Overview News

Deeggarsa IGA’f kennamu: Tajaajila horsiisa kanniisa fi Ikoo-Tuurizimii

10 July 2022 Aswin Endeman

Afriilooraan / Sher pirojektoota hedduu hawaasa naannoolee nuti keessa hojjenu cimsuuf, gareewwan miseensota hawaasaatiin ijaaramaniif hojiiwwan galii argamsiisan qopheessuun deeggara jira. Ji’oota darban keessatt gareewwan hundi waa’ee Horsiisa kanniisa fi Ikoo-tuurizimii irratti leenji fudhataniiru.

Gaagurri 50’ni garee 13 miseensota 4 hanga 10 qabaniif raabsameera. Walumaagalatti namoonni 80 waa’ee damma-oomisha beekumsa bu’uuraa argataniiru. Miseensota hunda duuba maatiiwwan gurguddoon pirojekticha irraa fayyadamoo ta’ani jiru. Fakkeenyi tokko garee xiqqaa/apiary Mustafaa Abuu jedhamuun kan moggaafame (suura irratti kan argamu) dha. Miseensonni garee kanaa hojii kana jalqabuuf kaka’umsa guddaa kan qaban yoo ta’u, galii gurgurtaa damma irraa argamu irra caalaan gaagura dabalataa bituuf waliigalaniiru. Waliin hojjechuudhaan, maatii tokko qofa osoo hin taane, hawaasni hundi fayyadamoo ni ta’a. Omishaa keessaa harki xiqqaan fayyadama ofii isaaniif ni ta’a.

Pirojektii Ikoo-Tuurizimii kana keessatti fayyadamtoonni (dargaggoota) 20 naannoo Worja Washgulaa fi Kamo Gerbi keessa jiratan turistootaa fi daawwattoota Ikoo-wiirtuu tulluu Worjaa akka isaan tajaajilaniif leenjiin kennameera. Naannoon kun bineensota, simbirrootaa hedduu fi ilaalcha ajaa’ibaa qabaachuun isaa beekama dha. Sirna baniinsaa kana irratti namoonni 200 ol ta’an Afeerricha irratti argamuun nyaata aadaa fi buna Itoophiyaa beekamaa ‘macchiato’, kan amma guyyaa guyyaan Ikoo-Huts keessatti keessuummootaaf dhihaatanii dha. Kaappitaalli ETB 100,000 kennuun miseensonni hojii mataa isaanii akka gaggeessanii fi lafa hektaara 200 gara bosonatti akka deebi’uu taasifame kunuunsuuf itti gaafatamummaa akka isaan fudhatan kan dandeessuu dha. Dambii ittiin bulmaataa (sanadoota seeraa fi dambiiwwan) naannoo bishaan kuufamaa maayikiroo itti fufiinsaan bulchuu fi itti fayyadamuuf kan isaan gargaaran, gargaarsa VoCDA fi IDHn qophaa’aa jiru.