Overview News

Kaansarii gadaameessaadhaa gulaaluu

20 July 2022 Aswin Endeman

Dhaabbata “Grounds for Health” waliin ta’uun hojjettoota keenya dubaraa umuriin isaanii waggaa 30-50 gidduu jiraniif qorannoo kaansarii gadaameessaadhaa bilisaan gaggeessuuf duula jalqabneerra. Kunis hojjettoonni keenya dubartootaa kaansarii akka hin qabaanne eeguu fi kaansarii sadarkaa jalqabaa yaalamuu danda’u adda baasuudha.Innis Vaayirasii “high risk human papilloma virus (HPV)” jedhamu kan seelonni gadameessaa fayyadhabeessa taasisan qorata. Namoonni kaansarii gadaameessaa qaban harki caalaan isaanii HPV balaa guddaa qabuun kan walqabateedhaa.

Akka  dr Demisitti “Grounds of Health” hojjattoota biratti hubannoo uumuun baayi’ee barbaachisaa dha. Garee isaa waliin ta’uun qormaata dhuunfaa otoo hin fudhatamin dura garee xixiqqoodhaan gorsa kenneera. Yoo qorannoon pozaatiivii ta’e kan nama hin gammachiifne ta’e, yaaliin ni kennama. Michoota keenya “Grounds for Health” keessatti argaman deeggarsa nuuf godhaniif galateeffachuun dubartoonni hundi akka hirmaatan jajjabeessina.