Overview News

Mala ishiif: fala waaraa marsaa laguu ijoollee shamarraniif

5 December 2022 Aswin Endeman
Girls attending Sher Ethiopia's Mela health education

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaruuf mana barnoota sheerii keenya keessatti jalqabnee jirra; Mala ishiif. Malaa jechuun Afaan Oromootiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarran Afrikaa baayyeef mudatuu fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaataniidha.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu mijaawaa miti. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’e argama.

MALA ISHIIF, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuu fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Manni barnoota Sheerii fi mala ishiin gareen ta’uun bu’uuresituu habaaboo Dachi irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Mana barnoota Sheeriitiif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee Mala isheef kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Bu’uuresituun habaaboo Dachi  onnee keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.

Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota irratti hirmaatan Sher Ethiopia keessatti shamarran mari'achaa jiran Sher Ethiopia keessatti shamarran kitaaba dubbisaa jiran Sher Ethiopia keessatti shamarran meeshaalee barnootaa qabatanii በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ውይይት በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ተሳታፊ በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ስልጠና በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ተሳታፊዎች