Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa

15 December 2022 Aswin Endeman
Daawwannaa Baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa

Dhiyeenna kana tuuta barsiftotaa fi baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa baayinnaan 48 ta’an simannee jirra.Eega anaa dhufuu jedhameen booda  haala dhaabbatichaa,guddinnaa fi adeemsa  hojii isaa ilaalchisee ibsa gabaabaa kennameera.Marii taasifameen hojii Eegumsa naannoo fi hawaasummaa irratti gammechuu isaanii argisisanii jiru.Tarsiimoo ittgaafatamummaa hawaasaa bahuu fi pirojeektii dhaabbatichaa irratti Mr.Aswin Endemaniin ibsi kennameera.Eega ibsaa fi mariin taasifameen booda  mana oomisha Habaaboo(Green house), omisha Habaaboo , qindeessuu fi Caffee namaan hojjatame daawwannaan dirree tassifameera.Xumuura irratti   hirmaatonni yaada kennaniin hojii misoomaa,tajaajila hawaasummaa fi Eegumsa naannoo Sheeri Itiyoophiyaan raawwatamu kan dinqisifatan ta’uu ibsaniiru.Dhuma irrattii tutin yeroo aarsaa gochuun  simannaa fi ibsa isaanii taasifameef Kaampaanii Sheer galateefatanii  jiru.

Nutis seenaa keenya qaama fedhii qabu biraan akka nuugahan tuutaaf jabeesinee dhaammanneerra.