Category Archives: News

Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunivasiitii Hawaasaa

24 May 2023 Aswin Endeman
Studentenbezoek aan de gemeenschapsuniversiteit

Guyyaa sanbataa Caamsaa 12 Yuunvarsiitii Hawaasaa irraa garee baratoota Hortikalcharii, saayinsii biqiltuu fi barsiftotaa simannee jirra.Anaadhufuun booda waa’ee hojii qonna Habaaboo fi hojii ittigaafatamummaa hawaasaa Kaampanichaa ibsa gabaabaan kennameera.Kana booda  mana magariisaa, gireeding ,lafa caffee fi kompostii daawwaannaan dirree taasifameera.

Hojii qabatamaa Hortikalcharii garee kana agarsiisuun keenya nuuf carraa gaarii yoo ta’u isaanis Eegumsa naannoo fi sochii hawaasummaa dhaabbatichi taasisu ittigammadaniiru.Dhuma irratti ,hojii misooma hawaasaa fi Eegumsa naannoo  Sheer Itiyoophiyaa dinqisifatanii jiru.

Nutis baratoonni kun gara fuula duraa Itiyoophiyaa keessatti  seektara  Hortikalcharii guddisuuf ifa akka ta’ee abdii kanqabnnuu fi dhimma kana karoorsuu fi qindeessuu  isaatiif Ejeensii  misooma Hortikalcharii Itiyoophiyaa (EHPEA ) nigalteeffanna.

Overview News

Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

14 April 2023 Aswin Endeman
Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

Baroota dabran godin Booranaa hoongee akka malee hammaataa ta’eef saaxilamuun dhumaatii beeyiladaa fi dhabamiinsa  Oomisha midhaani irra gaheera. Ummata Booranaa gargaaruuf  akka biyyaatti  duulli jalqabamee jira.Sheer Itiyoophiyaan daakuu Boqqoolloo toonii 13(kuntaala 130)arjoomeera.Guyyaa jimaataa Bitootessa 29/2015 bakka ittigaafatamtoonni waajjiroota murtaayanii argamanitti ittigaafatamaa waajjira kantiibaa Baatuuf/Zuwaayif/ dabarfamee kennameera.Isaanis dhaabbaticha galateefatanii gargaarssa fuudhan ummata Booranaa hoongeen miidhameef akka geessan waada galanii jiru.

 

 

 

Overview News

Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

4 April 2023 Aswin Endeman
Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa Kigaalii keessatti qonna Bunaa Dukundee Kaawaa Musaasaa irratti  Bitooteesa 21-24 qonnoota sartifikeetii Feer tireed qaban waliin kabajameera. Hirmaattonni kan dhufan Keeniyaa,Tanzaniyaa,Kongoo,Ugandaa fi Itiyoophiyaa irrraadha.Sheer bakka bu’uudhaan Hilliinaa Makkonin hirmaattee jirti.

Tuutni waldaalee akka Dukundee Kaawaa Musaasaa qonna Bunaa dhiyeenna Kigaalitti argamu daawwatanii jiru.Walda kun bara 2003(A.L.A) hundeefamee Omishtoota Bunaa 300 irraa gara 2000 olitti babaldhateera.Miseensonni  waldaa Dukundee Kaawaa harka 80 kan ta’an dubartoota.Bunaa isaanii gabaaf kan dhiyeessan akka Buna dubartotaan Oomishameetti.Feer tireed preemium gara baruumsa daa’immani fi kallattii  jijjirama hawaasaa gargaaruu kan  akka waldaa hodhaa meeshaa qulqulinnaa irra deebi’amee akka tajaajilu  Oomishuu fi gabaa naannotiif dhiyeessuudha. Walda Yuuniyeen Kageeratti  dubartotaa fi dargaggoonni Oomisha Saamunaa fi  Dammaa irratti leenji’an.

Qonni keenya keessatti gahee fi iddoo dubartotaa cimsuu fi hawaasin galma barbaachisaa humna hojii beekumsa adda addaa kan horatan ta’a. Nuti sagantawwan adda addaa kennuu kan itti fufinuu fi hojjatoota keenya leenjii fi miseensa hawaasaa galmaa kanaaf akka gumaachan taasifama.

Nuti akka addunyaatti qophii godhame qonnoota biroo  irraa barachuu  carraa nuu  kenneef feer tireediin galteeffachuu barbaanna.

           

Overview News

Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

20 March 2023 Aswin Endeman
Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

Dhiyeenna kana,yeroo lammafaaf baratoota mana baruumsa Sheertitti barumsa xumuran 4f Iskolarshippii  Geerit fi Nel BarnHoorn kennameera.Maatiin Barn Hoorn hundesitoota Sheer Itiyoophiyaa fi manneen  barnootati.Waggaadhaan baratoota 4 Iskolarshippii yeroo barnootaa  irra caalaa uwwisa baasii isaanii gargaaruu fi gatii jireenya Yunivarsiitii Itiyoophiyaa isaani filatan kan gargaaru ni kennamaaf.Galmi guddaan  Iskolarshippiii baratoota qabxxii olaanaa galmeessan duubni isaanii barachuuf carraa kan hinqabnne gargaaruudha.

Baratoota Xahaa Aabbuu Juullaa, Tamasgeen, Solomon Sixotaa, Dajanee Ijaaroo Naannessoo fi Haannaa Balaayihun Dilnnasaw badhaasa isaanii John Barnhoorn ilma Geerrit fi Nel  Baarn Hoorn irraa fudhataniiru.Inni maqaa maatii isaatiin warra badhaasa hinjifataniin baga gammaddan akkasumas barsiftota mana barumsa Sheer fi hojjatoota gargaaran hojii cimaa wagga 16 dabran hojjataniif galatefatanii jiru.

Baruumsa kan xumuran hunda keessaa baratoonni 8 Iskolarshippiif calalamanii 4 filamaniiru. Kan hafan laappi tooppii kennameraaf.Sagantaan kan gaggeefame maatiin baratootaa ,manajarota  Sheer Itiyoophiyaa,jaarsota hawaasaa ,hojjatoota mana baruumsa Sheerii ,koree maatii fi hoggantoota waajjira barnootaa fi bulchiinsa Aanaa bakka argamanitti.

Deeggarsa hunde qabeessa bara hedduuf mana baruumsaa Sheerii fi hospitaalaa taasisaniif ishidhaa fi isa Barnhoorn galateefachaa, nu baratoota kanneenifs dinqisfannaa olaanaa qabaachaa, Sheer Itiyoophiyaan hawaasa Ziwaay fi naannoo keessati taasisu baratoonni fakkeenna dhugaa kan ta’aniidha.Baratoota keenya baruumsa xumuran fuula dura bakka gahanitti hamilee gaarii  hawwinaaf.

Manni baruumsaa Sheer Itiyoophiyaa baratoota 6800 ol iddoo sadii  qaba.Tilmaaman daa’imman 400 umurii wagga 4 irraa jalqabee mana barnoota Sheeritti waggaa waggaadhaan seenan.Seenuun daa’immanii  50-50  hojjatootaa fi hawaasa naannoo qixa adda  qoodudhaan. 

Overview News

Ekisipoo Hortifilora

17 March 2023 Aswin Endeman
Hortiflora expo

Torbaan dabre Ekisipoo nama kakaasu guyyaa sadiif  Ekisipoo Hortifilora isa 8ffaa Finfinne keessatti qophaaye nut akka gammachuu olaanatti ilaallee jirra.Egzibishinichi keessumooni kabajaa  Ministeera qonnaa Doktor Girmaa Amantee ,isaan waliin obboo Masfin Xaasoo , gaggesitoota daandii qilleensaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun banameera.

Nuuf,egzibishinich walitti dhufeenya baa’ee qabnuu fi qaamota fedhii qaban waa’ee qonnaa fi akkaataa abaaboo bareedaa keenya kara ittifufinsa qabuun itti oomishinu beeksisuu fi  Pirojeektota keenya baayi’ee ittigaafatamummaa dhaabbatichaa bahuu(CSR) fi dabalataan  Jalqabbii Bocee goge jibrii isaa oomisha adda addaa heddu ta’e qopheessanii  dubartoonni naannoo faayidaa irra oolchaa jiran ibsuuf carraa olaanaa .

Bara kana xiyyeeffannaan”ittfufinsa mirkaneessuu” fi badhaasa waldaa ala ergitotaa fi oomishtota kuduraa fi fuduraa Itiyoophiyaa(EHPEA)(sartifikeetii Worqii dambii  sirna naamusaa) fi MPS(Horti foot print calculator) irraa nuu kennametti gammadinnee jirra.

Akka waliigalaatti, milkaayina fudhatama qabu ,nutis asumaan  EHPEA beekamttii dhaabbilee taasisani fi daawwatoota fedhii agarsisaniif galatoomaa jenna.

Overview News

Mana Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Sheer Adaami Tulluutti Boolla Bishaanii haaraa

24 February 2023 Aswin Endeman
Boolla haaraa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Sheer Adami Tulu

Torban darbe bakka mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keenya Adami Tulutti boolli bishaanii qotamee ture. Ijaarsa daree barnootaa 4 yeroo jalqabaaf bara kana ni jalqabna. Manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa kun mana barumsaa Sheer Oolmaa daa’immanitti baay’ee dhihoo dha, Oolmaan daa’immanii amma barattoota 350 qaba. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa haaraa kanaaf qophiin eegalameera. Kunis kan irraa eegalee bu’uuraalee bishaanii fi ibsaadha. Gadi fageenya Meetira 77 irrati bishaan bahee jira. Galanni keenya kiristaan Sarvis Internaashinaaliif haa ta’u; iddoowwan manneen barnootaa keenya jiran hundatti argamiinsi bishaanii akka fooyya’u nu gargaaraa jiran. Yeroo amma mukkeennii fi biqiltoota bishaan obaasuu fi mana fincaanii qulqulleessuuf bishaan gahaa qabna. Bishaan boolla miseensota hawaasa naannootiif kafaltii malee karaa ijummoo/boonoo bishaaniitiin akka argatan ni taasifama. Ijaaramuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Sheerii haaraa guddina baay’ee barbaadamu gama barnoota, carraa hojii fi bu’uuraalee misoomaatiin ni fida.

Overview News

Barattoonni Sheerii Badhaafaman

31 January 2023 Aswin Endeman
Barattoonni Sheerii Badhaafaman

Dhiheenya kana barattoonni keenya kutaa 8ffaa sadii dorgommii dandeettii argannoo fi kalaqaa addaa irratti hirmaatanii jiru; Kalaqa addaa ta’e kana kan qopheesse Biiroo Barnoota Oromiyaati. Dorgommiin kun sadarkaa naannootti kan dhiyaate yoo ta’u, “Guyyaa Barattoota Dubartoota Oromiyaa” irratti kan dhiyaateedha. Sagantaan kun Giddugala Aadaa Oromiyaa Addiis Ababaatti gaggeeffame.

Helen Yooseef, Mahleet Birhaanuu fi Qananiituu Tashoomaa gama hojii ogummaa harkaatiin mo’attoota ta’aniiru. Isaanis Meedaaliyaa fi waraqaa ragaa argataniiru. Guyyaa sana hojiiwwan aartii isaanii daawwattoota fuulduratti akka dhiyeessan carraan kennameefii Barsiistuu Roobittii Mangashaatiin dabaalamanii turan. Guyyaa itti aanutti ayyaana kana kabajuuf Paarkii Michoomaa ilaaluuf deeman.

Shamarran kunneen mana barumsaa Sheeritti erga deebi’anii booda hoggansa mana barumsichaa fi barattoonni isaaniitiin simannaan ho’aan taasifameeraaf. Shamarran keenya hojii gaarii hojjetan.

 

Overview News

Iddoo hojii Banaa haaraa: Barreessituu/ Gargaartuu Bulchiinsaa

27 January 2023 Aswin Endeman

Dargaggeettii fi humna haara kan qabdu, Barreessituu/Gargaartuu Bulchiinsaa tan Afaan Ingiliffaa sirriitti dubbattu kan adeemsa galtee alaa dhufu deeggartuu fi hojii barreessummaa /Gargaartuu Bulchiinsaa guyyaa guyyaa waajjira Finfinnee keessatti hooggantu barbaanna.

Please click here to find more information.

 

 

Overview News

Guyyaa Qulqullinaa Naannoo Mana Barumsaa Sheeri

10 January 2023 Aswin Endeman
Sher School students to organize Clean-up Day

Guyya har’aa Qulqullinaa naannoo mana barumsa keenyaa irrattii barattonni keenyaa hirmaachuu keessaaniif baayee isiinitii boonne jirra. Hojiin qulqullinaa kun miseensoota kilaabii Eugumsaa naannoodhaan qinda’ee Baarsiisonni fi baaratoonni hedduu irrattii hirmaachuun gaataa pilaastikaa fi kan biro hedduu saassaabuun danda’amee jira. Gaataan jaajjaboo akkaa biyyattii illee raakkoo guddaa dha. Barratoonni fi Barsiisonni keenyaa dhaalootni haraa kun naannoo qulqulluu ta’e qaabachuu akkaa danda’an gochuuf qophaa’oo ta’uu isaanii agarsiisaani jiru. Dalaagaa Gaarii Baraattoota Keenya!