Overview News

Sirna Kabaja xumura waggaa barnootaa

19 July 2022 Aswin Endeman

Torbaan kana xumura bara barnoota 21-22 manneen barnootaa Sher keessatti kabajneerra. Barattoonni, maatii fi keessummoonni kumaatamaan lakkaawaman manneen barnootaa Ziwaayi fi Adaamii Tulluutti argamaniiru. Sirnoonni kun gochoota akka walaloo dubbisuu,shubbisa aadaa fi agarsiisa adda addaaa muldhisudhaan faayamanii bareeduma kan qaban ture. Eebbifamtoonni mana barumsaa daa’immanii hundi, uffata gurraacha koophii walsimatu waliin uffachuun, midhaganiiru. Hooggantoota Sher fi bakka bu’oota Biiroo Barnootaa fi Kanneen biroo keessaa dhufaniin haasofn taasifameera. Barattootaa qabxxii olaana galmesanii fi barsiisota gahumsa gaarii agarsiisan waraqaa ragaa fi badhaasa garagaraa badhaafamaniiru. Guyyoota milkaa’iina lama duubatti deebinee ilaaluu dandeenya.

Barnoota qulqullina olaanaa, bilisaan, daa’imman kumaatamaan lakkaa’amaniif kennuudhaan, manneen barnootaa Sher hedduun egeree ifaa fi fooyya’aa akka abjootan dandeessisaniiru. Ashaaraa hundeessitoota manneen barnootaa Obbo Gerrit fi Aadde Nel Barnhoorn irratti hundaa’uun abjuu kana jiraachisuuf kutannoo qabna.