo toonii 13(kuntaala 130)arjoomeera.Guyyaa jimaataa Bitootessa 29/2015 bakka ittigaafatamtoonni waajjiroota murtaayanii argamanitti ittigaafatamaa waajjira kantiibaa Baatuuf/Zuwaayif/ dabarfamee kennameera.Isaanis dhaabbaticha galateefatanii gargaarssa fuudhan ummata Booranaa hoongeen miidhameef akka geessan waada galanii jiru.