Gosa Hojii

Giriinhaawusii fi Mana abaaboon itti saamsamu

Farm and grading

Hojjettoonni keenya baay’een isaanii ga’eewwan hojii Qonnaa irrattii fi Mana abaaboon itti saamsamu irratti kan hojjetanii dha, daldala keenya ijoo kan ta’e: Abaaboowwan Roozii bifa garaa garaa 80 irra caalan. Kuni bakka Abaaboowwan Roozii itti dhaabbatan, kunuunfamanii fi omishamanii dha. Gabaa alaatiif Abaaboowwan Roozii naannoo miiliyoona 2 hanga 4 ta’an qopheessuuf gochaaleen guuruu, addaan baasuu fi saamsuu guyyaa guyyaadhan ni raawwatamu.

Gannat Baqqalaa / Suupparvaayizara mana yaalii keessaa

Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani Sheer keessatti hojjechuu kan jalqabe bara 2014.

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Ani kan jalqabe akka hojjetaa waliigalaatti giriinhaawusii keessatti hojjettuu sassaabduu Abaaboowwanii Roozii ta’eeti. Waggootii 3 booda guddina argadhee suupparvaayizara mana yaalii keessaa ta’ee jira.

Ati maaliif Sheer Itiyoophiyaatif hojjechuu barbaadde?
Sababiin ani Sheer Itiyoophiyaa keessa hojjedhuuf galii sirrii ofii koo fi maatii koo ittiin gargaarrachuuf nadandeessisu waanan argadhuufi dha. Kaampaaniiwwan kanneen biroo naannootti argaman Sheer waliin walitti qabnee yoo ilaallu Sheeriin faayidaa paakeejiiwwan adda addaa ni qaba, fakkeenyaaf, Mana barnootaa fi hospitaala fi dabalataanis teekinooloojiitti kan akka IPM maasii keessatti hojjechaa beekumsa haaraa ittiin argadhu fayyadamuu.

Ati maaliif namoonni biroo Sheer Itiyoophiyaa keessa akka hojjetan gorsitaa?
Ani namoonni biroon dhufanii akka hojjetan nan gorsa , kanaafis, ani fakkeenya namoota baay’ee Sheer keessa galanii hojjechaa jiran kennuu nan danda’a. ”

Portrait - GENET BEKELE - Our people

Zinnaash Girsaa / sassaabduu

Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani Muddee bara 2020 keessattin qacarame.

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Ani kanan qacarame dhiyoo kana waan ta’eef guddina sadarkaa hin arganne.

Ati maaliif Sheer Itiyoophiyaatif hojjechuu barbaadde?
Ani kanan dhufe karaa hiriyaa tiyyaa duraan achitti hojjechaa jirtuunii dha. Kaampaanichi akka gaariitti kunuunsa nuuf godha. Yeroo giriinhaawusiiwwan keessa hojjettu cinqamni hin jiru. Isaan hojjettootaaf eeggannoo ni godhu, fakkeenyyaf, nuti hundinuu inshuraansii fayyaa fi kkf ni qabna. kanaaf jecha ani kanan Sheer Itiyoophiyaa keessatti hojjechuuf filadhe.

Ati maaliif namoonni biroo Sheer Itiyoophiyaa keessa akka hojjetan gorsitaa?
Ani carraalee Sheeriin naaf kenname nan jaaladha. Yeroon ani gara naannoo irraa dhufetti deemu warri hojii hin qabne dhufanii Sheer keessatti hojjetan isaan afeera. Sababiin isaatis carraa ani argadhe isaanis akka argatanii fi dha.

Portrait - ZINASH GRSA - our people