Category Archives: News

Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa

15 December 2022 Aswin Endeman
Daawwannaa Baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa

Dhiyeenna kana tuuta barsiftotaa fi baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa baayinnaan 48 ta’an simannee jirra.Eega anaa dhufuu jedhameen booda  haala dhaabbatichaa,guddinnaa fi adeemsa  hojii isaa ilaalchisee ibsa gabaabaa kennameera.Marii taasifameen hojii Eegumsa naannoo fi hawaasummaa irratti gammechuu isaanii argisisanii jiru.Tarsiimoo ittgaafatamummaa hawaasaa bahuu fi pirojeektii dhaabbatichaa irratti Mr.Aswin Endemaniin ibsi kennameera.Eega ibsaa fi mariin taasifameen booda  mana oomisha Habaaboo(Green house), omisha Habaaboo , qindeessuu fi Caffee namaan hojjatame daawwannaan dirree tassifameera.Xumuura irratti   hirmaatonni yaada kennaniin hojii misoomaa,tajaajila hawaasummaa fi Eegumsa naannoo Sheeri Itiyoophiyaan raawwatamu kan dinqisifatan ta’uu ibsaniiru.Dhuma irrattii tutin yeroo aarsaa gochuun  simannaa fi ibsa isaanii taasifameef Kaampaanii Sheer galateefatanii  jiru.

Nutis seenaa keenya qaama fedhii qabu biraan akka nuugahan tuutaaf jabeesinee dhaammanneerra.

 

Overview News

Mala ishiif: fala waaraa marsaa laguu ijoollee shamarraniif

5 December 2022 Aswin Endeman
Mala ishiif: fala waaraa marsaa laguu ijoollee shamarraniif

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaruuf mana barnoota sheerii keenya keessatti jalqabnee jirra; Mala ishiif. Malaa jechuun Afaan Oromootiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarran Afrikaa baayyeef mudatuu fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaataniidha.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu mijaawaa miti. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’e argama.

MALA ISHIIF, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuu fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Manni barnoota Sheerii fi mala ishiin gareen ta’uun bu’uuresituu habaaboo Dachi irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Mana barnoota Sheeriitiif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee Mala isheef kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Bu’uuresituun habaaboo Dachi  onnee keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.

Overview News

Malashee: fala waaraa wayita marsaa laguutti ijoollee shamarraniif deeggarsa godhu

3 December 2022 Aswin Endeman
farmers’ Forest Day and Biodiversity

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaru sheer-iskoolsi keenya keessatti jalqabnee jirra: Malashee. Malaa (መላ) jechuun Afaan Amaaraatiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarranii Afrikaa baayyee mudatuuf fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaatanii.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu wanta safuu yookaan sirrii hin taane godhamee ilaalama. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’a.

MALASHEEN, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuun fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Sheer-iskuulsi fi malasheen gareen ta’uun Faawundeeshinii Dachi Filaawer irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Sheer-iskooliif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee malashee kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Faawundeeshinii Dachi Filaawer garaa keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.

Overview News

Sheer fi Vaan diik Floraa /Hundeesitoonni Habaaboo waliin qindayanii Pirojeektii Aananii mana baruumsaa Itiyoophiyaa keessatti jalqaban

26 October 2022 Aswin Endeman
Sheer fi Vaan diik Floraa /Hundeesitoonni Habaaboo waliin qindayanii Pirojeektii Aananii mana baruumsaa Itiyoophiyaa keessatti jalqaban

Yeroo dhihoo Vaan Diik Filoraa fi hundeesitoonni habaaboo waliin ta’uun pirojeektii addaa Itiyoophiyaa keessatti jalqaban. Bara barnootaa kanaatti, baratoota 1350 umuriin isaanii 4 hanga 6 Aanani itittuu nyaataa fayyummaa guutuu qabuu fi qaamaa guddisu torbaanitti yeroo lama kan argatan ta’a. Tajaajilli Aananii yeroo tokkoo umurii wagga 5 harka 33 guyyatti pirotiini barbaachisuu fi harka 10 kaalorii guyyatti barbaachisu ni argamsiisa. Aanani itittuun kun nyaata hoo’aa jirutti dabaludhaan mana baruumsatti ijoolleen hundi guyyaa guyyaadhaan akka argatan nitaasifama.

Pirojeektii Kanaan ijoolleen nyaata madalawaa isaaniif barbaachissu kan argatan ta’uu nimirkaneesina. Nuti Karaa Kanaan miidhaa hanqinna nyaataa nixiqqeesina, hirmaannaa ijoollee niguddifnna. Pirojeektii kanaaf, gamtoominna qonnaan bultoota naannoo lama gurgurtaan isaanii abdachiisaa, namoota 16 gadi hintaaneef hojii kan uumudhaa.

Nut deeggarsa qooda fudhatoota keenya Van Diik Filoraa fi hundesitootaa habaaboo Daachi dinqisfachaa asumaan maqaa ijoollee hundaatiin, maatiwwani fi barsiftota mana baruumsaa Sheertiin isaani nigalateeffanna.

Overview News

Hospitaalli Sheer Maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi godheera

26 October 2022 Aswin Endeman
Hospitaalli Sheer Maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi godheera

Tattaffii nut tajaajila guddisuu Hospitaala Sheerii Baatuu/Ziwaayi/keessa jiru goonuun dhiyeenna kana maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi gooneerra. Akka ogeessa nama hadoochu Worqee Abbooyyee jedhutti, maashinichi Hospitaalaaf qabeenya sirrii, sababnis guutumatti atomaatika kanaafis ogeessi hadoochaa yeroo baqaqisanii hodhuu hojii hedduu hojjachuu, achumaan hojii dhukkubsataa xinxalluu ni hojjata.

Bu’aan gara biraa maashiiniin haarofnni gara tokkoon daa’immaniif ta’a. Direektarri yaalaa Doktoor Damis akka Ibsanitti, kana dura daa’imman hospitaala biraatti ergaa turre. Fayyadamuun Maashiina haarawa seenaadha, nuti dhukkubsatota caalmadhaan yaaluu dandeenya.

Eega maashinichi dhaabbatee leenjiin ogummaa abbicha maashiina hojjateen hojjatoota hunda kan hirmaachise kennamee maashinich faayidaa irra kan oolu ta’a.

Hospitaala Sheertti hojjataan Sher hunda (tilmaaman 12500) fi baratoonni Sheer (6500) tajaajila yaalaa bilisaa ni argatu. Miseensonni hawaasaa gatii xiqqaa madalawaan tajaajila ni argatu. Waggaa waggaadhaan dhukusatoonni 100,000 ol niyaalamu.

Overview News

Koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher Appaartaamota haaraa 16 dabarsee kenne

21 October 2022 Aswin Endeman
Koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher Appaartaamota haaraa 16 dabarsee kenne

Dhuma baatii Fulbaana irratti namoota harka qalleeyyii magaalaa Baatuu/Ziway/ keessa jiraniif manneen jireenyaa haaraa ijaaraman 16 dabarsuu isaanii arguuf kabaja arganneerra. Pirojektiin kun manneen dulloomaa durii, diiguu kan of keessaa qabu you ta’u, mana jireenyaa fi manneen dhagaa gaarii ta’aniin  kan  bakka buufameedha.

Gara ji’oota 18 dura koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher pirojektii kana kan jalqabe yoo ta’u, kunis bittaa roozii #Fairtrade jedhamu irraa maallaqaan kan argameedha.Filannoon maammiltoota  Angooxxoowwan Fairtrade FPC hawaasa humneessuu fi namoota saaxilamoo ta’an jireenya dhugaa fi gaarii akka jiraatan gargaaruudha.Mana jireenyaa 16 kun maanguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijaayaa,jireenya fayyaqabeessa ta’e akka jiraatan mirkaneessuu ,hirdhinna duraan ture irraa mana isa  qulqullinaa fi mijataa akka argatan gochuudha.

Akka dhaabbataatti humna namaa hunda bilisaan akka argamu gochuudhaan pirojektichaaf gumaachineerra. Kanaaf, garee ijaarsaa fi kanneen biroo hundaaf hojii guddaa hojjetaniif galata guddaa isiniif dhiyeessina.

Bakka kantiibaan magaalaa Obbo Gezahegn fi Obbo Boonifase Lwaandaa (Hoogganaa Abaaboo ECAN Fairtrade Afrikaa), manneen kun jiraattota duranitiif  dabarfamee kennameera. Milkaayinni guddaan kun kan Koree Fairtrade Preemiyeemii Sheerit!

Overview News

Gargaarsa Nyaataa Naannoo Hoongeen Miidhamaniif

8 October 2022 Aswin Endeman

Baroota dabaran Itiyoophiyaa keessatti naannoon hanga ta’e hanqinna roobaatiin miidhamuudhaan oomisha dhabuu fi du’aatii belladaa mudateera.Naannoo miidhaman keessaa naannoo Ziwaayi gargaaruuf Sheer Itiyoophiyaan abbaa warraa 800 isa tokkoof kiilo giraama 25 deeggarsa godheera.Gargaarssa kanas kara maanajimentii Sheertiin Bulchiinsa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchatti dabarfameera.Qoodinsi torbaan kana raawwatama.Akka maanajarri walittii dhufeenyaa naannoo Sheerii  obbo Amaan Muddaa ibsanitti.

 

 

Overview News

Baratoota Qooqaatiif meeshaan barnootaa kenname

30 September 2022 Aswin Endeman

Qooqaa keessatti mana baruumsaa ummataa deeggarre. Dhihoo kana ijoollee 50 deeggarsa barbaachisuuf meeshaa  barnootaa paakeejidhaan arjoominee jirra.Kunis iddoo bakka bu’aan bulchiinsaa,waajjira barnootaa , waajjira hojjataa fi hawaasummaa Aanaa Booraa argamanitti hojjatoonni Sheer Itiyoophiyaa meeshaa baratotaa fi maatii isaanitiif dabarsanii jiru.Ittigaafatamaan waajjira barnoota Aanaa Booraa obboo Indaalaa Waarisoo gargaarssa yeroo hunda hawaasa naannootiif taasifamuuf galatoomfatanii baratotaaf bara baruumsa itti milkaayan akka ta’uuf hawwanii jiru.  

Overview News

Hospitaalli Sheerii Ziwaayi keessa jiruufi Dooktara ilkaani yaalu yookaan ilkaan baqaqisu nibarbaadama

16 September 2022 Aswin Endeman

Hiryyoota hojii wajjiin walittidhufeenya gaarii,haakimoota wajjiin hojjattan  fi dhukkubsatotaa  xiyyeeffannaa bareeda gadifageennaa qabduu?

Kan barbaadamu yoo xiqqaate sadarkaa Hospitalatti ogummaa kanaan muuxannoo waggaa tokkoo gaafata.

Caalmaadhaan akka ogeessa fayyaatti kan gaafannu murannoo, ogummaa fi ilaalcha gaarii,yaalamtoota Hospitaala keenya dhufaniif garanyaattee  mijaayaa kan uumu.

Iddoo hojii banaa keenya kan Itiyoojobs nugargaaru karaa weebsaayitii  isaanii irratti iyyadhaa.

Overview News

Bishaan Boolla gadifagoo haarawa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Sheerf

7 September 2022 Aswin Endeman

Ji’a dabre Boolla gadifagoo haarawa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keenya Ziwayi keessa jiruuf  qotameera. Fageenna meetira 72tti Bishaan baheera.Galatnni qaama tajaajia kiristaanaa Addunyaa qonna kana hayyameef haagayuutii kana booda Bishaan dhugaatii mukoota , biqiltuwwani obaasuu fi qulqulinnaaf ittihinfayyadamnu. Maqaa ijoollee 6500 Manneen Barnootaa Sheertiin, hojjettoota CSI fi keessanuu qindeessaa pirojektii naannichaa obboo Chuuchaa Goobaanaa nigalateeffanna.Fuula duraafillee dabalataan boolla gadifagoo sadi iddoowwan mana baruumsaa biroo keenyatti qotuuf ilaalaa jirra.