Overview News

Nageenya Daandii fooyyeessuuf gufannaa ariifannaa Hirdhisuu Baatuu hanga Adaamii Tulluu hojjatameera.

7 May 2024 Mariska Braam

Qonni Habaaboo keenya hundi Daandii Finfinnee gara Mooyyaalee deemuu irratti argamu.Karaan ariifataan walhucuccaa Tirafikaa kan hirdhisu ta’ullee haala nama gaddisisuun balaan Tiraafikaa Daandii kanneen irratti nimuldhata.Waan kana ta’eef yeroowwan dabran  gufachiisa ariitii  hirdhisan raawwachisuuf tattaaffii godhameen torbaan dabran abbaan Taayitaa Daandii Itiyoophiyaa iddotti argamuun Daandii naannoo qonnaa gufachiisa ariitii hirdhisan waliigala 6 kan hojjate waan ta’eef abbaa Taayitaa galateeffachuu barbaanna.Dhuma irratti hojiin hojjatame hawaasaa fi hojjatoota keenya balaa Tiraafikaa irraa bararuuf foyya’aa guddaa akka argamsiisu abdii qabna.