Overview News

Mana barnootaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa Adaamii Tullutti baname

10 December 2023 Aswin Endeman

Ji’a onkololeessaa 21, Sheer mana baruumsaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa  Adaamii Tullu keessatti  haala dinqisafamuun banameera.Ittigafatamaa waajjira barnootaa,Maanajera daladala gargaaruu fi ittgaafatama hawaasaa dhaabbata(CSR) Sheer Itiyoophiyaa  Mr.Asiwiin ,bakka bu’oota hawaasaa Adaamii Tulluu ,jaarsoliin,bakka bu’oota maanajmentii Sheer Itiyoophiyaa,barsiftonni fi waliigala baratonni 192 bakka argamanitti Riboniin kabajamoo itti’aanaa kantiibaa magaala Baatuu/Ziwaayi  obbo Usmaan Tuseetiin murameea.Hundumaafuu guyyaa gammachiisaa!

Barnoota bilisaan kaffaltii malee kennuun dhimma ijoo Sheer Itiyoophiyaati.Bara 2009 yeroo ijaarsa 2ffaa qonnaa xumurame ,Mandara Adaamii Tulluu iddoo mana barnootaa haarawa irratti investi goonee jirra.Bara 2011 Oolmaan daa’immanii Sheer baname.Yeroo ammaa baratoota 342 qaba.Yeroo gabaaban booda sababa dhibee Covid, baratoonni jalqabaa Oolmaa daa’immanii keessaa turan,yeroon gammachisaan dhufee mana barnootaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa banuu geenyee jirra.Iddoon lamaan meetra 500 qofa addaan fagaatu.

Sheer bara baraan kutaa 4 dabaluuf karoorfateera.Bu’aa kanaanis mana barnootaa haarofni kun yeroo waggaa 8 keessatti gara baratoota 1500 kan guddatu ta’a.Moonaan kun mana barnootaa sadarkaa lammaffaa dabaluuf baldhaa fi gahaadha.Manneen barnootaa Sheer ijoollee hojjatoota Sheer akkasumas ijoollee hawaasa naannootiif banaadhaa.

Galanni keenya tokkoon tokkoon mana barumsaa kana dhugayoomsuuf gargaaran hundaaf. Tuuta ijaarsaa hanga siviilsarvantii,barsiisa irraa hanga qulqulleesituu tokkoon tokkoon keessan galatoomaa!

Nuti manni baruumsaa kun mallattoo tokkummaa, guddinnaa fi fuulduratti deemsa hawaasa Adaamii Tulluu  cimsa jennee abddanna.Iddoo ebjuun balaluu itti eegaluu fi iddoo ibsaan beekumsaa dhaloota tokkoo irraa gara itti aanutti  dabruudha.