Overview News

Koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher Appaartaamota haaraa 16 dabarsee kenne

21 October 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti raawwii kenninsaa cabbiiwwan apartaamentotaa

Dhuma baatii Fulbaana irratti namoota harka qalleeyyii magaalaa Baatuu/Ziway/ keessa jiraniif manneen jireenyaa haaraa ijaaraman 16 dabarsuu isaanii arguuf kabaja arganneerra. Pirojektiin kun manneen dulloomaa durii, diiguu kan of keessaa qabu you ta’u, mana jireenyaa fi manneen dhagaa gaarii ta’aniin  kan  bakka buufameedha.

Gara ji’oota 18 dura koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher pirojektii kana kan jalqabe yoo ta’u, kunis bittaa roozii #Fairtrade jedhamu irraa maallaqaan kan argameedha.Filannoon maammiltoota  Angooxxoowwan Fairtrade FPC hawaasa humneessuu fi namoota saaxilamoo ta’an jireenya dhugaa fi gaarii akka jiraatan gargaaruudha.Mana jireenyaa 16 kun maanguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijaayaa,jireenya fayyaqabeessa ta’e akka jiraatan mirkaneessuu ,hirdhinna duraan ture irraa mana isa  qulqullinaa fi mijataa akka argatan gochuudha.

Akka dhaabbataatti humna namaa hunda bilisaan akka argamu gochuudhaan pirojektichaaf gumaachineerra. Kanaaf, garee ijaarsaa fi kanneen biroo hundaaf hojii guddaa hojjetaniif galata guddaa isiniif dhiyeessina.

Bakka kantiibaan magaalaa Obbo Gezahegn fi Obbo Boonifase Lwaandaa (Hoogganaa Abaaboo ECAN Fairtrade Afrikaa), manneen kun jiraattota duranitiif  dabarfamee kennameera. Milkaayinni guddaan kun kan Koree Fairtrade Preemiyeemii Sheerit!

የሼር ኢትዮጵያ የድርጅት መለያ ምስል የሼር ኢትዮጵያ ሎጎ በአዲስ ዲዛይን የሼር ኢትዮጵያ ሰራተኞች በአንድ ስብሰባ ላይ Sher Ethiopia keessatti daawwannaa apartaamentota haaraa በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና ቡድን ውይይት የሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል ሰራተኞች ስብሰባ በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና አገልግሎት የሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና ቡድን