Overview News

Guyyaa Qulqulleessuu Addunyaa

29 August 2023 Aswin Endeman

Fulbaana 05 guyyaa Qulqulleessuu Addunyaa kan ummanni naannoo Addunyaa wali ta’uu fi humna qindeessee Addunyaa irraa Kosii fi Gataa qulqulleessuudha.Nut akka Sheeritti ji’a sadiin naannoo  qonna keenyaa Adaamii Tulluu fi Qooqaa si’ayinnaan  qulqulleessuun  gumaachaa jirra.Ziwaayi keessatti humna qonnaa ollaa keenyaa wajjiin qindoofnee hojjanna. Hoojjatoonni Sheer 100 ol ta’an hojii qulqulleessuu kana keessatti hirmaatu.

Kosiin ilaaluuf kan namatti hintolle qofa osoo hintaane adeemsaan naannoo faaluudhaa fi lagoota,harowwan fi galaana ,labbuqabeyyii irra balaa geessuu fi Ardii fi fayyaa keenya miidha.

Nuti hojjatoota keenya kutannoodhaan akkasumas hayyamtoota woggaa keessatti yeroo tokko qofa  qulqulleessuu osoo hintaane kurmaanaan kutannoodhaan qooda bahan nigalateeffanna.Fulbaana 05 humna qindeessudhaan hundinuu akka hirmaattan waamicha taasifna.