Overview News

Bosonoomsuu fi Deebisanii Dhaabuu: Biqiltuu 57.000 Dhaabuu

26 July 2022 Aswin Endeman

Adoolessa 11, guyyaa dhaabbii biqiltuu waggaa waggaadhaan hambaa magariisaa bara 2014 Itoophiyaatti Tulluu Worjaa Ziway/Baatuu fi bakka Bartaa Qoqaatti biqiltuu 57.000 dhaabneerra. Kunis bara 2009 irraa eegalee hanga waliigalaa biqiltuu dhaabame miiliyoona tokkotti dhihaata. Pirojektii eegumsa itti fufiinsa qabuu fi ogummaadhaan itti fayyadama bishaan kuufamaa Worja mirkaneessuuf kaayyeffate keessatti, Sheer Itiyoophiyaa, IDH fi VoCDA waliin ta’uun ciramuu bosonaafi jijjiirama qilleensaa qolachuuf carraaqa jiru:

  • Bosona deebisanii dhaabuu fi Ikoo-tuurizimii misoomsuu (lafa hawaasaa tilmaamaan hektaara 285),
  • lafa lolaa bishaanitiin qotamee manca’e deebisanii dhaabuu fi gaambiyoo dhagaa ijaaruu,
  • sanyii margaa facaasuun hamaachuu fi Fe’achuun beeladaaf akka itti fayyadaman godhuu,
  • gareewwan hojii galii argamsiisan hundeessuun (fkn.  Horsiisaa kannisa),
  • Hojimaata Qonnaa Gaarii barsiisuu fi hojiirra oolchuu, fkn. sanyii midhaanii fooyya’aa qonnaan bultoota naannootiin akka fayyadamaan kennu,

Galmi dhumaa iddoo kunuunsaa hawaasni akka Eeguu fi Abbaa qabeenyummaa akka qabatu godhuu.

Hojjettoota keenyaa fi tola ooltota gosoota biqiltoota dhalootaan jiraatan adda addaa 9 dhaabuuf gargaaran hunda galateeffanna.