Category Archives: News

Overview News

Barri Haaraan Kan Fayyaa fi Badahaadhinaa Isiniif Haata’u

12 September 2023 Aswin Endeman

Overview News

Deeggarsa hojjatoota qaama miidhamtotaaf

11 September 2023 Aswin Endeman

Torbaan dabre kara deeggarsa Kabaja deeggarsa kununsuu Feertredii kara daldalaa fi sagantaa ittifufiinsaatiin miseensota hojjatoota keenyaaf daawwitee Ijaatii fi meeshaalee miidhamaa deeggaran qoodne jirra. (DONUTS program)

Kaayyoon waggoota 4 sagantaa kanaa, walqixxummaa korniyaa,dargaggootaa fi garee saaxilamoo , keessanuu namoota  qaama miidhamaa irrattiidha.Kanaan cinatti ,Sagantich kan kaayyeefate  dhaabbilee feertrediin oomishani fi  yuniyeenata daldalaa dandeettii isaanii cimsuudha.Sagantich kan deeggaramu Ministeera dhimma  alaa Fiinlandiin.

Sheer Itiyoophiyaa biratti ,qaama miidhamtoota ammachuun yeroo hundaa kan durfamuudha.Kanaafuu nuti sagantaan DONUTS carroomnee hojjatoota qaama miidhamtoota 108 meeshaan gargaaramuu  ittigammadna.

Pirojeektii kana keessatti Sheer Itiyoophiyaa fi Feer treed Afrikaan Waldaa deebsaniidhaabuu Giraarbeetii wojjiin taanee jirra.Waldeen kun fayyadamtootaa meeshaalee shallaguu fi gosa isaa fi itti ta’uu isaa murteessa.Innis a.o tirayisaaklii,kiranchii ,miila namtolchee, kophee,daawwitee ijaa fi meeshaa dhageettii of keessatti qabata.

Hojjatoota keenya 108 jiruu fi hojii isaanii ittimijaawaa waan ta’uuf nut kana arguu keenyaaf gammachuu qabnna.Kabajamoota michomtota  keenya guddaa galatoomaa.

 

Overview News

Guyyaa Qulqulleessuu Addunyaa

29 August 2023 Aswin Endeman

Fulbaana 05 guyyaa Qulqulleessuu Addunyaa kan ummanni naannoo Addunyaa wali ta’uu fi humna qindeessee Addunyaa irraa Kosii fi Gataa qulqulleessuudha.Nut akka Sheeritti ji’a sadiin naannoo  qonna keenyaa Adaamii Tulluu fi Qooqaa si’ayinnaan  qulqulleessuun  gumaachaa jirra.Ziwaayi keessatti humna qonnaa ollaa keenyaa wajjiin qindoofnee hojjanna. Hoojjatoonni Sheer 100 ol ta’an hojii qulqulleessuu kana keessatti hirmaatu.

Kosiin ilaaluuf kan namatti hintolle qofa osoo hintaane adeemsaan naannoo faaluudhaa fi lagoota,harowwan fi galaana ,labbuqabeyyii irra balaa geessuu fi Ardii fi fayyaa keenya miidha.

Nuti hojjatoota keenya kutannoodhaan akkasumas hayyamtoota woggaa keessatti yeroo tokko qofa  qulqulleessuu osoo hintaane kurmaanaan kutannoodhaan qooda bahan nigalateeffanna.Fulbaana 05 humna qindeessudhaan hundinuu akka hirmaattan waamicha taasifna.

 

Overview News

Duula Ashaaraa Magariisaa

9 August 2023 Aswin Endeman

Kaka’uumsa Ashaaraa Magariisaa,dhiibbaa jijjirama qillensaa fi manca’iinsa bosonaa qolachuu kayyeeffate ji’a caamsaa  bara 2013 lallabameera.Haaluma Kanaan Itiyoophiyaa keessatti biqiltuu biliyoona 3.7dbaabateera.Waggaa waggaadhaan duula keessatti gumaachaa jirra.Ji’a Adoolessaa keessa qaamonni keenya biqiltuu 46,000 ol  Tulluu Warjaa fi Qaamoo Garbii dhaabuuf gargaaranii jiru.Kun michoominna olaanaa waajjiroota  bulchiinsa naannoo ,investaroataa fi miseensota hawaasaati

Naannoo qophaayetti Biqiltuu dhaabuun walqabatee, nutis mukoota mudaraadhaa 300 fi biqiltuu biyya keessaa 1000 moonaa mana baruumsaa keenya Sheerii iddoo 4 keessatti dhaabnee jirra.Asumaan qaamota keenyaa fi hayyamamtoota kaka’uumsa biqiltuu dhaabuu keessatti hirmaatan nigalateeffanna.

 

Overview News

Afriifilooraa, DEF fi Kaamaraan wajjiin ta’uun kutaa IT guddisanii jiru

4 July 2023 Aswin Endeman

Nut kennaa Bu’uuressaa Habaaboo Daachii fi Afriifilooraa biraandii lama haarawa giddugaleessa E-barnootaa mana baruumsa olaanaa Sheeri Ziwaayi jirutti hundeesinee jirra.

Barnoota Kaamaaraa kompiitara 50 fi sarvarii 2 haarawa kenne,yeroo hunda Itiyoophiyaa bakk fagoo keessatti  kompiitara hiruudhaan barsiistota leenjisa.Naannoo kutawwan koompiitaraa daaraa  fi rakkoo nageenyaa irraa bilisa akka ta’an gargaaru.Barsiftonni isaanii mana baruumsaa torbaaniif daawwatan,Karkulamii keessatti ittifayyadama kompiitaraa irratti barsiistota 26 leenjii fi suphaa murteessaa irratti gorsa kennan.

Kompiitara Kaamaaraa sirna Ubuntuu sirna isa bu’uuraa banu .Isaanii dursamee kan fe’amu sooftii weerii geemii salphaa irraa gara istidiyoo baruumsa addaa, kuusa herregaa fi saayinsii  kamaaraati.Kompiitarri hunduu version sararaa alaa Wiikpediyaa , walitthidhamaa intarneetii murtayadhaan mana baruumsatiif baruumsa dabalataa biraa  kan uumaniidha.Hunda caalaa barbaachisaan kompiitaronni  kitaaba teekstii karkulama mana barnootaa  walligalaa kan uwwise PDFs Ministeer barnootaa kan ittife’ameedha. kitaaba teekstii maneen barnootaa Itiyoophiyaa 40,000 irratti kan hiramu gara malee xiqqaadha.Kanaaf kun kophaa isaatti qabeenya gara malee barbaachisaadha.

Bu’uressaa Habaaboo Daachi ummataa keessanuu daa’imman haalli jireenyaa fi fayyummaan akka foyya’u kan kaayyeefateedha.Kun  kan xiyyeefatu biyyoota kampaanii gareen Habaaboo Dachi jajjabinna  qaban pirojeektii hawaasa waliin kan walitti hidhameedha.Kara  hojii Bu’uressaa habaaboo Daachii, garee habaaboo Dachii Addunyaa keessa jiraannuu  ittigaafatamummaa  qabnu kan agarsisuudha.

Akka daayirektarri mana baruumsaa Sheer obboo Nigusee Aagaa jedhanitti,baratoota keenyaaf   ogummaan kompiitaraa gara malee barbaachisaa,baratoonni dhibbaan  lakkaawaman kana irraa fayyadamaa ta’u.Manni barnootaa sheerii Itiyoophiyaa keessatti hiree gaarii argatan.Baratoonni irra caalaa yuunivarsiitii galuuf dandeettii horatu.Kompiitarri haarofnni baratoota keenyaaf hiree Addunyaa Dijitaal  akka argatan mijeessaaf.

Afriifiloraan Itiyoophiyaa keessatti maqaa Sheer Itiyoophiyaa jedhuun qonna Habaaboo 3 sochoosa.Mana baruumsaa Sheeritti ijoollee 6800 oolmaa daa’immanii hang sadarkaa olaanaa barnoota bilisaan argatu.

Nuti maqaa baratootaa fi barsistotaatiin gumaacha isaan taasisan dinqisifannaa olaanaa ibsaa  Bu’uuressaa Habaaboo Daachi fi Kaamaraa nigalateeffanna.

 

Overview News

Dorgommii Kubbaa miilaa milkaayaa Istadiyoomii Sheeritti

26 May 2023 Aswin Endeman
Successful football tournament at Sher Stadium

Ji’a Caamsaa guyyaa 12 sanbataa dorgommii garee C kan Liigii olaanaa Itiyoophiyaa xumurame. Ji’oota lamaaf gareen 13 naanno Itiyoophiyaa hunda irraa hirmaatan geeba hinjifachuu fi beeksisuu primarii Liigii Itiyoophiyaatiif waldorgomaa turaniiru.Walmorkii dhumaa Finfinnee irraa  garee Kiflakatama Yekkaa fi naannoo Kibbaa zonii Hadiyyaa garee Hambarichooti.Tapha hawwataan booda Hambarichoon 1-0 mooyateera.Warra hinjifateen baga gammaddan jechaa tapha jaalatamaa ilaaltota baayi’een argamani  fi tapha nama kakaasu Istadiyoomii keenyatti arguu keenyaaf ittgammadnnee jirra.

Dhuma sagantaa irratti,Sheer Itiyoophiyaan gumaacha taasisee fi milkayina sgantichatiif federeshiini  kubbaa miilaa Itiyoophiyaa irraa sartifiketiin dinqisifannaa badhafameera.

Successful football tournament at Sher Stadium Successful football tournament at Sher Stadium

Successful football tournament at Sher Stadium Successful football tournament at Sher Stadium

Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunivasiitii Hawaasaa

24 May 2023 Aswin Endeman
Studentenbezoek aan de gemeenschapsuniversiteit

Guyyaa sanbataa Caamsaa 12 Yuunvarsiitii Hawaasaa irraa garee baratoota Hortikalcharii, saayinsii biqiltuu fi barsiftotaa simannee jirra.Anaadhufuun booda waa’ee hojii qonna Habaaboo fi hojii ittigaafatamummaa hawaasaa Kaampanichaa ibsa gabaabaan kennameera.Kana booda  mana magariisaa, gireeding ,lafa caffee fi kompostii daawwaannaan dirree taasifameera.

Hojii qabatamaa Hortikalcharii garee kana agarsiisuun keenya nuuf carraa gaarii yoo ta’u isaanis Eegumsa naannoo fi sochii hawaasummaa dhaabbatichi taasisu ittigammadaniiru.Dhuma irratti ,hojii misooma hawaasaa fi Eegumsa naannoo  Sheer Itiyoophiyaa dinqisifatanii jiru.

Nutis baratoonni kun gara fuula duraa Itiyoophiyaa keessatti  seektara  Hortikalcharii guddisuuf ifa akka ta’ee abdii kanqabnnuu fi dhimma kana karoorsuu fi qindeessuu  isaatiif Ejeensii  misooma Hortikalcharii Itiyoophiyaa (EHPEA ) nigalteeffanna.

Overview News

Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

14 April 2023 Aswin Endeman
Gargaarssa nyaataa hawaasa godina Booranaa Hoongeedhaan miidhamaniif

Baroota dabran godin Booranaa hoongee akka malee hammaataa ta’eef saaxilamuun dhumaatii beeyiladaa fi dhabamiinsa  Oomisha midhaani irra gaheera. Ummata Booranaa gargaaruuf  akka biyyaatti  duulli jalqabamee jira.Sheer Itiyoophiyaan daakuu Boqqoolloo toonii 13(kuntaala 130)arjoomeera.Guyyaa jimaataa Bitootessa 29/2015 bakka ittigaafatamtoonni waajjiroota murtaayanii argamanitti ittigaafatamaa waajjira kantiibaa Baatuuf/Zuwaayif/ dabarfamee kennameera.Isaanis dhaabbaticha galateefatanii gargaarssa fuudhan ummata Booranaa hoongeen miidhameef akka geessan waada galanii jiru.

 

 

 

Overview News

Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

4 April 2023 Aswin Endeman
Ayyaana Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa

Guyyaa dubartoota Addunyaa Ruwaandaa Kigaalii keessatti qonna Bunaa Dukundee Kaawaa Musaasaa irratti  Bitooteesa 21-24 qonnoota sartifikeetii Feer tireed qaban waliin kabajameera. Hirmaattonni kan dhufan Keeniyaa,Tanzaniyaa,Kongoo,Ugandaa fi Itiyoophiyaa irrraadha.Sheer bakka bu’uudhaan Hilliinaa Makkonin hirmaattee jirti.

Tuutni waldaalee akka Dukundee Kaawaa Musaasaa qonna Bunaa dhiyeenna Kigaalitti argamu daawwatanii jiru.Walda kun bara 2003(A.L.A) hundeefamee Omishtoota Bunaa 300 irraa gara 2000 olitti babaldhateera.Miseensonni  waldaa Dukundee Kaawaa harka 80 kan ta’an dubartoota.Bunaa isaanii gabaaf kan dhiyeessan akka Buna dubartotaan Oomishameetti.Feer tireed preemium gara baruumsa daa’immani fi kallattii  jijjirama hawaasaa gargaaruu kan  akka waldaa hodhaa meeshaa qulqulinnaa irra deebi’amee akka tajaajilu  Oomishuu fi gabaa naannotiif dhiyeessuudha. Walda Yuuniyeen Kageeratti  dubartotaa fi dargaggoonni Oomisha Saamunaa fi  Dammaa irratti leenji’an.

Qonni keenya keessatti gahee fi iddoo dubartotaa cimsuu fi hawaasin galma barbaachisaa humna hojii beekumsa adda addaa kan horatan ta’a. Nuti sagantawwan adda addaa kennuu kan itti fufinuu fi hojjatoota keenya leenjii fi miseensa hawaasaa galmaa kanaaf akka gumaachan taasifama.

Nuti akka addunyaatti qophii godhame qonnoota biroo  irraa barachuu  carraa nuu  kenneef feer tireediin galteeffachuu barbaanna.

           

Overview News

Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

20 March 2023 Aswin Endeman
Iskolarshippii Barnhoorn baratoota 4 badhaseera

Dhiyeenna kana,yeroo lammafaaf baratoota mana baruumsa Sheertitti barumsa xumuran 4f Iskolarshippii  Geerit fi Nel BarnHoorn kennameera.Maatiin Barn Hoorn hundesitoota Sheer Itiyoophiyaa fi manneen  barnootati.Waggaadhaan baratoota 4 Iskolarshippii yeroo barnootaa  irra caalaa uwwisa baasii isaanii gargaaruu fi gatii jireenya Yunivarsiitii Itiyoophiyaa isaani filatan kan gargaaru ni kennamaaf.Galmi guddaan  Iskolarshippiii baratoota qabxxii olaanaa galmeessan duubni isaanii barachuuf carraa kan hinqabnne gargaaruudha.

Baratoota Xahaa Aabbuu Juullaa, Tamasgeen, Solomon Sixotaa, Dajanee Ijaaroo Naannessoo fi Haannaa Balaayihun Dilnnasaw badhaasa isaanii John Barnhoorn ilma Geerrit fi Nel  Baarn Hoorn irraa fudhataniiru.Inni maqaa maatii isaatiin warra badhaasa hinjifataniin baga gammaddan akkasumas barsiftota mana barumsa Sheer fi hojjatoota gargaaran hojii cimaa wagga 16 dabran hojjataniif galatefatanii jiru.

Baruumsa kan xumuran hunda keessaa baratoonni 8 Iskolarshippiif calalamanii 4 filamaniiru. Kan hafan laappi tooppii kennameraaf.Sagantaan kan gaggeefame maatiin baratootaa ,manajarota  Sheer Itiyoophiyaa,jaarsota hawaasaa ,hojjatoota mana baruumsa Sheerii ,koree maatii fi hoggantoota waajjira barnootaa fi bulchiinsa Aanaa bakka argamanitti.

Deeggarsa hunde qabeessa bara hedduuf mana baruumsaa Sheerii fi hospitaalaa taasisaniif ishidhaa fi isa Barnhoorn galateefachaa, nu baratoota kanneenifs dinqisfannaa olaanaa qabaachaa, Sheer Itiyoophiyaan hawaasa Ziwaay fi naannoo keessati taasisu baratoonni fakkeenna dhugaa kan ta’aniidha.Baratoota keenya baruumsa xumuran fuula dura bakka gahanitti hamilee gaarii  hawwinaaf.

Manni baruumsaa Sheer Itiyoophiyaa baratoota 6800 ol iddoo sadii  qaba.Tilmaaman daa’imman 400 umurii wagga 4 irraa jalqabee mana barnoota Sheeritti waggaa waggaadhaan seenan.Seenuun daa’immanii  50-50  hojjatootaa fi hawaasa naannoo qixa adda  qoodudhaan.