Category Archives: News

Overview News

Ambulaansii haarawa Hospitaala Sheertiif

29 November 2024 Mariska Braam
Ambulaansii haaraa Hospitaala Sheer duratti dhaabbatee mul'ata

Guyyaa Kibxataa hagayya 14 bakka gaggeessaan olaanaan Mr Firirik Brunsman fi Mr. Aswin Endaman, kabajaa bakka bu’aa hawaasaa Abbaan Gadaa Abduramaan Dhaqabii fi ergamaan waajjira fayyaa magaala Baatuu/Ziwaayi obboo Fayyisaa Leenjisoo argamanitti walharkaa fuudhinsi Ambulaansii haarawa waan raawwatameef nu gammannee jirra.

Saganticha irratti Abbaan Gadaa Abduramaan eebbisudhaan haasawa taasisaniin Afrifiloraan/Sheer Ambulaansii dabalataa Hospitaalaa kennuu isaatiif galateefatanii Ambulaansichi tajaajila hospitaalaa fi hawaasaa kennuu keessatti jijjirama akk fidu ibsaniiru.

Kara Afrii /Sheertiin Mr.Aswiin Endaman Ambulaansii gara Itiyoophiyaa galchuuf qaamota qooda fudhatan hundaa keessanuu daandii qilleensa Itiyoophiyaa  geejjibuu isaatiif galataa qaban ibsanii jiru.Xumuura irratti hojjatoota Hospitaalaa kutannoo ittifufaa,gahee barbaachisaa, yaalaa qulqulluu hojjataa fi hawaasaaf taasisaniif kabaja qaban ibsudhaan  furtuu Ambulaansii daarektara Hospitaalaa doktor Damsi fi maanajera hospitaalaa kan ta’an obboo Nuuraa Nagayoo fuudhanii jiru..

Saganticha irratti Ambulaansichi hojii waamicha balaa tasaa fi rifaara Hospitaalaa hojjatotaa fi hawaasaa akka humna dabalataatti hojii idilee tuuta fayyaatiif qophaayaa ta’uu ibsameera.

Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa waliin Ambulaansii Sheer haaraa duuba irraa mul'atu Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa biratti Dabalataan ambulaansii Sheer haaraa keessa mul'ata Hojjattoonni Sheer ambulaansii haaraa fuuldura dhaabbatan Ambulaansii haaraa Hospitaala Sheer duratti dhaabbatee mul'ata

Overview News

Hojjatoonni Sheer meeshaa isaan gargaaru deeggaraman

16 July 2024 Mariska Braam
Meeshaan gargaarsa qaama miidhamaa Sheer keessatti

Sheer Itiyoophiyaa keessatti yeroo hunda hojjatoota qaama miidhamtoota ta’an of keessatti qabachuun waan shakkii hinqabnneedha.Haaluma kanaan sagantaa DONUTS kan Feer tireed  Afrikaa hojjatoota qaama miidhamtoota biro 70 meeshaa  caalatti akk hojiif   ittimijaayutti  kan isaan deeggaru  argachuun nu gammachiisa.Walittiqabaadhaan fayyadamtoonni 178 gahaniiru.Pirojektii kana keessatti gareen Sheer Itiyophiyaa fi Feer tireed Baatutti kan argamu hanga Walda deebsanii dhaabuu Giraarbet  gosa meeshaa barbaachisu fayyadamtotatti safaruu fi sirrii ta’uu mirkaneesuu raawwatan.Kunis Saayiklii abbaa miila sadii, Kiranchii,harka namaan tolfame,daawitee ijaa fi meeshaa dhageettii kan dabalatuudha..Dhiyeenna kana meeshaleen kun kennameera.Nuti Feer tireed Afrikaa fi waldaa deebsanii dhaabuu Giraar bet hojii guddaa hojjatani fi deeggarsa taasisaniif akkaan galateeffanna.

Meeshaalee gargaarsa Hospitaala Sheer keessatti Hojjataan Sheer meeshaa gargaarsa haaraa fayyadamaa Meeshaan gargaarsa qaama miidhamaa Sheer keessatti Hojjataan Sheer meeshaa gargaarsa qaama miidhamaa fayyadama

Overview News

Hundeessaan Abaaboo Dachi Meeshaa Keemstrii qoratu BS-200E Hospitaala Sheer Itiyoophiyaatiif arjoome.

16 July 2024 Mariska Braam
Meeshaa X-ray haaraa Hospitaala Sheer keessatti

Hospitaala Sheer Itiyoophiyaa Baatuu/Ziwaay/ keessa jiru tattaffii tajaajila cimsuuf taasifamuun dhiyeenna kana Hundeessaan Abaaboo Dachi irraa meeshaa kemistrii qoratu BS-200E guutuu otomatika ta’e  bituudhaan arjoomaan argannee fudhannee jirra.Meeshaan kun sistama banaa rii’ejentii bayi’ee fudhachuun kan hojjatuudha.Amma Hospitaalli ri’ejentii gosa gosaa gaarii qulqulinna qabu gatii madalawaan gabaa naannoo irraa  bitachuu danda’a.Hojii heddu raawwachuu danda’a: Sakatta’uu sochii qaama keessaa kan akka sakatta’a qaama fincaanii,Tiruu,elektirolayitii fi kan biro.Sababnis guutumatti atomatikaa fi namaan soch’uun xiqqaa waanta’eef .Saa’aa tokko keessatti Qorannaa 200 gochuuf dandeettii qaba.

Akka Ittigafatamaan Laboratoorii Obbo Suraafel Kabbadaa jedhanitti tajaajila qulqulinna qabu kennuuf nama dandeetti qabu irratti xiyyeeffachuu qofa osoo hintaane  meeshaa hammayyaa kan akka labaratoorii barbaachisa. Obbo Suraafel “ baroota lamaan dabran labatooriin kutaalee babaldhisuu,meeshaalee dullooman bakka buusuu fi ogeessota leenjisuun foyyai’insa guddaa taasisee jira.Meeshaan qorannaa kemistrii haarofni fulduraaf tajaajila keenya  akka foyyessun nugargaara.”jedhu.

Abbaan maashiina dhaabee ogeessotaa  hojjatoota hojii keessatti hirmaatan  hundaaf eega leenjii kenneen booda maashiniin haarofn tajaajila irra kan oolu ta’a.

Carraa kanaan arjooma jalatamaa kanaaf maqaa hojjatoota Hospitaala Sheer Itiyoophiyaatiin Hundeessaa Abaaboo Dachi nigalateeffanna.

Hospitaala Sheeritti hojjataan hund (tilmaamaan 12,500) fi Baratoonni Sheer (6500) bilisaan yaala argatan.Miseensonni Hawaasaa waggatti  dhukkubsatonni 100,000 ol gatii gadi’anaan yaala argatu.

Hundeessaa Abaaboo Dachi (DEF) haala jireenyaa fi fedhii fayyayyadamtotaa keessanuu haala jireenya daa’imman fooyyeessuuf kayyeeffata.Kara hojii DEF,DFG Addunyaa keessa jirru keessatti ittigaafatamummaa isaa bahuuf tattaffiin nigodhama..

Meeshaa laboratoorii BS-200E cinaa hojjataa Sheer Hojjattoonni Sheer meeshaa laboratoorii haaraa waliin Meeshaa laboratoorii BS-200E Hospitaala Sheer keessatti

 

Overview News

Nageenya Daandii fooyyeessuuf gufannaa ariifannaa Hirdhisuu Baatuu hanga Adaamii Tulluu hojjatameera.

7 May 2024 Mariska Braam

Qonni Habaaboo keenya hundi Daandii Finfinnee gara Mooyyaalee deemuu irratti argamu.Karaan ariifataan walhucuccaa Tirafikaa kan hirdhisu ta’ullee haala nama gaddisisuun balaan Tiraafikaa Daandii kanneen irratti nimuldhata.Waan kana ta’eef yeroowwan dabran  gufachiisa ariitii  hirdhisan raawwachisuuf tattaaffii godhameen torbaan dabran abbaan Taayitaa Daandii Itiyoophiyaa iddotti argamuun Daandii naannoo qonnaa gufachiisa ariitii hirdhisan waliigala 6 kan hojjate waan ta’eef abbaa Taayitaa galateeffachuu barbaanna.Dhuma irratti hojiin hojjatame hawaasaa fi hojjatoota keenya balaa Tiraafikaa irraa bararuuf foyya’aa guddaa akka argamsiisu abdii qabna.

Sher Ethiopia: Hojii fooyyessaa daandii Baatuu-Adaamii Tulluu Sher Ethiopia: Hojii fooyyessaa daandii Baatuu-Adaamii Tulluu Hojiin daandii nageenya Baatuu-Adaamii Tulluu

Overview News

Shamarran 350 paadii laguu deebsanii fayyadaman Mala ishiif kan jedhamu deeggarsi taasifameef

12 January 2024 Aswin Endeman
Sher Ethiopia: Deeggarsa paadii laguu shamarran 350f

Pirojektii Bara 2015 yeroo gannaa jalqame hordofudhaan, yeroo dhihoo kana Mala ishiif paadota qulqulinnaa laguu 350 shamarran umuriin 12 fi 13 gidduu ta’uuf mana baruumsaa keenya  Sheertti kennameraaf.Kun kan ta’e deeggarsa  yeroo hundaa taasisaniin bu’uuresitoota Habaaboo Daachitiin.

Mala jechuun fala jechuudha. Biyya Afrikaa keessatti dubartoota ijoollee fi shamarran baayi’ee ta’an irratti rakkoo osoo hinyaadamnee fi hin eegamne muldhatuuf fala kan ta’uudha.Hanqinna oomisha qulqulinnaa laguu humnaa olii.Nama baayi’eef,qulqulinni laguu mijaayaa kan hintaane yookaan kan qaanefamu. Shamarran miliyoonota ta’an, Addunyaa irratti,barnoota,fayyaa,akkaataa of itti ilaalaani fi mirga namummaa kan gufachisuu fi hedduu isaanitiif jalqaba laguu jechuun guyyaa barnoota addaan kutaniidha..

MALA ISHIIF kan Itiyoophiyaa jalqabbii hawaasaa jaarmiyaa dubartotaa fi shamarran ceesisu, naannoo hunda Itiyoophiyaa jiraatu,oomisha laguu, barnoota laguu  fi baasii madalawaa fi humna dinagdeetiin kan walsimate kan kennuudha.

Pirojeektii kana keessatti ,manneen barnootaa Sheer,Mala ishii fi bu’uuressaan Habaaboo Dachi waliin hojjatu.Paadii kennuun cinatti ,tutin ogeessotaa  garee barsisftota mana baruumsaa Sheerii leenjisudhaan karaa Kilabii shamarranitiin fayyummaa laguu irratti leenjiin  kennameera.

Nuti qindominna bu’a qabeessa Mala, garee ishiitiif galata galchaa akkasumas deeggarsa ittfufaa taasisaniif bu’uuresitoota Habaaboo Dachi nigalateeffanna.Nuti waliin ta’uun Addunyaaf  shamarran kabaja mirga isaanitti akka gammadan,dandeettii isaanii kara guutuu ta’een  jireenya gammachuu  bira akka gahan ni gumaachina.

በሼር ኢትዮጵያ የተዘጋጀ የሴቶች የንጽህና መጠበቂያ ፓድ ስጦታ ስነ-ስርዓት በሼር ኢትዮጵያ የተደራጀ የሴቶች የንጽህና መጠበቂያ ፓድ ስጦታ ስነ-ስርዓት Sher Ethiopia: Kennaa paadii laguu shamarran dargaggootiif በሼር ኢትዮጵያ የተለገሱ የንፅህና መጠበቂያ ፓድዎች

Overview News

Kabaja Ayyaana Guyyaa Maanguddootaa

2 January 2024 Aswin Endeman
Sher Ethiopia: Kabaja Guyyaa Maanguddootaa

Dhiyeenya kana Baatutti kabaja ayyaana waggaa guyyaa maanguddootaa kutannoo, ulfinnaa fi dinqisfannaa,deeggarasaa fi qarooma lammiin hangafoonni hawaasa keenya keessatti qabaniif jecha nuti deeggarsa goonee jirra.Taateen kan kaayyeeffate gahee faayida qabeessa  maanguddootaatiif  beekumtii kennuu fi waltajjii isaan muuxannoo qaban ittiqoodan,hojiiwwaan gammachiisoo irratti akka hirmaatani fi dhalootaan walittihidhamiinsa akka qabataniif.

Dhaamsa baga nagaa dhuftanii Kantiibaan magaala Baatuu kabajamoo obboo Ahimaddiin  Ismaa’el dabarsan  kessatti maanguddoota du’aan dabran akka yaadannu taasifameera.

Akka kaampaanitti Daakuu Boqqoolloo kiilograama 500 fi Zeyita nyaataa litira 50 lammii hangafoota humnadhabeeyyii ta’aniif kennuudhaan kutannoo taatee kanaaf qabnnu argisfnnee jirra.

በሼር ኢትዮጵያ የአረጋውያን ቀን ማክበሪያ ዝግጅት በሼር ኢትዮጵያ የአረጋውያን ቀን ክብረ በዓል በሼር ኢትዮጵያ የተዘጋጀ የአረጋውያን ቀን አከባበር

Overview News

Iskolarshippii Barnhoorn irra deebidhaan baratoota 4f kennameera

14 December 2023 Aswin Endeman
Sher Ethiopia: Kennaa Iskolarshippii Barnhoorn

Dhiyeenna kana,yeroo sadaffaaf baratoota mana baruumsa Sheertitti barumsa xumuran 4f Iskolarshippii  Geerit fi Nel BarnHoorn kennameera. Akkuma beekamu maatiin Barn Hoorn hundesitoota Sheer Itiyoophiyaa fi manneen  barnootati.Waggaa waggaadhaan baratoota 4 Iskolarshippii yeroo barnoota isaanii irra caalaa uwwisa baasii isaanii gargaaruu fi gatii jireenya Yunivarsiitii Itiyoophiyaa isaani filatan kan gargaaru ji’aan mallaqni kara Sheertiin ni ergamaaf.Kayyoon  guddaan  Iskolarshippiii baratoota qabxxii olaanaa galmeessan duubni isaanii barachuuf carraa kan hinqabnne gargaaruudha.

Baratoota Na’imaa Aschalawu,Jamiilaa Hedatoo,Muhammad Ahimad  fi Yoordanos Shaambal Aaddee LuulitI fi Mr.Aswiin Indeman  irraa fudhataniiru.Mr.Aswiin Indeman  maqaa manajmentii sheertiin  warra badhaasa hinjifataniin baga gammaddan akkasumas barsiftota mana barumsa Sheer fi hojjatoota gargaaran hojii cimaa wagga 16 dabran hojjatanii fi bu’aa agarsiisaniif galatefatanii jiru.

Baruumsa kutaa 12 xumuuran hunda keessaa baratoonni 8 Iskolarshippiif calalamanii 4 filamaniiru. Kan hafan 4f laappi tooppii kennameraaf.Sagantaan kan gaggeefame maatiin baratootaa ,gaggesitota Sheer Itiyoophiyaa,jaarsota ,hawaasaa ,hojjatoota mana baruumsa Sheerii ,koree maatii fi hoggantoota mootummaa magaalaa bakka argamanitti.

Deeggarsa hunde qabeessa bara hedduuf mana baruumsaa Sheerii fi hospitaalaa taasisaniif ishidhaa fi isa Barnhoorn galateefachaa, nu baratoota kanneenifs dinqisfannaa olaanaa qabaachaa, Sheer Itiyoophiyaan hawaasa Ziwaay fi naannoo keessatti taasisu baratoonni fakkeenna dhugaa kan ta’aniidha.Baratoota keenya baruumsa xumuran fuula dura bakka gahanitti hamilee gaarii  hawwinaaf.

Manni baruumsaa Sheer Itiyoophiyaa baratoota 6500 ol iddoo sadii  qaba.Tilmaaman daa’imman 400 kan ta’an umurii wagga 4 irraa jalqabee mana barnootaa Sheeritti waggaa waggaadhaan kan galmaawan yookaan simataman yoo ta’u innis harka 50 hawaasa naannoo hark 50 ammoo ijoollee hojjatootaa irraa ta’a. 

በሼር ኢትዮጵያ የባርንሆርን ስኮላርሺፕ ተጠቃሚዎች በሼር ኢትዮጵያ የባርንሆርን ስኮላርሺፕ ፕሮግራም በሼር ኢትዮጵያ የባርንሆርን ስኮላርሺፕ ስነ-ስርዓት በሼር ኢትዮጵያ የባርንሆርን ስኮላርሺፕ አሸናፊዎች በሼር ኢትዮጵያ የባርንሆርን ስኮላርሺፕ ስጦታ ስነ-ስርዓት

Overview News

Mana barnootaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa Adaamii Tullutti baname

10 December 2023 Aswin Endeman
Mana barumsaa Sher Ethiopia karaa cinaa irraa

Ji’a onkololeessaa 21, Sheer mana baruumsaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa  Adaamii Tullu keessatti  haala dinqisafamuun banameera.Ittigafatamaa waajjira barnootaa,Maanajera daladala gargaaruu fi ittgaafatama hawaasaa dhaabbata(CSR) Sheer Itiyoophiyaa  Mr.Asiwiin ,bakka bu’oota hawaasaa Adaamii Tulluu ,jaarsoliin,bakka bu’oota maanajmentii Sheer Itiyoophiyaa,barsiftonni fi waliigala baratonni 192 bakka argamanitti Riboniin kabajamoo itti’aanaa kantiibaa magaala Baatuu/Ziwaayi  obbo Usmaan Tuseetiin murameea.Hundumaafuu guyyaa gammachiisaa!

Barnoota bilisaan kaffaltii malee kennuun dhimma ijoo Sheer Itiyoophiyaati.Bara 2009 yeroo ijaarsa 2ffaa qonnaa xumurame ,Mandara Adaamii Tulluu iddoo mana barnootaa haarawa irratti investi goonee jirra.Bara 2011 Oolmaan daa’immanii Sheer baname.Yeroo ammaa baratoota 342 qaba.Yeroo gabaaban booda sababa dhibee Covid, baratoonni jalqabaa Oolmaa daa’immanii keessaa turan,yeroon gammachisaan dhufee mana barnootaa sadarkkaa tokkoffaa haarawa banuu geenyee jirra.Iddoon lamaan meetra 500 qofa addaan fagaatu.

Sheer bara baraan kutaa 4 dabaluuf karoorfateera.Bu’aa kanaanis mana barnootaa haarofni kun yeroo waggaa 8 keessatti gara baratoota 1500 kan guddatu ta’a.Moonaan kun mana barnootaa sadarkaa lammaffaa dabaluuf baldhaa fi gahaadha.Manneen barnootaa Sheer ijoollee hojjatoota Sheer akkasumas ijoollee hawaasa naannootiif banaadhaa.

Galanni keenya tokkoon tokkoon mana barumsaa kana dhugayoomsuuf gargaaran hundaaf. Tuuta ijaarsaa hanga siviilsarvantii,barsiisa irraa hanga qulqulleesituu tokkoon tokkoon keessan galatoomaa!

Nuti manni baruumsaa kun mallattoo tokkummaa, guddinnaa fi fuulduratti deemsa hawaasa Adaamii Tulluu  cimsa jennee abddanna.Iddoo ebjuun balaluu itti eegaluu fi iddoo ibsaan beekumsaa dhaloota tokkoo irraa gara itti aanutti  dabruudha.

የሼር ኢትዮጵያ ትምህርት ቤት ሰፊ መማሪያ ክፍል የሼር ኢትዮጵያ አዲስ የአንደኛ ደረጃ ትምህርት ቤት ህንፃ በአዳሚ ቱሉ Kutaa barnootaa keessaa mana barumsaa Sher Ethiopia በሼር ኢትዮጵያ የአዳሚ ቱሉ ትምህርት ቤት ስጦታ በሼር ኢትዮጵያ የአዳሚ ቱሉ ትምህርት ቤት ክፈታ በሼር ኢትዮጵያ የአዳሚ ቱሉ ትምህርት ቤት ምረቃ በሼር ኢትዮጵያ የተገነባው አዲስ ትምህርት ቤት መክፈቻ

Overview News

Barri Haaraan Kan Fayyaa fi Badahaadhinaa Isiniif Haata’u

12 September 2023 Aswin Endeman
Abaaboo diimaa bareedduu Sher Ethiopia

የሼር ኢትዮጵያ የአዲስ አመት መልካም ምኞት

Overview News

Deeggarsa hojjatoota qaama miidhamtotaaf

11 September 2023 Aswin Endeman
Deeggarsa hojjatoota Sher Ethiopia

Torbaan dabre kara deeggarsa Kabaja deeggarsa kununsuu Feertredii kara daldalaa fi sagantaa ittifufiinsaatiin miseensota hojjatoota keenyaaf daawwitee Ijaatii fi meeshaalee miidhamaa deeggaran qoodne jirra. (DONUTS program)

Kaayyoon waggoota 4 sagantaa kanaa, walqixxummaa korniyaa,dargaggootaa fi garee saaxilamoo , keessanuu namoota  qaama miidhamaa irrattiidha.Kanaan cinatti ,Sagantich kan kaayyeefate  dhaabbilee feertrediin oomishani fi  yuniyeenata daldalaa dandeettii isaanii cimsuudha.Sagantich kan deeggaramu Ministeera dhimma  alaa Fiinlandiin.

Sheer Itiyoophiyaa biratti ,qaama miidhamtoota ammachuun yeroo hundaa kan durfamuudha.Kanaafuu nuti sagantaan DONUTS carroomnee hojjatoota qaama miidhamtoota 108 meeshaan gargaaramuu  ittigammadna.

Pirojeektii kana keessatti Sheer Itiyoophiyaa fi Feer treed Afrikaan Waldaa deebsaniidhaabuu Giraarbeetii wojjiin taanee jirra.Waldeen kun fayyadamtootaa meeshaalee shallaguu fi gosa isaa fi itti ta’uu isaa murteessa.Innis a.o tirayisaaklii,kiranchii ,miila namtolchee, kophee,daawwitee ijaa fi meeshaa dhageettii of keessatti qabata.

Hojjatoota keenya 108 jiruu fi hojii isaanii ittimijaawaa waan ta’uuf nut kana arguu keenyaaf gammachuu qabnna.Kabajamoota michomtota  keenya guddaa galatoomaa.

የሼር ኢትዮጵያ የአካል ጉዳተኛ ሰራተኞች ድጋፍ ስነ-ስርዓት የሼር ኢትዮጵያ የአካል ጉዳተኛ ሰራተኞች ድጋፍ ስነ-ስርዓት የሼር ኢትዮጵያ የአካል ጉዳተኛ ሰራተኞች ስብሰባ የሼር ኢትዮጵያ የአካል ጉዳተኛ ሰራተኞች ድጋፍ ስነ-ስርዓት