Category Archives: News

Overview News

Gargaarsa Nyaataa Naannoo Hoongeen Miidhamaniif

8 October 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti kenninsaa gargaarsa nyaataa

Baroota dabaran Itiyoophiyaa keessatti naannoon hanga ta’e hanqinna roobaatiin miidhamuudhaan oomisha dhabuu fi du’aatii belladaa mudateera.Naannoo miidhaman keessaa naannoo Ziwaayi gargaaruuf Sheer Itiyoophiyaan abbaa warraa 800 isa tokkoof kiilo giraama 25 deeggarsa godheera.Gargaarssa kanas kara maanajimentii Sheertiin Bulchiinsa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchatti dabarfameera.Qoodinsi torbaan kana raawwatama.Akka maanajarri walittii dhufeenyaa naannoo Sheerii  obbo Amaan Muddaa ibsanitti.

የሼር ኢትዮጵያ የእርዳታ ቡድን የሼር ኢትዮጵያ የእርዳታ ማደያ ጣቢያ የሼር ኢትዮጵያ የእርዳታ ተጠቃሚዎች የሼር ኢትዮጵያ የእርዳታ ስርጭት ሂደት የሼር ኢትዮጵያ የእርዳታ ዕቃዎች ክምችት የሼር ኢትዮጵያ የምግብ እርዳታ ስርጭት

 

 

Overview News

Baratoota Qooqaatiif meeshaan barnootaa kenname

30 September 2022 Aswin Endeman

Qooqaa keessatti mana baruumsaa ummataa deeggarre. Dhihoo kana ijoollee 50 deeggarsa barbaachisuuf meeshaa  barnootaa paakeejidhaan arjoominee jirra.Kunis iddoo bakka bu’aan bulchiinsaa,waajjira barnootaa , waajjira hojjataa fi hawaasummaa Aanaa Booraa argamanitti hojjatoonni Sheer Itiyoophiyaa meeshaa baratotaa fi maatii isaanitiif dabarsanii jiru.Ittigaafatamaan waajjira barnoota Aanaa Booraa obboo Indaalaa Waarisoo gargaarssa yeroo hunda hawaasa naannootiif taasifamuuf galatoomfatanii baratotaaf bara baruumsa itti milkaayan akka ta’uuf hawwanii jiru.  

የሼር ኢትዮጵያ የትምህርት ቤት ድጋፍ የሼር ኢትዮጵያ የትምህርት ድጋፍ የሼር ኢትዮጵያ የትምህርት ቁሳቁስ ስርጭት

Overview News

Hospitaalli Sheerii Ziwaayi keessa jiruufi Dooktara ilkaani yaalu yookaan ilkaan baqaqisu nibarbaadama

16 September 2022 Aswin Endeman
Hospitaala Sheer Ethiopia keessatti tajaajila fayyaa kennamu agarsiisu

Hiryyoota hojii wajjiin walittidhufeenya gaarii,haakimoota wajjiin hojjattan  fi dhukkubsatotaa  xiyyeeffannaa bareeda gadifageennaa qabduu?

Kan barbaadamu yoo xiqqaate sadarkaa Hospitalatti ogummaa kanaan muuxannoo waggaa tokkoo gaafata.

Caalmaadhaan akka ogeessa fayyaatti kan gaafannu murannoo, ogummaa fi ilaalcha gaarii,yaalamtoota Hospitaala keenya dhufaniif garanyaattee  mijaayaa kan uumu.

Iddoo hojii banaa keenya kan Itiyoojobs nugargaaru karaa weebsaayitii  isaanii irratti iyyadhaa.

Overview News

Bishaan Boolla gadifagoo haarawa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Sheerf

7 September 2022 Aswin Endeman
Sheer Ethiopia keessatti hojii ijaarsa gaggeeffamu

Ji’a dabre Boolla gadifagoo haarawa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keenya Ziwayi keessa jiruuf  qotameera. Fageenna meetira 72tti Bishaan baheera.Galatnni qaama tajaajia kiristaanaa Addunyaa qonna kana hayyameef haagayuutii kana booda Bishaan dhugaatii mukoota , biqiltuwwani obaasuu fi qulqulinnaaf ittihinfayyadamnu. Maqaa ijoollee 6500 Manneen Barnootaa Sheertiin, hojjettoota CSI fi keessanuu qindeessaa pirojektii naannichaa obboo Chuuchaa Goobaanaa nigalateeffanna.Fuula duraafillee dabalataan boolla gadifagoo sadi iddoowwan mana baruumsaa biroo keenyatti qotuuf ilaalaa jirra.

በሼር ትምህርት ቤት የውሃ ፕሮጀክት ቴክኒካል ቡድን በሼር ትምህርት ቤት የውሃ ጉድጓድ ግንባታ ሂደት በሼር ትምህርት ቤት አዲስ የውሃ ጉድጓድ ቁፋሮ ሥራ Boolla bishaan haarawa mana barumsaa Sheer የሼር ኢትዮጵያ የውሃ ፕሮጀክት ቁፋሮ የሼር ኢትዮጵያ የውሃ ቁፋሮ

Overview News

Bakka hojii duwwaa: Daayireektara Mana Barumsaa

6 September 2022 Aswin Endeman
Qacarrii barsiisota mana barumsaa Sheer

Mana barumsaa Sher Sadarkaa 1ffaa Adami Tulutti argamuuf Daayireektara Mana Barumsaa barbaanna.

Dandeettii walqunnamtii fi gurmaa’insaa, garee tokko bulchuu fi kakaasuu dandeesiissu cimna qabdaa? Daayireektarri Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaatti manneen barnootaa dhuunfaa yookiin mootummaa keessatti yoo xiqqaate muuxannoo hojii waggaa 3 kan qabu barbaanna. Wanti nuti akka daayireektaraa tokkootti irra caalaa isin gaafannu kutannoo, kalaqaa, fi ilaalcha gaarii, dandeettii barattoota gurguddoo keenyaa banu dha!

Bakka hojii keenya kan nu deeggaraa jiru karaa marsariitii Ethiojobs’n iyyadhaa.

Overview News

Bosonoomsuu fi Deebisanii Dhaabuu: Biqiltuu 57.000 Dhaabuu

26 July 2022 Aswin Endeman
Sagantaa bosonoomsuu Sheer Ethiopia

Adoolessa 11, guyyaa dhaabbii biqiltuu waggaa waggaadhaan hambaa magariisaa bara 2014 Itoophiyaatti Tulluu Worjaa Ziway/Baatuu fi bakka Bartaa Qoqaatti biqiltuu 57.000 dhaabneerra. Kunis bara 2009 irraa eegalee hanga waliigalaa biqiltuu dhaabame miiliyoona tokkotti dhihaata. Pirojektii eegumsa itti fufiinsa qabuu fi ogummaadhaan itti fayyadama bishaan kuufamaa Worja mirkaneessuuf kaayyeffate keessatti, Sheer Itiyoophiyaa, IDH fi VoCDA waliin ta’uun ciramuu bosonaafi jijjiirama qilleensaa qolachuuf carraaqa jiru:

  • Bosona deebisanii dhaabuu fi Ikoo-tuurizimii misoomsuu (lafa hawaasaa tilmaamaan hektaara 285),
  • lafa lolaa bishaanitiin qotamee manca’e deebisanii dhaabuu fi gaambiyoo dhagaa ijaaruu,
  • sanyii margaa facaasuun hamaachuu fi Fe’achuun beeladaaf akka itti fayyadaman godhuu,
  • gareewwan hojii galii argamsiisan hundeessuun (fkn.  Horsiisaa kannisa),
  • Hojimaata Qonnaa Gaarii barsiisuu fi hojiirra oolchuu, fkn. sanyii midhaanii fooyya’aa qonnaan bultoota naannootiin akka fayyadamaan kennu,

Galmi dhumaa iddoo kunuunsaa hawaasni akka Eeguu fi Abbaa qabeenyummaa akka qabatu godhuu.

Hojjettoota keenyaa fi tola ooltota gosoota biqiltoota dhalootaan jiraatan adda addaa 9 dhaabuuf gargaaran hunda galateeffanna.

በሼር የችግኝ ተከላ ዝግጅት ሥራ በሼር የደን ልማት ተሳታፊዎች በሥራ ላይ በሼር የችግኝ ተከላ እንቅስቃሴ በሼር የደን ልማት ፕሮግራም ተሳታፊዎች በሼር ድርጅት የተደረገ የችግኝ ተከላ ዝግጅት

Overview News

Kaansarii gadaameessaadhaa gulaaluu

20 July 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti hojjetoonni fayyaa hojii irratti

Dhaabbata “Grounds for Health” waliin ta’uun hojjettoota keenya dubaraa umuriin isaanii waggaa 30-50 gidduu jiraniif qorannoo kaansarii gadaameessaadhaa bilisaan gaggeessuuf duula jalqabneerra. Kunis hojjettoonni keenya dubartootaa kaansarii akka hin qabaanne eeguu fi kaansarii sadarkaa jalqabaa yaalamuu danda’u adda baasuudha.Innis Vaayirasii “high risk human papilloma virus (HPV)” jedhamu kan seelonni gadameessaa fayyadhabeessa taasisan qorata. Namoonni kaansarii gadaameessaa qaban harki caalaan isaanii HPV balaa guddaa qabuun kan walqabateedhaa.

Akka  dr Demisitti “Grounds of Health” hojjattoota biratti hubannoo uumuun baayi’ee barbaachisaa dha. Garee isaa waliin ta’uun qormaata dhuunfaa otoo hin fudhatamin dura garee xixiqqoodhaan gorsa kenneera. Yoo qorannoon pozaatiivii ta’e kan nama hin gammachiifne ta’e, yaaliin ni kennama. Michoota keenya “Grounds for Health” keessatti argaman deeggarsa nuuf godhaniif galateeffachuun dubartoonni hundi akka hirmaatan jajjabeessina.

በሼር የጤና ክትትል አገልግሎት

Overview News

Sirna Kabaja xumura waggaa barnootaa

19 July 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti kabaja xumura barnootaa

Torbaan kana xumura bara barnoota 21-22 manneen barnootaa Sher keessatti kabajneerra. Barattoonni, maatii fi keessummoonni kumaatamaan lakkaawaman manneen barnootaa Ziwaayi fi Adaamii Tulluutti argamaniiru. Sirnoonni kun gochoota akka walaloo dubbisuu,shubbisa aadaa fi agarsiisa adda addaaa muldhisudhaan faayamanii bareeduma kan qaban ture. Eebbifamtoonni mana barumsaa daa’immanii hundi, uffata gurraacha koophii walsimatu waliin uffachuun, midhaganiiru. Hooggantoota Sher fi bakka bu’oota Biiroo Barnootaa fi Kanneen biroo keessaa dhufaniin haasofn taasifameera. Barattootaa qabxxii olaana galmesanii fi barsiisota gahumsa gaarii agarsiisan waraqaa ragaa fi badhaasa garagaraa badhaafamaniiru. Guyyoota milkaa’iina lama duubatti deebinee ilaaluu dandeenya.

Barnoota qulqullina olaanaa, bilisaan, daa’imman kumaatamaan lakkaa’amaniif kennuudhaan, manneen barnootaa Sher hedduun egeree ifaa fi fooyya’aa akka abjootan dandeessisaniiru. Ashaaraa hundeessitoota manneen barnootaa Obbo Gerrit fi Aadde Nel Barnhoorn irratti hundaa’uun abjuu kana jiraachisuuf kutannoo qabna.

በሼር ኢትዮጵያ የትምህርት ማእከል የተሰጠ የእውቅና ሽልማት በሼር ኢትዮጵያ ተማሪዎች የምስክር ወረቀት በመቀበል ላይ በሼር ኢትዮጵያ የትምህርት ዓመት መዝጊያ ላይ ተማሪዎች በድምቀት ሲያከብሩ Sher Ethiopia keessatti sirna eebbaa barattoota በሼር ትምህርት ቤት የመዝጊያ በዓል በሼር ትምህርት ቤት የመዝጊያ ስነ-ስርዓት በሼር ትምህርት ቤት የዝግጅት ፕሮግራም በሼር ትምህርት ቤት የመዝጊያ ፕሮግራም

Overview News

Meeshaalee haaraa Hospitaala Sheeriif kennaman

10 July 2022 Aswin Endeman
Hospitaala Sher Ethiopia keessatti meeshaalee haaraa kennaman mul'isa

Angootoowwan AQ, Angootoo Braam, Angootoo Herbarg fi Angootoo Ziway qonnaan bultoota ollaa keenyaan kan oomishaman dhiheenya kana meeshaalee haaraa tokko tokko Hospitaala Sheriif kennaniiru. Maashinii ECG, hordofittoota dhukkubsattootaa sadii fi leenjistoota geejjibaa hojjettoota fayyaa keenyaaf kennanii jiru.

Dhaabbilee arjummaa isaanii fi keessumaa warra kutaa balaa tasaa keessa deeggaraan baay’eetti galateeffanna.

Hospitaala Sher keessatti hojjettoonni hundi (tilmaamaan 20.000) dhaabbilee daraaraa 5 Ziway keessa jiran keessaa kunuunsa fayyaa tolaan ni argatu. Dhukkubsattoonni waggaatti 100.000 ol (hojjetoota, barattootaa fi miseensonni hawaasaa) ta’an ni yaalamu.

Overview News

Deeggarsa IGA’f kennamu: Tajaajila horsiisa kanniisa fi Ikoo-Tuurizimii

10 July 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti kanniisa horsiisuu irratti hojjettoota mul'isa

Afriilooraan / Sher pirojektoota hedduu hawaasa naannoolee nuti keessa hojjenu cimsuuf, gareewwan miseensota hawaasaatiin ijaaramaniif hojiiwwan galii argamsiisan qopheessuun deeggara jira. Ji’oota darban keessatt gareewwan hundi waa’ee Horsiisa kanniisa fi Ikoo-tuurizimii irratti leenji fudhataniiru.

Gaagurri 50’ni garee 13 miseensota 4 hanga 10 qabaniif raabsameera. Walumaagalatti namoonni 80 waa’ee damma-oomisha beekumsa bu’uuraa argataniiru. Miseensota hunda duuba maatiiwwan gurguddoon pirojekticha irraa fayyadamoo ta’ani jiru. Fakkeenyi tokko garee xiqqaa/apiary Mustafaa Abuu jedhamuun kan moggaafame (suura irratti kan argamu) dha. Miseensonni garee kanaa hojii kana jalqabuuf kaka’umsa guddaa kan qaban yoo ta’u, galii gurgurtaa damma irraa argamu irra caalaan gaagura dabalataa bituuf waliigalaniiru. Waliin hojjechuudhaan, maatii tokko qofa osoo hin taane, hawaasni hundi fayyadamoo ni ta’a. Omishaa keessaa harki xiqqaan fayyadama ofii isaaniif ni ta’a.

Pirojektii Ikoo-Tuurizimii kana keessatti fayyadamtoonni (dargaggoota) 20 naannoo Worja Washgulaa fi Kamo Gerbi keessa jiratan turistootaa fi daawwattoota Ikoo-wiirtuu tulluu Worjaa akka isaan tajaajilaniif leenjiin kennameera. Naannoon kun bineensota, simbirrootaa hedduu fi ilaalcha ajaa’ibaa qabaachuun isaa beekama dha. Sirna baniinsaa kana irratti namoonni 200 ol ta’an Afeerricha irratti argamuun nyaata aadaa fi buna Itoophiyaa beekamaa ‘macchiato’, kan amma guyyaa guyyaan Ikoo-Huts keessatti keessuummootaaf dhihaatanii dha. Kaappitaalli ETB 100,000 kennuun miseensonni hojii mataa isaanii akka gaggeessanii fi lafa hektaara 200 gara bosonatti akka deebi’uu taasifame kunuunsuuf itti gaafatamummaa akka isaan fudhatan kan dandeessuu dha. Dambii ittiin bulmaataa (sanadoota seeraa fi dambiiwwan) naannoo bishaan kuufamaa maayikiroo itti fufiinsaan bulchuu fi itti fayyadamuuf kan isaan gargaaran, gargaarsa VoCDA fi IDHn qophaa’aa jiru.

በሼር ኢትዮጵያ የሴቶች የቁጠባ ቡድን ስብሰባ በሼር ኢትዮጵያ የፕሮጀክት ጅምር ስብሰባ በቀበሌ ደረጃ በሼር ኢትዮጵያ የኢኮቱሪዝም ፕሮጀክት ምረቃ ስነ-ስርዓት በሼር ኢትዮጵያ የኢኮቱሪዝም ፕሮጀክት ተሳታፊዎች በሼር ኢትዮጵያ የኢኮቱሪዝም ፕሮጀክት ስልጠና በሼር ኢትዮጵያ የማህበረሰብ ተሳትፎ ውይይት በሼር ኢትዮጵያ የህብረተሰብ ግንኙነት ስብሰባ በሼር ኢትዮጵያ የንብ እርባታ ስልጠና በሼር ኢትዮጵያ የልማት ፕሮጀክት ተጠቃሚ በሼር ኢትዮጵያ የማህበረሰብ ልማት ውይይት