Overview News

Hospitaalli Sheer Maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi godheera

26 October 2022 Aswin Endeman
Hospitaalli Sheer Maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi godheera

Tattaffii nut tajaajila guddisuu Hospitaala Sheerii Baatuu/Ziwaayi/keessa jiru goonuun dhiyeenna kana maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi gooneerra. Akka ogeessa nama hadoochu Worqee Abbooyyee jedhutti, maashinichi Hospitaalaaf qabeenya sirrii, sababnis guutumatti atomaatika kanaafis ogeessi hadoochaa yeroo baqaqisanii hodhuu hojii hedduu hojjachuu, achumaan hojii dhukkubsataa xinxalluu ni hojjata.

Bu’aan gara biraa maashiiniin haarofnni gara tokkoon daa’immaniif ta’a. Direektarri yaalaa Doktoor Damis akka Ibsanitti, kana dura daa’imman hospitaala biraatti ergaa turre. Fayyadamuun Maashiina haarawa seenaadha, nuti dhukkubsatota caalmadhaan yaaluu dandeenya.

Eega maashinichi dhaabbatee leenjiin ogummaa abbicha maashiina hojjateen hojjatoota hunda kan hirmaachise kennamee maashinich faayidaa irra kan oolu ta’a.

Hospitaala Sheertti hojjataan Sher hunda (tilmaaman 12500) fi baratoonni Sheer (6500) tajaajila yaalaa bilisaa ni argatu. Miseensonni hawaasaa gatii xiqqaa madalawaan tajaajila ni argatu. Waggaa waggaadhaan dhukusatoonni 100,000 ol niyaalamu.