Category Archives: News

Overview News

Barattoonni Sheerii Badhaafaman

31 January 2023 Aswin Endeman
Barattoota Sheerii kitaaba dubbisaa jiran

Dhiheenya kana barattoonni keenya kutaa 8ffaa sadii dorgommii dandeettii argannoo fi kalaqaa addaa irratti hirmaatanii jiru; Kalaqa addaa ta’e kana kan qopheesse Biiroo Barnoota Oromiyaati. Dorgommiin kun sadarkaa naannootti kan dhiyaate yoo ta’u, “Guyyaa Barattoota Dubartoota Oromiyaa” irratti kan dhiyaateedha. Sagantaan kun Giddugala Aadaa Oromiyaa Addiis Ababaatti gaggeeffame.

Helen Yooseef, Mahleet Birhaanuu fi Qananiituu Tashoomaa gama hojii ogummaa harkaatiin mo’attoota ta’aniiru. Isaanis Meedaaliyaa fi waraqaa ragaa argataniiru. Guyyaa sana hojiiwwan aartii isaanii daawwattoota fuulduratti akka dhiyeessan carraan kennameefii Barsiistuu Roobittii Mangashaatiin dabaalamanii turan. Guyyaa itti aanutti ayyaana kana kabajuuf Paarkii Michoomaa ilaaluuf deeman.

Shamarran kunneen mana barumsaa Sheeritti erga deebi’anii booda hoggansa mana barumsichaa fi barattoonni isaaniitiin simannaan ho’aan taasifameeraaf. Shamarran keenya hojii gaarii hojjetan.

የሼር ኢትዮጵያ ተማሪዎች ሽልማት በሼር ኢትዮጵያ የተሸለሙ ተማሪዎች የሼር ኢትዮጵያ የሽልማት ስነ-ስርዓት Barattoota Sheerii qormaata fudhachaa jiran በሼር ትምህርት ቤት ተማሪዎች የሽልማት ስነ-ስርዓት ላይ ተሳታፊዎች በደስታ ሲያጨበጭቡ በሼር ትምህርት ቤት የተሸለሙ ተማሪዎች ከሽልማታቸው ጋር ቆመው

 

Overview News

Iddoo hojii Banaa haaraa: Barreessituu/ Gargaartuu Bulchiinsaa

27 January 2023 Aswin Endeman
Beeksisa carraa hojii Sher Ethiopia

Dargaggeettii fi humna haara kan qabdu, Barreessituu/Gargaartuu Bulchiinsaa tan Afaan Ingiliffaa sirriitti dubbattu kan adeemsa galtee alaa dhufu deeggartuu fi hojii barreessummaa /Gargaartuu Bulchiinsaa guyyaa guyyaa waajjira Finfinnee keessatti hooggantu barbaanna.

Please click here to find more information.

 

 

Overview News

Guyyaa Qulqullinaa Naannoo Mana Barumsaa Sheeri

10 January 2023 Aswin Endeman
Guyyaa qulqullinaa Sheerii keessatti

Guyya har’aa Qulqullinaa naannoo mana barumsa keenyaa irrattii barattonni keenyaa hirmaachuu keessaaniif baayee isiinitii boonne jirra. Hojiin qulqullinaa kun miseensoota kilaabii Eugumsaa naannoodhaan qinda’ee Baarsiisonni fi baaratoonni hedduu irrattii hirmaachuun gaataa pilaastikaa fi kan biro hedduu saassaabuun danda’amee jira. Gaataan jaajjaboo akkaa biyyattii illee raakkoo guddaa dha. Barratoonni fi Barsiisonni keenyaa dhaalootni haraa kun naannoo qulqulluu ta’e qaabachuu akkaa danda’an gochuuf qophaa’oo ta’uu isaanii agarsiisaani jiru. Dalaagaa Gaarii Baraattoota Keenya!

የሼር ትምህርት ቤት ተማሪዎች በአካባቢ ጽዳት ላይ ተሳትፎ ሲያደርጉ የሼር ትምህርት ቤት ተማሪዎች የአካባቢ ጽዳት በሚያካሂዱበት ወቅት

Overview News

Daawwannaa Baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa

15 December 2022 Aswin Endeman
Barattoota Yunivarsiitii Addis Ababaa Sheerii daawwatan

Dhiyeenna kana tuuta barsiftotaa fi baratoota Yunvarsiitii Addis Ababaa baayinnaan 48 ta’an simannee jirra.Eega anaa dhufuu jedhameen booda  haala dhaabbatichaa,guddinnaa fi adeemsa  hojii isaa ilaalchisee ibsa gabaabaa kennameera.Marii taasifameen hojii Eegumsa naannoo fi hawaasummaa irratti gammechuu isaanii argisisanii jiru.Tarsiimoo ittgaafatamummaa hawaasaa bahuu fi pirojeektii dhaabbatichaa irratti Mr.Aswin Endemaniin ibsi kennameera.Eega ibsaa fi mariin taasifameen booda  mana oomisha Habaaboo(Green house), omisha Habaaboo , qindeessuu fi Caffee namaan hojjatame daawwannaan dirree tassifameera.Xumuura irratti   hirmaatonni yaada kennaniin hojii misoomaa,tajaajila hawaasummaa fi Eegumsa naannoo Sheeri Itiyoophiyaan raawwatamu kan dinqisifatan ta’uu ibsaniiru.Dhuma irrattii tutin yeroo aarsaa gochuun  simannaa fi ibsa isaanii taasifameef Kaampaanii Sheer galateefatanii  jiru.

Nutis seenaa keenya qaama fedhii qabu biraan akka nuugahan tuutaaf jabeesinee dhaammanneerra.

የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች በሼር ትምህርት ቤት ጉብኝት ላይ በሼር ትምህርት ቤት የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ጉብኝት የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች በሼር ትምህርት ቤት ውስጥ በሼር ትምህርት ቤት የዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች የቡድን ውይይት በሼር ትምህርት ቤት የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ስብሰባ

 

Overview News

Mala ishiif: fala waaraa marsaa laguu ijoollee shamarraniif

5 December 2022 Aswin Endeman
Girls attending Sher Ethiopia's Mela health education

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaruuf mana barnoota sheerii keenya keessatti jalqabnee jirra; Mala ishiif. Malaa jechuun Afaan Oromootiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarran Afrikaa baayyeef mudatuu fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaataniidha.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu mijaawaa miti. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’e argama.

MALA ISHIIF, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuu fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Manni barnoota Sheerii fi mala ishiin gareen ta’uun bu’uuresituu habaaboo Dachi irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Mana barnoota Sheeriitiif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee Mala isheef kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Bu’uuresituun habaaboo Dachi  onnee keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.

Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota irratti hirmaatan Sher Ethiopia keessatti shamarran mari'achaa jiran Sher Ethiopia keessatti shamarran kitaaba dubbisaa jiran Sher Ethiopia keessatti shamarran meeshaalee barnootaa qabatanii በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ውይይት በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ተሳታፊ በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ስልጠና በሼር ትምህርት ቤት የሜላ ለእሷ ፕሮግራም ተሳታፊዎች

Overview News

Malashee: fala waaraa wayita marsaa laguutti ijoollee shamarraniif deeggarsa godhu

3 December 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti meeshaalee barnootaa agarsiifaman

Torbee darbe piroojektii haaraa barattoota shamarranii 1300 deeggaru sheer-iskoolsi keenya keessatti jalqabnee jirra: Malashee. Malaa (መላ) jechuun Afaan Amaaraatiin mala jechuudha. Rakkoo dubartootaa fi ijoollee shamarranii Afrikaa baayyee mudatuuf fala kan ta’u: hanqina meeshaalee qulqullinaa gatii madalaawaan dhiyaatanii.

Namoota danuu biratti, qulqullinni marsaa laguu wanta safuu yookaan sirrii hin taane godhamee ilaalama. Shamarran miiliyoonaan lakkaawwaman guutuu addunyaarra jiraniif barnoota, fayyaa, ofitti-amanamummaa fi mirgoota namoomaa irratti danqaa itti ta’uu danda’a. Dabalees, baayyee isaaniif dhufaatiin marsaa laguu mana barumsaarra hafuuf sababa ta’a.

MALASHEEN, interpiraayizii hawaasummaa Itoophiyaa keessatti socho’uuf reef hundaa’e yemmuu ta’u, meeshaalee wayita marsaa laguutti qulqullina ittiin eeggatan gatii madaalaawaan dhiyeessuun fi barnoota fayyaa marsaa laguu kennuudhaan jireenya dubartootaa fi shamarran guutuu Itoophiyaa keessa jiranii jijjiiruuf kan kaayyeffatedha. Sheer-iskuulsi fi malasheen gareen ta’uun Faawundeeshinii Dachi Filaawer irraa deeggarsa argataniin shamarran umriin isaanii 11-18 ta’an 1300’f meeshaalee wayita marsaa laguutti isaan gargaaran kan dhiyeessudha. Meeshaaleen alattis, gareen ogeessotaa garee barsiisota Sheer-iskooliif leenjii kan kennan yemmuu ta’u, karaa gumiiwwan shamarranii barattoonni 1300 hunduu fayyaa marsaa laguu irratti leenjii ni argatu.

Qindoomina bu’a-qabeessa taasisaniif garee malashee kan galateeffannu yemmuu ta’u, akkasumas deeggarsa amma gochaa jiranii fi piroojektii kana deeggaruuf kutannoo isaan gara fuulduraatti agarsiisaniif Faawundeeshinii Dachi Filaawer garaa keenyarraa ni galateeffanna. Waliin taanee addunyaa shamarran mirga kabaja namummaa argachuutti fayyadaman uumnee jireenya keessatti gahumsa isaanii guutuutti dhimma bahuu akka danda’aniif gumaacha ni goona.

Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota fudhachaa jiran Sher Ethiopia keessatti meeshaalee barnootaa agarsiifaman Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota keessatti hirmaatan Sher Ethiopia keessatti shamarran mari'achaa jiran Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota fudhachaa jiran Sher Ethiopia keessatti meeshaalee barnootaa agarsiifaman Sher Ethiopia keessatti shamarran barnoota keessatti hirmaatan Sher Ethiopia keessatti meeshaalee eegumsa fayyaa agarsiifaman

Overview News

Sheer fi Vaan diik Floraa /Hundeesitoonni Habaaboo waliin qindayanii Pirojeektii Aananii mana baruumsaa Itiyoophiyaa keessatti jalqaban

26 October 2022 Aswin Endeman
Sheer fi Vaan diik Floraa garee hojii waliin mari'achaa jiru

Yeroo dhihoo Vaan Diik Filoraa fi hundeesitoonni habaaboo waliin ta’uun pirojeektii addaa Itiyoophiyaa keessatti jalqaban. Bara barnootaa kanaatti, baratoota 1350 umuriin isaanii 4 hanga 6 Aanani itittuu nyaataa fayyummaa guutuu qabuu fi qaamaa guddisu torbaanitti yeroo lama kan argatan ta’a. Tajaajilli Aananii yeroo tokkoo umurii wagga 5 harka 33 guyyatti pirotiini barbaachisuu fi harka 10 kaalorii guyyatti barbaachisu ni argamsiisa. Aanani itittuun kun nyaata hoo’aa jirutti dabaludhaan mana baruumsatti ijoolleen hundi guyyaa guyyaadhaan akka argatan nitaasifama.

Pirojeektii Kanaan ijoolleen nyaata madalawaa isaaniif barbaachissu kan argatan ta’uu nimirkaneesina. Nuti Karaa Kanaan miidhaa hanqinna nyaataa nixiqqeesina, hirmaannaa ijoollee niguddifnna. Pirojeektii kanaaf, gamtoominna qonnaan bultoota naannoo lama gurgurtaan isaanii abdachiisaa, namoota 16 gadi hintaaneef hojii kan uumudhaa.

Nut deeggarsa qooda fudhatoota keenya Van Diik Filoraa fi hundesitootaa habaaboo Daachi dinqisfachaa asumaan maqaa ijoollee hundaatiin, maatiwwani fi barsiftota mana baruumsaa Sheertiin isaani nigalateeffanna.

በሼር ኢትዮጵያ ት/ቤት የወተት ፕሮግራም ተሳታፊ ተማሪዎች በሼር ኢትዮጵያ ት/ቤት የወተት ፕሮግራም ተጠቃሚ ህፃን በሼር ኢትዮጵያ ት/ቤት የወተት ፕሮግራም ተሳታፊዎች በሼር ኢትዮጵያ የወተት ፕሮግራם ተጠቃሚ ተማሪዎች በሼር ኢትዮጵያ ት/ቤት ተማሪዎች የወተት ፕሮግራም ላይ በሼር ኢትዮጵያ ት/ቤት የወተት ስርጭት ሥነ-ሥርዓት በሼር ኢትዮጵያ ትምህርት ቤት ውስጥ ተማሪዎች ወተት እየተመገቡ Sheer fi Vaan diik Floraa garee hojii waliin mari'achaa jiru Sheer fi Vaan diik Floraa sagantaa leenjii gaggeessaa jiru Sheer fi Vaan diik Floraa barattoota waliin mari'achaa jiru Sheer fi Vaan diik Floraa bakka pirojeektii aananii mana baruumsaa keessatti hojjetaa jiru

Overview News

Hospitaalli Sheer Maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi godheera

26 October 2022 Aswin Endeman
Suuraa dhabamaa

Tattaffii nut tajaajila guddisuu Hospitaala Sheerii Baatuu/Ziwaayi/keessa jiru goonuun dhiyeenna kana maashiina haarawa nama hadoochu irratti investi gooneerra. Akka ogeessa nama hadoochu Worqee Abbooyyee jedhutti, maashinichi Hospitaalaaf qabeenya sirrii, sababnis guutumatti atomaatika kanaafis ogeessi hadoochaa yeroo baqaqisanii hodhuu hojii hedduu hojjachuu, achumaan hojii dhukkubsataa xinxalluu ni hojjata.

Bu’aan gara biraa maashiiniin haarofnni gara tokkoon daa’immaniif ta’a. Direektarri yaalaa Doktoor Damis akka Ibsanitti, kana dura daa’imman hospitaala biraatti ergaa turre. Fayyadamuun Maashiina haarawa seenaadha, nuti dhukkubsatota caalmadhaan yaaluu dandeenya.

Eega maashinichi dhaabbatee leenjiin ogummaa abbicha maashiina hojjateen hojjatoota hunda kan hirmaachise kennamee maashinich faayidaa irra kan oolu ta’a.

Hospitaala Sheertti hojjataan Sher hunda (tilmaaman 12500) fi baratoonni Sheer (6500) tajaajila yaalaa bilisaa ni argatu. Miseensonni hawaasaa gatii xiqqaa madalawaan tajaajila ni argatu. Waggaa waggaadhaan dhukusatoonni 100,000 ol niyaalamu.

በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የማደንዘዣ መሳሪያ ትውውቅ በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የማደንዘዣ መሳሪያ ስብሰባ በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል አዲስ የማደንዘዣ መሳሪያ

Overview News

Koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher Appaartaamota haaraa 16 dabarsee kenne

21 October 2022 Aswin Endeman
Sher Ethiopia keessatti raawwii kenninsaa cabbiiwwan apartaamentotaa

Dhuma baatii Fulbaana irratti namoota harka qalleeyyii magaalaa Baatuu/Ziway/ keessa jiraniif manneen jireenyaa haaraa ijaaraman 16 dabarsuu isaanii arguuf kabaja arganneerra. Pirojektiin kun manneen dulloomaa durii, diiguu kan of keessaa qabu you ta’u, mana jireenyaa fi manneen dhagaa gaarii ta’aniin  kan  bakka buufameedha.

Gara ji’oota 18 dura koreen Fairtrade Preemiyeemii Sher pirojektii kana kan jalqabe yoo ta’u, kunis bittaa roozii #Fairtrade jedhamu irraa maallaqaan kan argameedha.Filannoon maammiltoota  Angooxxoowwan Fairtrade FPC hawaasa humneessuu fi namoota saaxilamoo ta’an jireenya dhugaa fi gaarii akka jiraatan gargaaruudha.Mana jireenyaa 16 kun maanguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijaayaa,jireenya fayyaqabeessa ta’e akka jiraatan mirkaneessuu ,hirdhinna duraan ture irraa mana isa  qulqullinaa fi mijataa akka argatan gochuudha.

Akka dhaabbataatti humna namaa hunda bilisaan akka argamu gochuudhaan pirojektichaaf gumaachineerra. Kanaaf, garee ijaarsaa fi kanneen biroo hundaaf hojii guddaa hojjetaniif galata guddaa isiniif dhiyeessina.

Bakka kantiibaan magaalaa Obbo Gezahegn fi Obbo Boonifase Lwaandaa (Hoogganaa Abaaboo ECAN Fairtrade Afrikaa), manneen kun jiraattota duranitiif  dabarfamee kennameera. Milkaayinni guddaan kun kan Koree Fairtrade Preemiyeemii Sheerit!

የሼር ኢትዮጵያ የድርጅት መለያ ምስል የሼር ኢትዮጵያ ሎጎ በአዲስ ዲዛይን የሼር ኢትዮጵያ ሰራተኞች በአንድ ስብሰባ ላይ Sher Ethiopia keessatti daawwannaa apartaamentota haaraa በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና ቡድን ውይይት የሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል ሰራተኞች ስብሰባ በሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና አገልግሎት የሼር ኢትዮጵያ ሆስፒታል የህክምና ቡድን