Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunivasiitii Hawaasaa

24 May 2023 Aswin Endeman
Studentenbezoek aan de gemeenschapsuniversiteit

Guyyaa sanbataa Caamsaa 12 Yuunvarsiitii Hawaasaa irraa garee baratoota Hortikalcharii, saayinsii biqiltuu fi barsiftotaa simannee jirra.Anaadhufuun booda waa’ee hojii qonna Habaaboo fi hojii ittigaafatamummaa hawaasaa Kaampanichaa ibsa gabaabaan kennameera.Kana booda  mana magariisaa, gireeding ,lafa caffee fi kompostii daawwaannaan dirree taasifameera.

Hojii qabatamaa Hortikalcharii garee kana agarsiisuun keenya nuuf carraa gaarii yoo ta’u isaanis Eegumsa naannoo fi sochii hawaasummaa dhaabbatichi taasisu ittigammadaniiru.Dhuma irratti ,hojii misooma hawaasaa fi Eegumsa naannoo  Sheer Itiyoophiyaa dinqisifatanii jiru.

Nutis baratoonni kun gara fuula duraa Itiyoophiyaa keessatti  seektara  Hortikalcharii guddisuuf ifa akka ta’ee abdii kanqabnnuu fi dhimma kana karoorsuu fi qindeessuu  isaatiif Ejeensii  misooma Hortikalcharii Itiyoophiyaa (EHPEA ) nigalteeffanna.