Overview News

Barattoonni Sheerii Badhaafaman

31 January 2023 Aswin Endeman
Barattoonni Sheerii Badhaafaman

Dhiheenya kana barattoonni keenya kutaa 8ffaa sadii dorgommii dandeettii argannoo fi kalaqaa addaa irratti hirmaatanii jiru; Kalaqa addaa ta’e kana kan qopheesse Biiroo Barnoota Oromiyaati. Dorgommiin kun sadarkaa naannootti kan dhiyaate yoo ta’u, “Guyyaa Barattoota Dubartoota Oromiyaa” irratti kan dhiyaateedha. Sagantaan kun Giddugala Aadaa Oromiyaa Addiis Ababaatti gaggeeffame.

Helen Yooseef, Mahleet Birhaanuu fi Qananiituu Tashoomaa gama hojii ogummaa harkaatiin mo’attoota ta’aniiru. Isaanis Meedaaliyaa fi waraqaa ragaa argataniiru. Guyyaa sana hojiiwwan aartii isaanii daawwattoota fuulduratti akka dhiyeessan carraan kennameefii Barsiistuu Roobittii Mangashaatiin dabaalamanii turan. Guyyaa itti aanutti ayyaana kana kabajuuf Paarkii Michoomaa ilaaluuf deeman.

Shamarran kunneen mana barumsaa Sheeritti erga deebi’anii booda hoggansa mana barumsichaa fi barattoonni isaaniitiin simannaan ho’aan taasifameeraaf. Shamarran keenya hojii gaarii hojjetan.