Overview News

Afriifilooraa, DEF fi Kaamaraan wajjiin ta’uun kutaa IT guddisanii jiru

4 July 2023 Aswin Endeman

Nut kennaa Bu’uuressaa Habaaboo Daachii fi Afriifilooraa biraandii lama haarawa giddugaleessa E-barnootaa mana baruumsa olaanaa Sheeri Ziwaayi jirutti hundeesinee jirra.

Barnoota Kaamaaraa kompiitara 50 fi sarvarii 2 haarawa kenne,yeroo hunda Itiyoophiyaa bakk fagoo keessatti  kompiitara hiruudhaan barsiistota leenjisa.Naannoo kutawwan koompiitaraa daaraa  fi rakkoo nageenyaa irraa bilisa akka ta’an gargaaru.Barsiftonni isaanii mana baruumsaa torbaaniif daawwatan,Karkulamii keessatti ittifayyadama kompiitaraa irratti barsiistota 26 leenjii fi suphaa murteessaa irratti gorsa kennan.

Kompiitara Kaamaaraa sirna Ubuntuu sirna isa bu’uuraa banu .Isaanii dursamee kan fe’amu sooftii weerii geemii salphaa irraa gara istidiyoo baruumsa addaa, kuusa herregaa fi saayinsii  kamaaraati.Kompiitarri hunduu version sararaa alaa Wiikpediyaa , walitthidhamaa intarneetii murtayadhaan mana baruumsatiif baruumsa dabalataa biraa  kan uumaniidha.Hunda caalaa barbaachisaan kompiitaronni  kitaaba teekstii karkulama mana barnootaa  walligalaa kan uwwise PDFs Ministeer barnootaa kan ittife’ameedha. kitaaba teekstii maneen barnootaa Itiyoophiyaa 40,000 irratti kan hiramu gara malee xiqqaadha.Kanaaf kun kophaa isaatti qabeenya gara malee barbaachisaadha.

Bu’uressaa Habaaboo Daachi ummataa keessanuu daa’imman haalli jireenyaa fi fayyummaan akka foyya’u kan kaayyeefateedha.Kun  kan xiyyeefatu biyyoota kampaanii gareen Habaaboo Dachi jajjabinna  qaban pirojeektii hawaasa waliin kan walitti hidhameedha.Kara  hojii Bu’uressaa habaaboo Daachii, garee habaaboo Dachii Addunyaa keessa jiraannuu  ittigaafatamummaa  qabnu kan agarsisuudha.

Akka daayirektarri mana baruumsaa Sheer obboo Nigusee Aagaa jedhanitti,baratoota keenyaaf   ogummaan kompiitaraa gara malee barbaachisaa,baratoonni dhibbaan  lakkaawaman kana irraa fayyadamaa ta’u.Manni barnootaa sheerii Itiyoophiyaa keessatti hiree gaarii argatan.Baratoonni irra caalaa yuunivarsiitii galuuf dandeettii horatu.Kompiitarri haarofnni baratoota keenyaaf hiree Addunyaa Dijitaal  akka argatan mijeessaaf.

Afriifiloraan Itiyoophiyaa keessatti maqaa Sheer Itiyoophiyaa jedhuun qonna Habaaboo 3 sochoosa.Mana baruumsaa Sheeritti ijoollee 6800 oolmaa daa’immanii hang sadarkaa olaanaa barnoota bilisaan argatu.

Nuti maqaa baratootaa fi barsistotaatiin gumaacha isaan taasisan dinqisifannaa olaanaa ibsaa  Bu’uuressaa Habaaboo Daachi fi Kaamaraa nigalateeffanna.