Gosa Hojii

Mana barnootaa fi Hospitaala

Nuti kan ofii keenyaa qabna manneen barnootaa fi hospitaala Baatuu fi Adaamii Tulluu keessa. Kana waan ta’eefuu, hojjettoota keenya fi hawaasichaaf naannoo fayyaa qabeessa uumuuf nuti ogeessota fayyaa, narsootii fi barsiistoota ni barbaanna. Ijoolledhaaf barnoota kennuun guddina isaanii boruutiif bu’ura cimaa isaan qabachiisna.

Hawaasa keenya waliin qunnamaa

Amaan Qaasiim / Daareektara itti aanaa Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Sheer Baatuu keessaa

Ati Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani bara 2013 keessan Sheer keessa hojjechuu jalqabe.

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Ani barsiisaa ta’een gara mana barumsaa dhufe. Ani waggootii sadi’iif barsiisee jira. Kanaan booda ani guddina argadheen itti aanaa daareektara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaaf ta’e.

Ati maaliif Sheer Itiyoophiyaatif hojjechuu barbaadde?
Inni mana barumsaa baa’ee gaarii ta’ee dha. Inni barattoota gara 6500 kaffaltii malee barsiisa, fi daa’imman 1200 guyyaa guyyaadhan ni nyaachisa. Inni kun kan baay’isee nama boonsu dha. Mindaan/Miindaan koo osoo najalaa hin turiin yerootti naafkaffalama. Sababa kanaafii kanneen biroo hin tarreeffamneen, mana barumsaa Sheeriif hojjechuu koon naan boona.

Ati maaliif namoonni biroo Sheer Itiyoophiyaa keessa akka hojjetan gorsitaa?
Nuti barsiistoota fi meeshaalee baay’ee gaarii ta’an qabna, kanaafuu namoonni biroo yeroo iddoon hojii bana ta’e argametti akka as dhufan nan gorsa.

Portrait - AMAN KASIM - Our people

Sistar Maskaram Kabarkku / Qondaala Fayyaa

Ati hospitaala Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani jalqaba bara 2007 irrattin gara hospitaala sheer dhufe

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Ani narsii ta’een hojii jalqabee sanaan booda gara sadarkaa qondaala fayyaatti guddadhe.

Ati maaliif hospitaala Sheerif hojjechuu barbaadde?
Inni hospitaala gaarii fi guddaa dippaartimentoota baay’ee, meeshaalee gaarii fi hiriyoota hojii gaarii qabuu dha. Hospitaalichi ogummaa koo dhugumatti kan keessummeessu dha.

Ati maaliif namoonni biroo hospitaala Sheer keessa akka hojjetan gorsitaal/gorsitaa?
Sababii tajaajilawwan adda addaa nuti kenninuutin. Sheer dhiyeessa fi meeshaalee irratti investii gochuu isaa ittuma fufa. Hospitaalota kanneen biroo waliin yoo ilaallamu kuni adda kan ta’e. Kanaafuu, dhugaa dha, yeroo iddoon hojii banaan argamutti ani hiriyoota koottin hima.

Portrait - Sis MESKEREM KEBERKU - health officer