Gosa Hojii

Makaanikaalaa fi Elektirikaalaa

Mechanical and electrical maintenance

Hojiilee qonnaa fi sadarkeessuu keenya raawwachuu irratti deeggarsi teeknikaalaa sirrin murteessaa dha. Kanaafuu Sheer keessatti inni hojii barbaachisaa dha! Jenereetaroonni rakkoo malee hojjechuu qabu; fayyummaan isaanii kan eegamee fi hojiidhaaf qophaa’oo akka ta’aniif jecha giriinhaawusootaaf, maashinootaa fi meeshaaleewwaniif suuphaan sirrii godhamuu fi qaba. Kunis dippaartimentii daldala keenya keessatti barbaachisaa kan ta’ee fi ogeessa teeknikaalaa ga’umsa qabu isa barbaachisa. Kanarratti dabalataanis hojiiwwan hojiiwwan ijaarsaa hunda isaanii oggansa ofii keenyaa jalatti raawwanna.

Hawaasa keenya waliin qunnamaa

Sintaayyoo Maanfireedoo / Ogeessa sibiilaa olaanaa

Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani bara 2011 irraa kaaseen Sheer keessa hojjechaa jira.

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Ani Sheer keessa hojii kanan jalqabe akka hojjetaa waliigalaa maasii keessaati. Ani garee iskaawutiitti gale. Ofii koo fooyyessuuf waanan barbaaduuf sababa kanaa barumsa kiyya barumsa galgalaatin itti fufee ogummaa hojii sibiilaa sadarkaa 4ffaatin eebbifame. Amma ani Hojjetaa hojii sibiilaa olaanaa kaampaanichaa ta’een hojjechaa jira.

Ati maaliif Sheer Itiyoophiyaatif hojjechuu barbaadde?
Ani dhaladhee kan guddadhe magaalaa Baatuu keessa. Magaalaa koo keessatti hojii gaarii akka kanaa hojjechuun koo gaarii dha. Ani naannoo warra kootiitti jiraachuu koo nan jaaladha waan ta’eef ani Sheer Ittiyoophiyaa keesa hojjechuun koo dhugumatti kan nagammachiisuu dha.

Ati maaliif namoonni biroo Sheer Itiyoophiyaa keessa akka hojjetan gorsitaa?
Sirrii dha, ani dargaggoota baay’ee gara Sheer dhufanii akka hojjetan gorsee jira, sababiin isaatis mindaa argachuu irraan alatti, paakeejiiwwan faayidaalee adda addaa kanneen akka barnootaa, ijiilleen hojjettootaa manneen barnootaa Sheer keessatti barachuu danda’uu, kutaalee 0 – 12tti, kaffaltiiwwan tokko qofaa illee osoo hin kaffalin waan baratanii fi baasiiwwan meedikaalaa isaanitiif waan hin jiraannefi. Paakeejiin inni guddaan immoo hospitaala, hojjetaan kam iyyuu yoo dhukkubsate baasiiwwan meedikaalaa isaa hundinuu dhimma riiferaalii dabalatee kaampaanichaan kaffalamu isaati.

Portrait - SINTAYEHU MANDEFRO - our people
Hawaasa keenya waliin qunnamaa

Boonaa Raagoo / Makaanika

Sheer Itiyoophiyaa keessatti yoom jalqabde?
Ani Sheer keessatti hojjechuu kan jalqabe Ji’a Bitootessaa bara 2013.

Karaa ati ittiin guddachaa dhufte nutti himi maaloo
Hojiin koo inni jalqabaa Sheer keessattii waardiyyummaani. Yeroo boqonnaa kootiin barnoota koo itti fufuun ogummaa makaanikaa baradhe. Ergan eebifameen booda kaampaanichi gara dippaartimentii makaanikaalaatti naguddise. Ani ogeessota makaanikoota kaampaanichaa keessaa isa tokko.

Ati maaliif Sheer Itiyoophiyaatif hojjechuu barbaadde?
Inni duraa, ani hojjedhee maatii koo gargaaruun barbaada. Inni lammaffaan, kaampaanichi naannoo itti jiraadhutti waan argamuuf hojii argachuuf dadhabbii hin qabu. Sadaffaan, Ati Sheer keessatti dhugumatti ni jajjabeeffamta,keessumattuu yoo ati ofii kee fooyyessuu fi barachuu barbaaddutti. Dhumarrattis, yeroo iddoon hojii banaa argametti kaampaanichi hojjetoota isaatif dursa kenna.

Ati maaliif namoonni biroo Sheer Itiyoophiyaa keessa akka hojjetan gorsitaa?
Dhuguma, Isaan birootis Sheer Ititoophiyaatif akka hojjetan nan gorsa sababni isaatis isaanis faayidaalee ani amma argachaa jiru akka argatan waanan barbaaduf, fakkeenyaaf paakeejiiwwan mana barnootaa fi hospitaalaa. Ani isaan Sheeridhaaf hojjechuun jireenya isaanii dhugumatti baay’ee akka jijjiiruuf akka hubatan nan barbaada.