Overview News

Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

20 March 2023 Aswin Endeman
Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

Dhiyeenna kana,yeroo lammafaaf baratoota mana baruumsa Sheertitti barumsa xumuran 4f Iskolarshippii  Geerit fi Nel BarnHoorn kennameera.Maatiin Barn Hoorn hundesitoota Sheer Itiyoophiyaa fi manneen  barnootati.Waggaadhaan baratoota 4 Iskolarshippii yeroo barnootaa  irra caalaa uwwisa baasii isaanii gargaaruu fi gatii jireenya Yunivarsiitii Itiyoophiyaa isaani filatan kan gargaaru ni kennamaaf.Galmi guddaan  Iskolarshippiii baratoota qabxxii olaanaa galmeessan duubni isaanii barachuuf carraa kan hinqabnne gargaaruudha.

Baratoota Xahaa Aabbuu Juullaa, Tamasgeen, Solomon Sixotaa, Dajanee Ijaaroo Naannessoo fi Haannaa Balaayihun Dilnnasaw badhaasa isaanii John Barnhoorn ilma Geerrit fi Nel  Baarn Hoorn irraa fudhataniiru.Inni maqaa maatii isaatiin warra badhaasa hinjifataniin baga gammaddan akkasumas barsiftota mana barumsa Sheer fi hojjatoota gargaaran hojii cimaa wagga 16 dabran hojjataniif galatefatanii jiru.

Baruumsa kan xumuran hunda keessaa baratoonni 8 Iskolarshippiif calalamanii 4 filamaniiru. Kan hafan laappi tooppii kennameraaf.Sagantaan kan gaggeefame maatiin baratootaa ,manajarota  Sheer Itiyoophiyaa,jaarsota hawaasaa ,hojjatoota mana baruumsa Sheerii ,koree maatii fi hoggantoota waajjira barnootaa fi bulchiinsa Aanaa bakka argamanitti.

Deeggarsa hunde qabeessa bara hedduuf mana baruumsaa Sheerii fi hospitaalaa taasisaniif ishidhaa fi isa Barnhoorn galateefachaa, nu baratoota kanneenifs dinqisfannaa olaanaa qabaachaa, Sheer Itiyoophiyaan hawaasa Ziwaay fi naannoo keessati taasisu baratoonni fakkeenna dhugaa kan ta’aniidha.Baratoota keenya baruumsa xumuran fuula dura bakka gahanitti hamilee gaarii  hawwinaaf.

Manni baruumsaa Sheer Itiyoophiyaa baratoota 6800 ol iddoo sadii  qaba.Tilmaaman daa’imman 400 umurii wagga 4 irraa jalqabee mana barnoota Sheeritti waggaa waggaadhaan seenan.Seenuun daa’immanii  50-50  hojjatootaa fi hawaasa naannoo qixa adda  qoodudhaan.